Barnootaa ammas barnootaa kana ta’uu qaba kaayyoon Oromootaa jedhamee weellifameefiira. Barnoonni furtuu waan hundaa ta’u hayyoonni Oromoo darbanillee beekanii dhaloonni barumsaaf akka ka’u fayyasaafis wabii akka ta’u gorsaa turan.
Dhaloonni hinbaranne mirgasaatiif hinfalmatu jechuun Oromoon barnootaaf dursa kennuu akka qabu kan gorsan keessaa Jeneraal Taaddasaa Birruu isaan tokko.
Mul’atasaanii kana milkeessuuf hedduun artiin miidhagsanii kan weellisanii yoo ta’u, Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa isa tokko yoo ta’u, raayyaan barnootaafi hawaasni mana barumsaas barnoonni hunda akka waliin gahuuf carraaqqii guddaa taasisaa turaniiru, ammas ittuma jiru.
Barachuufimmoo fayyaan ofii eegamaa ta’uun dirqama yoo ta’u, weerara busaatiin walqabatee fayyaan lammiilee gaaga’ama hamaa keessa seeneera. Dhaloota dhibeerraa bilisa ta’e horachuu kanamalees kan barnoota ammayyaatiin of gahe horachuuf yoo tarkaanfiin hinfudhatamne nama dhuunfaaf mitii biyyaafuu yaaddoodha.
Guddina hawaas dinagdeefi siyaasa biyya tokkoo fuulduratti tarkaanfachiisuu keessatti shoorri fayyaafi barnoonni taphatan olaanaa waan ta’eef mootummaa naannoo Oromiyaa biratti bakki guddaan kennameefii irratti hojjetamaa tureera, jiras.
Keessumattuu daa’imman umriin barnootaaf gahe dugaaganii mana barumsaatti galchuu darbee yaada fayyaan faaya jedhu milkeessuuf ijaarsa buufataalee fayyaa irraa kaasee hanga jalaatti babal’isuun hojiin hojetamaa jiru olaanaadha.
Haata’uutii harcaatii tibbana barnootarratti mudateen walqabatee komii guddaan ka’aa kan jiru yoo ta’u, maddi rakkoo kanaa maali, hudha kana furuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru hoo maal fakkaata?
Kanamalees weerara busaa yaaddoo dabalataa ta’ee lammiilee qoraa jiru furuuf malli akka mootummaatti kaa’ame maalidha? isa jedhuuf keessummaa tokko isinii dhiyeessineerra.
Keessummaan keenya dhimmoota kanneeniif deebii nuu kennan Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakiim Muluuti.
Bariisaa: Qoodni hojiin Kilaastara Hawaasummaa maaliidha? biirolee isa jalatti hogganamanirraa maaltu adda isa taasisa?
Obbo Abdulhakiim: Sektaroonni Kilaastara Hawaasummaa kana jalatti hammataman 11 yoo ta’an, isaan keessaa kanneen akka Barnootaa, Fayyaa, Aadaafi Turizimii, Dargaggootaafi Ispoortii, Kominikeeshiniifaan ni eeramu.
Hordoffiifi deeggarsa, qorannaa, ijaarsa kennuun qindeessuun kallattii kaa’uufi egereef haala waloo mijeessuun hudhaa kilaastara hawaasummaa furuudha.
Bariisaa: Gara misooma barnootaatti isin deebisnaa cabiinsa barnootaa mudateef sababni maali? Malli hudhaa kana furuuf kaa’ame hoo maalinni?
Obbo Abdulhakiim: Cabiinsi damee barnootaarratti barana mudate waggaa afur dura akka naannootti qorannaan kan mirkanaa’e ta’uu hubatamee irratti hojjetamaa tureera.
Bariisaa: Cabiinsi barnootaa barana mudate mudachuu akka danda’u erga qorannaadhaan beekamee durfamee tarkaanfiin cabiinsa kana oolchuu hojjetameeraa laata?
Obbo Abdulhakiim: Dhugaa dubbachuuf cabiinsi barnootaa mudachuu akka danda’u erga baramee as hojiin qulqullina barnootaa lafa qabsiisuu sirriitti irratti hojjetamaa tureera jechuun ni danda’ama. Kunis hudhaalee sababa ta’an adda baasuun irratti hojjetamaa tureera ammas ittuma jira.
Bariisaa: Hudhaaleen cabiinsa barnootaaf sababa ta’aniifi qorannichaan adda bahanii irratti hojjetamaa jiran maal fa’i?
Obbo Abdulhakiim: Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne rakkoon istaandardii isa tokko. Istaandardii dareedhaan walqabatee sadarkaa naannootti dhibbantaa 15 qofatu hojiirra oole. Achi keessaa manneen barnootaa dhibbantaan 85 istaandardii kan eeggatan miti. Rakkoon dhiyeessiiwwan barnootaas kan jiran yoo ta’u, hanqinni kitaabilee akka fakkeenyaatti kan ka’uudha.
Dabalataan sirni barnootaa hojiirra ture mataansaa rakkoo hamaaf kan saaxilame waan tureef innillee xiyyeeffannoo kan barbaadu ta’ee argameera. Inni biraa rakkoolee dandeettii, hoggansaa, qindeessummaafi hawaasa mana barumsaatiin kan walqabatuudha.
Bariisaa: Erga rakkoon istaandardii hubatamee hammam irratti hojjetameeraree?
Obbo Abdulhakiim: Misoomni manneen barnootaa sadarkaasaanii eeggatanii akka babal’atu ta’eera.
Keessumaa waggoota sadan darbanitti hirmaannaa uummataatiin manneen barnootaa bu’uura boruu kuma 15 ol ijaaramaniiru. Kanneen keessaa manneen barnootaa 4500 kurmaana 1ffaa keessa kan ijaarameedha. Ifa Boruu 100 ol, manneen barumsaa bultii addaa torbaafi manneen barnootaa addaas heddumminaan kan ijaaraman yoo ta’u, dameen barnootaa akka naannootti xiyyeeffannoo guddaa argataa jira jechuun ni danda’ama.
Bariisaa: Dhiyeessiin kitaabilee barnootaa hudhaa guddaa akka ta’e ka’aa jiraatii kana furuuf maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Abdulhakiim: Hudhaan kun ammallee waantota sektara barnootaa qoraa jiran keessaa isa tokko yoo ta’u, kana furuuf biyya keessaafi alatti maxxansi kitaabilee taasifamaa jira.
Maxxansi kitaabilee sirna barnoota haaraa kun hamma tokko kan raawwatame yoo ta’u, kitaabileen miliyoona 11.4 (dhibbantaa 43 )maxxansiisuun barataaf raabsamaniiru. Bakka hanqinni jiruttimmoo sooftikoppiin kennamee yeroof akka irraa barsiisan taasifamaa jira. Ta’uus quufsaa waan hintaaneef maxxansisaa ammas ittuma jira.
Walumaagalatti cabiinsa barnootaa barana numudate mootummaan naannoo Oromiyaa waggaa afur dura qorannaan kanirra ga’e waan ta’eef inisheetiiviiwwan adda addaa bocee misooma barnootaarratti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjetaa tureera. Jijjiiramonni olaanaanis galmaa’aa jira. Ammas cimee ittifufa.
Bariisaa: Barnoonni idileen duraa (BID)dur hinturre kufaatii qaqqabaa jiru kanaaf akka sababaatti ka’aa laata?
Obbo Abdulhakiim: Sirni barnootaa kanaan dura ture gama barnoota idileen duraatiin xiyyeeffannoo kennee hojjetaa hinturre. Kanarraa kan ka’e barataan daree lakkaa’uun ala osoo qubee adda baasee hinbeekiin dareerraa dareetti darbaa ture.
Haataa’uutii booda kana hojii haala mijeessitoota mindeessuun hojjetameen jijjiiramoonni guguddoon galmaa’aa jiru. Tarkaanfiin kun inisheetiivii dabalataa misoomni barnootaa ittiin mirkanaa’aa jiru keessaa hojii guddaa daa’imman barnoota idileen duraarratti hojjetamaa jiruudha.
Bariisaa: Simannaan barattootaa yeroo ammaa maalirra jira? Keessumattuu daa’imman umriinsaanii barnootaaf gahe duguuganii mana barumsaatti fiduurratti sochiifi raawwiin jiru maal fakkaata?
Obbo Abdulhakiim: Barataan Oromiyaa keessa jiru hammami isa jedhu yoo ilaalle biyya tokko jechuun ni danda’ama. Sababnisaas barana qofa barattoonni galmaa’anii barachaa jiran miliyoona 11.3dha.
Barattoota kanneeniif kitaaba sirna haaraan maxxanfamee qophaa’e waliin gahuuf sochii taasifameen dhibbantana 43 raabsameera. Kan hafemmoo bajata guddaan ramadameefii biyya keessaafi alatti maxxanfamaa jira.
Daa’imman umriinsaanii barnootaaf gahemoo jechuunis kanneen BID addatti barsiisaan ramadameefii erga tajaajilli nyaataa manneen brnootaa keessatti hojiirra oolee as simannaan barataa dachaan dabalaa jira.
Haala kanaan dura hinbaratamneen lakkoofsi simannaa barattoota BID dabalaa kan jiru yoo ta’u, akka fakkeenyaatti daa’imman BID galanii barataa jiran umrii ganna 4-6 barana qofa miliyoona1.6 galmaa’anii barachaa jiru.
Baraiisaa: Qabxiin barataa akka gadi bu’uuf sababa kan ta’e inni tokko sirna barnootaatiin kan walqabatuudha jedhamaatii kanarratti maal jettu?
Obbo Abdulhakiim: Dhugaa dubbachuuf ka’umsumarraa qabxiin barataa akka gadi bu’uuf sababa kan ta’e rakkoo sirni barnootaa qabaachaa tureedha. Kana furuufis sochiin jalqabame gaariidha, jijjiiramas fidaa jira.
Hanqinni kitaaba barataa mataansaa kanarraa kan ka’eedha kan mudate. Sababnisaas yeroo sirni barnootaa jijjiiramu kitaabni jijjiiramuunsaa hinoolu. Kitaabilee kana guutummaatti altokkoon maxxansanii waliingahuun waan ulfaatuuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jira.
Bariisaa: Murteessitoota qulqullina barnootaa keessaa dhiyeessiin MDB (meeshaalee deeggarsa barnootaa) laabiraatorii gahaan manneen barnootaa keessa jiruu?
Obbo Abdulhakiim: Meeshaaleen deeggarsa barnootaafi kutaaleen laabiraatorii gahaan dhabuun hudhaalee dabalataa cabiinsa barnootaati jechuun nidanda’ama. Bakkawwan hundatti waliin gahuurratti hanqinoonni jiru. Hanqinoota kanneen qorannaan adda baasnee irratti hojjetaa jirra. Gabaabumatti dhimmi barnootaa hojii halkan tokkoon kan milkaa’u osoo hintaaane hojii hordoffiifi deeggarsa walirraa hincinne barbaadu, teknoloojii ammayyaatiin deeggaramuu keessattillee ammallee kan irratti hojjetamuu qabu waan ta’eef xiyyeeffanoon gama kanaan jiru olanaadha.
Bariisaa: Gara dandeettii barsiisotaatiin walqabatee, dandeettiifi ga’umsi barsiisotaa akaakuu barnootaasaanii injifachuufi injifachuu dhiisuu madaalamaa jiraa? Kunis rakkoo qulqullina barnootaaf akka sababaatti waan eeramuuf jechuudha.
Obbo Abdulhakiim: Barnoonni qulqullina qabu akka dhugoomuuf murteessitoonni dabalataa ga’umsa barsiisaatiin kan walqabataniidha jechuun nidanda’ama. Barsiisaan akaakuu barnootaa barsiisu mo’achuufi mo’achuu dhiisuusaa madaalliin gaggeeffamee laayisensiin kennamaa deema.
Qormaata ga’umsaas akka qoraman taasisneerra. Barsiisota qormaata ga’umsaa qoraman keessaa kan darban muraasa. Kanaaf ga’umsarratti hojjetamuu akka qabu; leenji’aan barsiisaa ta’u kamuu qormaata kana kan darbu ta’uu qaba.
Yoo hindabarre waan dhalootaaf hudhaa ta’uuf xiyyeeffannoon kennamee irratti hojjetamaa jira. Barataan barsiisaa ga’umsa hinqabneen qoramaa deemu dandeettiinis ta’e ga’umsaan laafaa waan ta’uuf barsiisummaan dhaba hinwayyuu osoo hintaane ogummaa kabajamaa namoonni ga’umsa cimaa qaban itti eebbifamanii hojjetaniidha. Kun akka ta’uufis xiyyeeffannoon damichaaf jiru guddaadha.
Bariisaa: Gadi bu’uu qabxii barataatiif barataafi maatiin barataas ni komatamuu maal sababnisaa?
Obbo Abdulhakiim: Barataan ammaa babal’achuu teknolojiin walqabatee barruuleesaa caalaa miidiyaa hawaasaarratti yeroosaa fixaa jira. Yeroon qo’annaaf qaban daran gadaanaadha.
Kanamalees maatiin barataa ijoolleen keenya eessa oolu, maalirra jiru isa jedhu hordoffii taasisuurratti hanqinni guddaan jira. Ijoollee ol guddattu daa’imummaarraa qabnee naamusa gaariin yoo bocaa deemuu baanne qabxiin barataa gadi bu’uun, cabiinsi barnootaa mudachuun darbees maatiifi biyyarratti ba’aa ta’uun hinoolu.
Kun waan ta’eef maatiin barataa ilmansaanii xiyyeeffannoosaanii miidiyaa hawaasaarraa gara barnootasaaniitti akka jijjiirrataniif dirqama namummaa isaanirraa eegamu bahachuu qabu malee ittigafatamummaa manneen barnootaaf qofa kennuun sirrii miti.
Bariisaa: Dargaggoonni Magaaalaa Shaggar jala jiran dhibbantaan 65 ol barreessuufi dubbisuu hindanda’an jedhama. Babal’ina warshaaleetiin walqabatee yeroo umriinsaanii barnootaaf gahu hojii humnaatiin warshaatti mindeeffamuun jireenyasanii injifachuuf carraaquun ala barnootaaf akka hincarroomneedha kan dubbatamu. Dhaloonni kun Finfinnee jala taa’ee barnoota malee hafuun kanarratti maal jettu mee?
Obbo Abdulhakiim: Dhugaa dubbachuuf gama kanaan komiin jiru sirriidha. Sababnisaas dargaggoonni Shaggar jala jiran dhiibbaa kanaan dura tureen lafasaniirraa buqqifamuun walqabatee barachuurra hojii humnaarratti bobba’aa turan.
Kanarraa kan ka’e komiin barreessuufi dubbisuu hindanda’an jedhu sirriidha. Nus misooma manneen barnootaa yeroo ammaa babal’isaa jirru keessatti bakkeewwan akkasii giddugaleeffannee hojjetaa jirra.
Keessumaa dhimmi kun barnoota ga’eessotaa kennuun kan walqabatu waan ta’eef irratti hojjetamaa tureera. Jijjiiramoonni gara garaas galmaa’aa jiru. Akka Oromiyaatti Barnoonni Ga’eessotaa Qindaa’aa Gocharratti Xiyyeeffate (BGQGX) babal’isuun hunduu barreessuufi dubbisuu akka danda’uuf hojiin hojjetame salphaa miti.
Akka fakkeenyaatti 2015 keessa qofa BGQGX ga’eessota umrii ganna 15-56 jiran kuma 849 ol baatii jahaaf leenjii fudhatanii barreessuufi dubbisuu kanamalees qooyyaboota herregaa akka baran ta’uun ragaan kennmeefiira. Ragaan argatan kun barnoota idilee kutaa 3ffaa galanii barachuu kan isaan dandeessisuudha.
Barnoonni ga’eessotaa kun guutuu Oromiyaatti ammas marsaa marsaan ittuma fufaa kan jiran yoo ta’u, akka Magaalaa Shaggarittis xiyyeffaannoon kennamee hojjetamaa kan jiruufi hudhaa dargaggoota magaalichaa gama kanaan qoraa jiru furuuf baruu barsiisuu gaggeessuun ala hojii dadammaqiinsaas gaggeessaa jirra.
Bariisaa: Kilaastarri Hawaasummaa damee fayyaas waan hammatuuf gama kanaan Oromiyaa keessa dhaabbilee fayyaa hammamtu jiru, kenniinsi tajaajilaa hoo maal fakkaata?
Obbo Abdulhakiim: Dhaabbileen fayyaa akka Oromiyaatti jiran kuma 14fi 200 oli. Hospitaalonni 107, buufataaleen fayyaa 1,400 ol, keellaan fayyaa kuma jahaa ol, baankiilee dhiigaafi kolleejjota fayyaa gara garaas qabna.
Bariisaa: Kurmaana 1ffaa kana keessa namoonni hammam tajaajila yaalaa argataniiru?
Obbo Abdulhakiim: Kurmaana 1ffaa keessa namoonni miliyoona 17 ol tajaajila yaalaa gahaa ta’e argataniiru. Kun lakkoofsa guddaa waan ta’eef lakkoofsa kana maqaaf kan yaallu akka hintaaneef kenniinsi tajaajila yaala fayyaa si’ataafi qulqullina qabu akka dhugomuuf ammallee hojii xiyyeffannoon kennamee hojjetamaa jiruudha.
Bariisaa: Tajaajilli yaala da’umsaa mana yaalaatti kennamuu akka qabuufi du’aatiin haadholiifi daa’immanii akka to’atamuuf hojjetamaa tureera. Gama kanaan raawwiin kurmaana 1ffaa akkamitti ibsama?
Obbo Abdulhakiim: Dhugaa dubbachuuf gama kanaan jijjiiramni ilaalchaa dhufaa jira. Kanuma kurmaana 1ffaa kana qofa fudhannee yoo ilaalle haadholiin kuma 285 ol dhaabbilee fayyaa keessatti tajaajila yaala fayyaa argataniiru.
Haata’uutii ammallee haadholiin muraasa gola keessatti mala aadaatiin da’aniifi lubbuusaanii dhaban waan jiraniif rakkoo ilaalchaa dhibbantaa muraasa mudataa jiru furuuf hojiitti jirra.
Bariisaa: Oromiyaa, iddoowwan tokko tokkotti lammiileen weerara busaatiif saaxilamaa jiru. Hojiin rakkoo kana furuuf hojjetamaa jiru maal fakkaata?
Obbo Abdulhakiim: Taa’umsi lafa Oromiyaa babal’achuu dhibee busaatiif dhibbantaa 80 mijataadha. Kanarraa kan ka’e weerarri dhibee busaa barana hawaasa keenya qoraa jira.
Rakkoo fayyaa weerara busaatiin walqabatee mudataa jiru kana furuuf qorannaan dhiigaa namoota miliyoona tokkoofi kuma 32 oliif kan taasifame yoo ta’u, kana keessaa namoonni kuma 300 ol ykn dhibbantaan 35 dhibeen busaa dhiigasaanii keessatti argameera. Namoota kanneeniif qorichi kennamee yaalamuu danda’aniiru.
Bariisaa: Erga namoonni dhibee kanaan qabamanii yaalaaf hojjechuurra ittisasaarratti hojiin hojjetame hinjiruu laata?
Obbo Abdulhakiim: Gama ittisaarratti saaphanni siree miliyoona torbaa ol raabsameera. Manneen jireenyaa kuma 140 oliif biifaan keemikaalaa taasifameera. Iddoowwan walhormaata bookee busaa qulqulleessuufi hojiileen gara garaa hubannoo uuman hojjetamaa jiru.
Bariisaa: Rakkoon dhiyeessii qorichaafi meeshaalee yaala fayyaa dhimmoota hawaasa qoran waan ta’eef furmaanni kanaa maalinni jettu?
Obbo Abdulhakiim: Yaalamtoonni rakkoo dhiyeessii qorichaatiin walqabatee rakkoo keessa jiraachuun beekamaadha. Qorichoonni hedduun alaa bitamanii waan galaniif harkifannaan mudachuu danda’a. Rakkoo kana furuuf barana bajanni naannoftuun bittaa qorichaaf oolu miliyoona 430fi kuma 800 ol ramadeera.
Kun gahaa waan hintaaneef hamma danda’ametti inisheetiiviiwwan gara garaa biyya keessatti qorichoota omishuuf gargaaran hojiirra akka oolu kallattiin taa’ee irratti hojjetamaa jira.
Bariisaa: Qoricha miliqsuun, kan yeroon irra darbe gurguruun akka jiru hima. Gama kanaan Oromiyaa keessatti haalli jiru maal fakkaata?
Gama kanaan hordoffiifi deeggarsa taasifamaa tureen dhaabbileen fayyaa nyaataafi qorichaan walqabatan 494 ol akka cufaman taasifamaniiru. Dhabbileen 1008 akeekkachiisa fudhataniiru. Dhaabbileen 21 ammoo eeyyamnisaanii haqameera. Isaan kunniin kanneen qoricha milqsuun, qoricha yeroon irra darbe gurguruufi nyaatawwan alaa galaniifi yeroon tajaajilaasaanii irra darbe gabaaf dhiyeessaniidha.
Rakkoo hanqina qorichaatiin walqabatee mudataa jiru dabalataan furuuf manni qorichaa hawaasaa akka babal’atu kan taasifame yoo ta’u, kanaan dura manneen qorichaa hawaasaa 356 ijaaramanii tajaajilaaf oolaniiru. Manneen qorichaa 100 ammoo ijaaramaa jiru.
Bariisaaa: Meeshaaleen yaala fayyaa tokko tokko gatii qaaliidhaan bitamanii dhufanii ittifayyadamarratti hanqinni waan jiruuf tjaaajila kan hineegalle jiru jedhama. Gama kaaniin hanqinni dhiyeessii jira jedhamaatii hanqina gama kanaan mul’au furuurratti maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Abdulhakiim: Hanqina meeshaalee yaala fayyaa mudataa jiru furuuf maallaqa guddaan itti ba’ee bittaan gaggeeffamaa tureera.
Kanamalees ittifayyadamasaarratti hubannaan dhabamuun walqabatee meeshaaleen yaalaa hojiirra hinoolle jiru. Kanneen rakkoo teeknikaatiin tajaajila dhaabanis jiru. Kanarraa kan ka’e kenniinsi tajaajila yaala fayyaa harkifannaan mudachuu mala.
Haata’uutii dhimmi kun furamuu akka qabu kallattii kaa’ameen ogeeyyonni fayyaa ga’umsa teeknikii meeshalee yaala fayyaa qaban kenniinsa tajaajila lammummaa gama fayyaatiin taasifamaa tureen itti bobbahanii kanneen tajaajila dhaaban akka jalqaban taasisaniiru. Kanamalees meeshaalee yaala fayyaa bitamanii dhufanii tajaajila hineegalle warshaaluun tajaajila akka eegalan taasisaniiru.
Tajaajila lammummaa gama kanaan ogeeyyota fayyaa keenyaan taasifameen meeshaaleen yaala fayyaa kuma shanii olsuphaa teeknikiifi warshaaluu taasifameen qarshiin baasii kanaaf oolu biliyoona 1.7 baraarameera.
Bariisaa: Rakkoo hanqina ogeeyyota fayyaa mudataa jiru furuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru maal fakkaata?
Obbo Abdulhakiim: Rakkoo gama kanaan jiru furuuf mindeessi ogeeyyotaa jechuunis kan barsiisotaafi kan ogeeyyota fayyaa yoomiyyuu nigaggeeffama. Ta’us hanqinoonni inumajiru. Hanqina kana furuuf ammas ittuma deemaa jirra.
Bariisaa: Pirojektonni fayyaa gara garaa eegalamanii addaan citan jiru. Fakkeenyaaf Hospitaalli Sabbataa waggoota lakkoofsise amma maalirra jira?
Obbo Abdulhakiim: Hospitaalli Sabbataa jalqabumarraa rakkoo keessa kan tureedha. Kanamalees ijaarsisaa rakkoo qulqulinaa qabaachuurra darbee sadarkaa gamoo kan eeggate waan hintaaneef akka addaan citu ta’eera.
Ta’us ijaaramuun hospitaalichaa hawaasaaf murteessaa waan ta’eef toora xiyyeeffannoo taa’e hordofuun maddiisaatti gamoon abbaa darbii afurii akka ijaaramu taasifamuun yeroo ammaatti ijaarsisaa xumuramaa jira.
Pirojektota waliigalaa akka Kilaastara Hawaasummaatti jiran 743 keessaa 644 haala gaariirra jiru. Kanneen keessaa pirojektonni 55 harkifannaa keessa jiru. Kanaaf sababni rakkoolee kontirakterootaafi nageenyaan kan walqabataniidha.
Haata’uutii pirojektonni jalqabaman marti yeroo qabameef keessatti xumuramanii yeruma tokko eebbifamanii tajaajila akka jalqabaniif toorri xiyyeeffannoo kaa’amee hojjetamaa jira.
Bariisaa: Kilaastarri Hawaasummaa dhimma afaaniirrattis abbummaan hojjeta. Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa taasisuuf sadarkaa federaalaatti hojiileen gara garaa hojjetamaa jiru. Sochiin kun sadarkaa naannootti maalirra jira?
Obbo Abdulhakiim: Afaan Oromoo afaan hojii federalaa qofa miti afaan sadarkaa Afrikaatti bakka guddaa qabuudha. Kun akka milkaa’uuf sochiin sadarkaa federaalaatti jiru akkuma jirutti ta’e sadarkaa naannootti misoomni manneen barnootaa naannolee gidduutti akka babal’atu taasifamaa jira. Kun jalqabbii gaarii kutaalee hawaasaa Oromoon ala ollaa Oromiyaa jiranillee kan fayyaduudha.
Yeroo ammaattis manneen barnootaa Afaan Oromoo naannolee Affaar, Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Somaaleefi bakkeewwan gara garaatti babal’ataa jiru. Kan agarsiistuu tokko.
Qorannoowwan gara garaa 60 ol hojjetamaa jiru. Dhaloonnis kana hubatee miira kan kooti jedhuun afaansaa guddifachuufi waalteffachuuf irratti hojjechuun barbaachisaadha.
Mootummaanis cichoominaan irratti hojjetaa jira. Jalqabbii kanaan dura tureenis milkaa’inoota gara garaa galmeessiseera. Kunis dhiyootti dhugooma.
Bariisaa: Dhimmi Dargaggoos dhimmoota Oromiyaa keessatti xiyyeeffannoo barbaadaniidha. Dargaggoonni yoo seeraan qabaman humna omishaati. Yoo haalaan qabamuu baatan ammoo faallaa kanaa ta’u. Kanaaf dargaggoo omishaawaafi misoomawaa horachuuf maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Abdulhakiim: Ummata Oromoo miliyoona 50 ol keessaa dhibbantaan 75 dargaggoota. Dargaggoonni kunniin yoo sirnaan qabaman huma omishaa ta’u. Ta’uu baannaan humna badii ta’uun waan oolu miti.
Haata’uutii dargaggoonni keenya meeshaa badii akka hintaane aadaan hojii uumuu akka gabbatu, ijaarsa dandeettiin akka ciman, bakka oolmaafi bashannanaa akka qabaatan hojiin guddaa hojjetamaa jira.
Dargaggoonni keenya biyyaa ba’anii hiraarsaa jireenya biyya ormaaf akka hinsaaxilamne deeggarsawwa gara garaa taasisuun biyyuma ofii keessatti dinagdeedhaan akka cimaniifi yaadaan bilchaatan taasisaa jira.
Haata’uutii hojiin gama kanaan hojjetamaa jiru gahaa waan hintaaneef ammas humnaafi beekumsa qabeenya uumamaa qabnutti fayyadamuun dargaggoo misoomawaafi omishaa ta’e horachuuf mootummaan xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjetaa jira.
Bariisaa: Oromiyaa, kilaastara hawaasummaatiin ijaaruun gahee mootummaa qofa otoo hintaane kutaalee hawaasaa hunda kan gaafatudha. Kanaaf eenyurraa maaltu eegama jettu?
Obbo Abdulhakiim: Jalqaba nagaa buusuun gahee hunda keenyaati. Qaamni qawwee kaasee waraana filannoo godhatu kamuu caalmaa yaadaatti amanuu qaba.
Caalmaan yaadaammoo ilaafi ilaameedhaan kan gaggeeffamudha. Haata’uutii aangoon waldhiigsaafi walgufachiisaa argamu akkasumas jijjiiramni hawaasaa dhufu hinjiru.
Kanaafuu, waldhabdee gara marii yaadaatti fiduun nurraa eegama. Misoomawwan hawaasaa mootummaan taasisaa jiru maddiitti tumsi abbootii qabeenyaa, diyaaspooraawwaniifi dhaabbilee gara garaa murteessaa waan ta’eef waliin dhaabannee Oromiyaa badhaateefi lalistuu dhaloota dhufuuf dabarsuuf harka walqabannee hojjechuun nurraa eegama.
Bariisaa: Yeroo keessan qaalii aarsaa gootanii ibsa bal’aa nuu kennitaniif galatoomaa.
Obbo Abdulhakiim: Isinis sochii kilaastarri Hawaasummaa itti jiru sakattaatanii hawaasaan ga’uuf deeggarsa ogummaa taasistaniif galtoomaa, Horaa Bulaa, Deebanaa!
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016
6 Comments to “ Barnoonni cabe, fayyaan weerara busaan gaaga’ame Oromiyaatti maalirra jira? Sababniifi malli dhahame maali? Obbo Abdulhakiim Muluu deebii qabu”
Comments are closed.