“Balbala  galaanaa qabaachuun Itoophiyaa birmadummaa Afrikaanotaaf wabiidha” -Obbo Muusaa Sheekoo

Finfinnee: Itoophiyaan ulaa galaanaa qabaachuun guddina dinagdee waloo biyyoota gaanfa Afrikaarra darbee birmadummaa Afrikaanotaatiif wabii ta’uu qorataafi xiinxalaan siyaasa Giddugala Bahaafi Gaanfa Afrikaa Obbo Muusaa Sheekoo ibsan.

Obbo Muusaan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, balbala galaanaa qabaachuun Itoophiyaa guddina dinagdee waloo Afrikaanotaa cimsuurra darbee birmadummaa Afrikaanotaaf wabiidha. Itoophiyaan ulaa galaanaa qabaachuun guddina dinagidee saffisaa galmeessuun lakkoofsa godaantota Afrikaarraa Awurooppaatti taasifamu hir’isuufis shoora olaanaa qaba jedhu.  

Akka ibsa Obbo Muusaatti, ulaan galaanaa birmadummaa biyyaa ta’uurra darbee ajandaa biyyota addunyaa erga ta’ee bubbuleera. Biyyootni gurguddoon addunyaa kanneen akka Ameeriikaa, Raashiyaa, Chaayinaa, Faransaay,Turkiifi kanneen biroon ulaa galaanaaf jecha dorgommii cimaa taasisaa jiru.

 Ta’us argama biyyootaa siyaasaan (geopolitics) Itoophiyaaf ulaan galaanaa barbaachisaa ta’uu eeranii; Itoophiyaan biyya koloneeffattoota Awurooppaan hin koloneeffatamne ta’uu isheen walqabatee hulaa galaanaa dhabuun Itoophiyaa Afrikaanotaaf yaaddoo akka ta’u ibsaniiru.

Nageenyaafi birmadummaan gaanfa Afrikaaf Itoophiyaan bu’uuradha jedhanii, guddina dinagdee Itoophiyaa ulaa galaanaatiin walqabatee dhufu hojidhabdummaa xiqqeessuun godaansa Afirikaarraa gara ardii Awurooppaatti taasifamu hir’isuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru. 

Ulaan galaanaa hariiroo biyyoolessaatiin walqabatee siyaasa, dinagdeefi birmadummaa biyyaa kabachiisuun dhiibbaa addunyaarratti uumuuf gumaacha olaanaa qabaachuu himanii; Itoophiyaan ulaa galaanaa akka qabaattuuf hayyootni seeraa ragaa jiru dhiyeessuun gumaacha isaanirraa eegamu ba’uu qabus jedhaniiru.

Keessumaa ulaa galaanaa ilaalchisuun waliigaltee Itoophiyaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mallatteessite eenyu waliin akka mallattaa’eefi mallattichi maal akka jedhu barreessanii ifa gochuu qabu.

Jijjiirama siyaasaa yeroo garagaraa gaggeeffamerraa ka’uun Itoophiyaan ulaa galaanaa maleettii taateetti. Ta’us guyyicharraa eegalee waliigaltee sadarkaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti mallatteessite ifa baasuun ummatni Itoophiya mirga ittifayyadama ulaa galaanaa akka qabu hubachiisuun gahee hayyoota seeraa  akka ta’e ibsaniiru. 

Akkuma hidhi Laga Abbayyaa Itoophiyaa keessatti hojjetamaa jiru ummattoota gaanfa Afrikaa aadaafi amantaan walkeessa faca’ee jiraatuuf madda anniisaa ta’ee fayyaduuf hojjetamaa jiru isaanis ulaa galaanaa Itoophiyaan barbaadduuf haala mijeesuun dinagdeefi birmadummaa waloo cimsataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to ““Balbala  galaanaa qabaachuun Itoophiyaa birmadummaa Afrikaanotaaf wabiidha” -Obbo Muusaa Sheekoo”

Comments are closed.