Abbootiin warraa Harargee Bahaa hundi miseensa inshuraansii fayyaa ta’an

Finfinnee: Godina Harargee Bahaatti abbootiin warraa hundi miseensa inshuraansii fayyaa ta’uu Waajjirri Fayyaa godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Mahaammadiin Kaabirhuseen ibsa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, godinichatti bara 2003tti wayita sochiin inshuraansii fayyaa eegalamu abbootii warraa dhibbantaa sadii qofatu miseensa ture.

Baay’inni miseensota inshuraansii fayyaa baraa baraatti dabalaa dhufuu himanii; haaluma kanaan bara 2013 abbootii warraa dhibbantaa 78, bara 2014 abbootiin warraa dhibbantaa 85 ta’an yommuu miseensa ta’an bara 2015tti garuu abbootiin warraa godinichaa hundi jechuunis abbootiin kuma 686 fi dhibba 120ni miseensa inshuraansii fayyaa ta’uu ibsaniiru.

Abbootii warraa godinicha keessa jiraatan guutummaatti miseensa inshuraansii fayyaa taasisuun milkaa’ina guddaadha kan jedhan Obbo Mahaammadiin; milkaa’ina kanaan godinichi guutuu Itoophiyaa jiran keessaa tokkoffaa ba’uun beekamtii argachuu dubbataniiru.

Akka isaan jedhanitti, namni miseensa inshuraansii fayyaa ta’e tokko waggaa waggaadhaan buusii miseensummaa qarshii 450 kaffala. Namootni qarshii kana kaffaluu hindandeenyeef ammoo mootummaatu kaffala. Haaluma kanaan namoota godinichaa harkaqal’eeyyii ta’an kuma 69f mootummaan kaffalaafii jira. Bara darbe miseensotarraa buusii qarshii miliyoona 245 walitti qabuun danda’ameera.

Miseensa inshuraansii fayyaa ta’uun miseensotaaf faayidaa guddaa qaba kan jedhan Obbo Mahaammadiin; keessattuu yeroo ammaa gatiin yaala fayyaa daran dabalee waan jiruuf karaa inshuraansii fayyaa yaalamuun filannoo dansaa ta’uu himaniiru. Miseensa horachuu qofti galma keenyaa miti jedhanii, namootni miseensa ta’an yaaliifi qoricha argachuu qabu waan ta’eef dukkaana qorichaa hawaasa tajaajilu babal’isuufis xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Baay’inni dukkaana qorichaa hawaasa bara 2014tti 16 ture ammaan tana gara 32tti guddachuus yaadachiisaniiru.

Haaluma walfakkaatuun namoota kanaan dura miseensa maatiisaanii jalatti hammatamanii tajaajila inshuraansii fayyaa argachaa turanii bara kana bultii horatan akka haaraatti galmeessuun fayyadamoo ishuraansii fayyaa taasisuuf hojjetamaa jira. Abbootii warraa kanaan dura miseensa ta’aniifis hojiin haaromsa miseensummaa ni hojjetama.

Waajjirichi bara 2016tti miseensotasaarraa qarshii miliyoona 280 walitti qabuun dhaabbilee mootummaa tajaajila yaala fayyaa miseensotaaf kennaniif kurmaana kurmaanaan kaffaluuf kan karoorfate akka ta’es Obbo Mahaammadiin ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Abbootiin warraa Harargee Bahaa hundi miseensa inshuraansii fayyaa ta’an”

Comments are closed.