Nageenya ammallee nageenya

Guddinaafi misooma biyya tokkootiif nageenyi waan hunda caalaa gatii qaba. Nageenyi bu’uura waan hundaati, nama dhuunfaaf, maatiif, hawaasaaf akkasumas biyyaaf. Gatiin nagaa maalumaanuu hinshallagamu; sadarkaafi safartuus hinqabu.

Abjuu boruu guddina nama dhuunfaarraa eegalee hanga misooma biyyaatti abdiifi mul’anni kamuu nagaa malee gonkumaa milkaa’uu hindanda’u. Milkaa’inni jireenyaa hundi nageenyatti aaneeti. Kanaafi, nageenyi biyya tokkoo madda nagaa ummatasheeti kan jedhamuuf.

Nageenyi jiraachuu baannaan waanti biraa yaadamu tasumaa hinjiru. Nageenyi boorofnaan abdiin dhalli namaa lafa kanarraa jiraachuuf qabu daran laafa. Nageenya keessa waan hedduutu jira. Yoo waa’ee nageenyaa nibarreessina jenne yeroonuu nu hinga’u. Sababnisaas sansakaan jireenya keenyaa nageenyarratti waan hundaa’eef. Nageenyi jiraachuu baannaan bultiin namaa yaaddoon kan guutamtuudha.

Nageenyi mirkanoofnaan waantonni kuun akka faayidaa dabalataatti ilaalamuu danda’u. Namni fedhiisaa daangaa hinqabne biyya lafaa kanarratti guuttachuuf nageenyisaa mirkanaa’uu qaba. Erga nageenyisaa mirkanaa’uu beekee booda fedhii addaatiif tattaafata, yaada.

Bineensonni bosonaallee osoo waa’ee biraa hin yaadin dursee nageenyisaanii mirkanaa’aa ta’uu mirkaneeffatu. Ittaansanii waa’ee sooratasaanii yaaduu eegalu. Haalli balaaf isaan saaxilu yoo jiraate akkaatuma dandeettiisaaniitti nageenyasaaniif jecha waan danda’an hunda raawwatu. Dhalli namaa ammoo bineensarra hedduu yaaduu waan danda’uuf dhimmi nageenyaa waan akka salphaatti ilaalu ta’uu hinqabu.

Haalonni nageenya dhala namaarraan dhiibbaa ga’an jiraachuu nimalu. Haalonni kunneen akkaataa guddina fedhii keenyaarratti kan hundaa’aniidha. Egaa biyya keenya, Itoophiyaatti yeroo dhiyoo as iddoowwan adda addaatti haalli nageenyaa hunda kan yaaddessuudha.

Maddi rakkinichaa bulchiinsa gaarii dhabuufi fedhii addaa garee biroo ta’uun hinshakkamu. Garuummoo kanneen gaaffiiwwan ummataatiif mootummaan deebii akka kennu barbaadaman hundi karaa nagaa qofaan dhiyaachuu qabu.

Sababnisaas hokkora uumuufi gareedhaan gurmaa’anii karaa seera hineegneen lubbuufi qabeenya balleessaa gaaffii kamiinuu deebii argachuun keessumaa yeroo addunyaan qaroomte kanatti milkaa’uu hindanda’u.

Adeemsa seeraan alaatiin kan miidhamu eenyu jennee yoo ilaalle, saaxilamaan ummata qulqulluu ta’uu hubanna. Tarkaanfiin mootummaa miidhuuf fudhatamu kamuu kallattiidhaan kan hubu hawaasa naannawaati. Kanas taatee Oromiyaa lixaafi Itoophiyaa kaabaatti uumamerraa hubachuun ni danda’ama.

Kanaaf akka nageenyi keenya baay’atuuf hundi keenya waan qaalii kanaaf waardiyyaa haa dhaabannu. Nagaafi nageenya biyyaa tiksuun dirqama mootummaa qofa akka hintaanes sirriirraa hubatamee ummanni bal’aan ittigaafatamummaasaa sirnaan bahachuu qaba. Ummanni bakka jirutti yoo nagaa ofii eege akeekni murna nageenya booressuuf foolatuu kichuutti fashalaa’a.

Yoo ummanni gurmaa’ee nageenya naannawasaarratti hinhojjenne garuu murni akeeka badiitiif of ijaare qabeenya waloo ummataafi kan dhuunfaa balleessuuf karaa argata. Kanaaf ummanni humna isa karaarraa maqe deebisuu, isa wallaale barsiisuufi dheekkamuu waan qabuuf murnoota faallaa nageenyaa deeman kamuu ittisuuf tattaaffii cimaa, ijaaramee gochuu qaba. Sababnisaas gareen kamuu isuma keessaa bahee deebi’ee qoree dhoqqee keessaa ittita’e waan ta’eef.

Ummanni nagaafi tasgabbiirratti cichee halkanii guyyaa humnoota nageenyaasaa wajjin ta’ee mirkaneessuu qaba. Mootummaarra abbaan nagaafi fayyadamaa guddaan ummatumma waan ta’eef nageenyisaafi qe’eesaa akka mirkanaa’uuf hojjechuu qaba.

Nageenyi jiraachuu baannaan nagaan oolanii buluun, guddinni biyyaa, hojjetanii milkaa’uun, walumaagalatti jiruufi jireenyi dhala namaa nigaaga’ama. Nageenyaafi misooma adda baasanii ilaaluun hindanda’amu.

Biyyi keessoonshee nagaa hinqabnemmoo, misoomaafi badhaadhinashee gara fuula duraatti tarkaanfachiisuun haa hafuutii, isuma jiruyyuu diigumsarraa baraaruun hindanda’amu. Kanas biyyoota nageenyisaanii boora’ee qabeenyisaanii barbadaa’e kanneen akka Yaman, Sooriyaafi Somaaliyaafaa akka fakkeenyaatti kaasuun nidanda’ama. Qabeenyi waraana dhiyeenyuma kana Itoophiyaa kaabaatti adeemsifameen barbadaa’es fakkeenya biraa waan ta’eef badiin akkanaa akka lammata hindeebineef jabaannee hojjechuu qabna.

Nuti akkuma biyyaattuu rakkoo dhabiinsa nageenyaatiin dhufu hanguma biyyoota biroollee dandamachuu hindandeenyu. Sababnisaas lammiileen biyyattii irrajireessaan jireenya sadarkaa sarara hiyyummaa gadi ykn harkaa gara afaanii waan gaggeessaniif yoo rakkoon nagaa dhabuun mudate salphumatti miidhaawwan addaddaatiif saaxilamna.

Kanaaf nuuf dhimmi nageenyaa filannoo osoo hintaane, dhimma jiraachuu ykn jiraachuu dhabuu ta’uu jala sararree beekuu qabna. Mootummaan akka mootummaatti gaaffii hawaasni kaasu tokko tokkoon deebisuun ykn mariisisee iftoomina uumuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba.

Walumaagalatti jiruufi jireenya dhala namaa keessatti wanti nageenyaan gitu tokkollee hinjiru. Dubbiin nageenyaa akka amma teenyee salphaatti ilaallu osoo hintaane, gaafa rakkoo nageenyaaf saaxilamne kan baramu ta’uu mala.

Kanaafis gaaffiiwwan dimokraasii qabnu karaa seera qabeessaafi qindaa’een gaafachuun rakkoowwan mudataniif furmaata barbaaduu caalaa malli salphaan hinjiru.

Guddina saffisaa eegalame kana ittifufsiisuuf, nageenya keenyaaf lammiin biyya kanaa waardiyyummaa dhaabachuu qaba. Yoos milkoofna. Rakkoon kamuus furmaata waarawaa argata. Akka lammii biyya tokkoottis waantota walitti nubuusanii gargar nubaasan caalaa waantotni walitti nufidanii walitti nuhidhan hedduun waan jiraniif tokkummaa keenya cimsinee guddinaafi badhaadhina biyyaatiif haatumsinu.

Mootummaanis hojiisaa bu’uuraa, nageenya lammiiwwanii eegsisuufi mirga nagayaan ba’anii galuu lammiilee biyyattii mirkaneessuurratti yeroo kamuurra dammaqinaan ummata waliin hojjechuu qaba.

Hojiisaa bu’uuraa kana daqiiqaa tokkoofillee dagachuus ta’ee mariif dhiheessuu hinqabu. Dhaabbilee demokraasii bu’uuressuufi cimaniifis haala mijeessuun irraa eegama. Kanaaf, tokko tokkoon keenya, mootummaan, miseensotniifi gaggeesitootni dhaabbilee siyaasaa, dhaabbileen mootummaafi mitmootummaa, walumaagalatti qaamoleen hundi waa hundarra nageenya biyyaatiif qindoominaafi cichoominaan waardiyyaa dhaabachuu qabaan dhaamsa kiyya.

Nageenya ammallee nageenya!

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016

Recommended For You