Sagantaan cufiinsaafi beekamtii tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa ji’oota ganna bara 2015 Onkoloolessa 16 bara 2016 Finfinnee, Hoteela Iskaayilaayititti adeemsifameera. Saganticharratti Ministeerri Dubartootaafi Hawaasummaa hoggantoota qaamolee milkaa’ina hojichaatiif haala mijeessaniifi dargaggoota naannoleefi bulchiinsota Magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaa tajaajila tola ooltummaa ganna darbeerratti hirmaatanii hojii fakkeenyummaa gaarii qabu raawwataniif beekamtii kenneera.
Minister De’eetaan Damee Dargaggootaa Aadde Munaa Ahmad haasaa waltajjicharratti taasisaniin akka jedhanitti, ministeerichi hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa gama hundaan mirkaneessuuf hojiilee bu’aaqabeessa hedduu raawwachaa jira. Dargaggoonni tajaajila tola ooltummaarratti hirmaachaa jiranis hojiilee hawaasa biyyattii fayyadamoo taasisan hedduu raawwachaa jiru. Hojiin tajaajila tola ooltummaa keessumaa kutaalee hawaasa harka qaleeyyii gargaaruu keessatti gahee olaanaa qaba. Ministeerichis dargaggoonni humna, beekumsaafi yeroosaanii utuu hinqusatiin hojii misoomaafi tajaajila tola ooltummaarratti bal’inaan akka hirmaatan taasisuuf deggarsa taasisaa jiraachuu dubbatu.
Akka Aadde Munaan jedhanitti, tajaajilli tola ooltummaa dargaggoota Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa’amaniin kennamaa jiru hawaasa fayyadamaa taasisuurra darbee hojiilee misoomaa bajata mootummaatiin raawwachuu hindandeenye hedduu raawwachuun misoomaafi guddina biyyaas deggaraa jira. Tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa ganna darbee mataduree, “Tola Ooltummaan Olka’iinsa Itoophiyaaf’’ jedhuun raawwatamaa turerratti dargaggoonni miliyoona 21fi kuma 596fi 601 dameelee hojii 13n irratti hirmaachuudhaan hojiilee qarshii biiliyoona 17, miliyoona 598, kuma 796fi 561tti tilmaamamu raawwatameera.
Tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa ji’oota ganna darbeetiin manneen harkaqal’eeyyii haaraan kuma 18fi 31 kan ijaaraman yoo ta’u, manneen kuma 13fi 843 suphamaniiru. Waliigalaan tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa ganna darbeetiin manneen kuma 31fi 856 ijaaramaniiru; dhiigni yuunitii kuma 51fi 607 walitti qabameera.
Dargaggoonni naannoleefi bulchiinsota magaalotaa Finfinneefi Dirre Dhawaarraa filataman magaalota Itoophiyaa gara garaa keessa socho’uun hojiilee biqiltuu dhaabuu, balfawwan dhabamsiisuu, harkaqal’eeyyii gargaaruu, barnootaafi leenjii kennuu, nageenya kabachiisuu, barmaatilee miidhaa qaqqabsiisan ittisuu dargaggootaafi hawaasa naannawaa waliin raawwachaa kan turan ta’uu himu Aadde Munaan.
Tola ooltummaan rakkoo keenya fura, tokkummaa keenya cimsa, akkasumas waan biyya keenya ijaaruuf hojiin tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa kun gara fuulduraattis caalaatti cimee kan ittifufu ta’uus eeraniiru.
Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Durbee Saamiyaa Abdallaa akka jettutti, akka naannichaatti ganna darbe dargaggoonni miliyoona sagalii ol tajaajila tola ooltummaarratti hirmaachuun biqiltuu dhaabaa, dhiiga arjoomaa, manneen harkaqal’eeyyii ijaaraafi suphaa akkasumas hojiilee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaniifi misooma naannichaafi biyyattii utuban hedduu raawwataniiru. Badhaasniifi beekamtiin dargaggoota tola ooltummaa ganna darbeerratti hirmaachuun hojii fakkeenyummaa gaarii qabu raawwataniif kennames kan maluufiidha. Tajaajilli tola ooltummaa kan yeroo gannaafi bonaa raawwataman waan adda bahaniif hojiileen tajaajila tola ooltummaa bonaatiin raawwatamanis ittifufanii kan hojjetaman ta’uu eerteetti.
Naannoo Oromiyaa, Godina Buunoo Beddellee, Magaalaa Beddelleerraa tajaajila tola oltummaa ganna darbeetiin hojii fakkeenyummaa qabu raawwachuun kan badhaafame Dargaggoo Ingidaa Shugguxee akka jedhutti, tajaajila lammummaa ganna darbee yeroo, humnaafi beekumsasaa utuu hinqusatiin kaffaltii tokko malee raawwachaa ture.
Tajaajila tola ooltummaa ganna darbeetiin dargaggoota naannawaa gurmeessuudhaan hojii biqiltuu dhaabuu, daa’imman maatiinsaanii harkaqalleeyyiifi ijoollee daandiirra jiraatan gargaaraa, mana haadha hiyyeessaa ijaaraafi suphaa akkasumas dhiiga arjoomaa turuu dubbata. Akka godinichaatti dhuunfaadhaan mana lama, dargaggoota naannawaa gurmeessuudhaan ammoo manneen haadha hiyyeessaa 16 ijaaramuu eereera.
Erga tajaajila ooltummaa kanarratti hirmaachuu jalqabee barana waggaa afuraffaadha kan jedhu dargaggoon kun, gara fuulduraattis dargaggoota naannawaasaa gurmeessuufi qindeessuudhaan hirmaachisuun hawaasa fayyadamaa taasisuuf kan hojjetu ta’uu hima.
Tajaajila tola ooltummaa kana bara 2011 Waajjira Dargaggoofi Ispoortii godinichaatti galmaa’uun irratti hirmaachaa jiraachuu kan himu Dargaggoo Ingidaan, hojicha dargaggoota qindeessuu kan jalqabe garuu bara 2014 ta’uu dubbata. Badhaasaafi beekamtii kennameetti daran kan gammade ta’uufi hojii gara fuulduraatti raawwatuuf kan isa onnachiisu ta’uus eereera.
Hojii argadhus dhabus tajaajila tola ooltummaa kennuurraa waanti adda nabaasu hinjiru kan jedhu dargaggoon kun, tajaajilichi hojii hawaasa gargaaruufi misooma biyyaa deggaruu waan ta’eef dargaggoonni hundi bal’inaan akka irratti hirmaataniif waamicha dabarseera. Tajaajilli kun gammachuu guddaa kan namaaf kennu ta’uufi hojii Rabbis jaalatu ta’uu hima.
Shamarree Firehiwot Musxafaa naannoo Amaaraa, Magaalaa Baahir Daarirraa tajaajila tola ooltummaa ganna darbeetiin hojii fakkeenyummaa gaarii qabu raawwachuun badhaafamteetti. Shamarreen tun dhiiga yeroo 32 arjoomuudhaan waggoota lamaan darbaniif Baankii Dhiigaatiin beekamtii argatteetti. Shamarreen kun tajaajila tola oltummaa ganna darbeetiinis hojiilee gara garaa shamarran, namoota dhukkubsataniifi kutaalee hawaasaa harkaqal’eeyyii fayyadamoo taasisan hedduu raawwachuun badhaasaafi beekamtii argatteetti.
Tajaajila tola oltummaa kana umriishii waggaa 14tti (kutaa 8ffaa) kaastee irratti hirmaachaa jiraachuu kan himtu Shamarree Firehiwot, tola ooltummaan hojii Waaqnis namnis jaalatuufi gammachuu nama gonfachiisu waan ta’eef gara fuulduraattis bal’inaan akka irratti hirmaattu dubbatti.
Tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa ganna darbee kana shamarraniifi hawaasa naannawaa waliin ta’uun hojjechaa turuu kan himtu shamarreen tun, hojii xiqqoo hanga humnishee eeyyameef shamarraniifi hawaasa naannawaa waliin raawwatteen badhaasaafi beekamtii argatteetti. Kanas hojii qofaashee raawwatteen osoo hintaane ida’ama bu’aa hojii hiriyootaafi hawaasa naannawaashee wajjin raawwatteen kan argame ta’uu eerti.
Ani kanin hojii tola ooltummaa hojjedhu badhaafamuufi ittiin beekamuuf utuu hintaane gammachuu keessoofi boqonnaa sammuu argachuufi, kan jettu Shamarree Firehiwot, hojicha hanga dandeesse ittifuftee kan hojjettu ta’uus nidubbatti.
Dargaggoonni humna, yeroofi beekumsasaanii aarsaa gochuun tajaajila tola ooltummaa kennaa jiru kan jettu shamarreen tun, tajaajilicha keessatti maallaqniifi wantoonni tokko tokko waan barbaachisaniif abbootiin qabeenyaa, mootummaafi dhaabbileen biroonis akka deggarsa taasisan gaafatteetti.
Naannoo Affaarirraa badhaasaafi beekamtii kan argate Dargaggoo Alii Isee Alii akka jedhutti, ijoollummaasaarraa jalqabee tajaajila tola ooltummaarratti hirmaachaa jira. Tajaajila tola ooltummaa dargaggootaa ganna darbeetiin dargaggootaafi hawaasa naannawaa dadammaqsuudhaan magaalota biyyattii gara garaa keessa naanna’ee hojicha raawwataa ture.
Tola ooltummaan hojii namoota biroo gargaaruuf hojjetan fakkaatus caalaatti kan fayyadamu namuma tajaajilicha kennuudha. “Ani tajaajila tola ooltummaarratti kanan hirmaadhuu caalaatti boqonnaa sammoofi gammachuu keessoo argachuufi” jedha.
Daraggoonni humna, yeroofi beekumsasaanii utuu hinqusatin hojii tajaajila tola ooltummaarratti bal’inaan kan hirmaatan yoo ta’e hawaasa bal’aa fayyadamaa taasisuurra darbanii misooma biyyaa si’eessuu keessattis gumaacha irra eegamu bahachaa jiraachuusaanii hubachuu qabu kan jedhu dargaggoon kun, hojichi keessumaa kutaalee hawaasaa harkaqal’eeyyii gargaaruu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf dargaggoonni bal’inaan akka hirmaataniif waamicha dhiyeesseera.
Naannoo Itoophiyaa Kibbaarraa hojii fakkeenyummaa qabu raawwachuun kan badhaafame Dargaggoo Tasfaayee Shaallaamoos akka jedhutti, ganna darbe dargaggoota naannawaa gurmeessuudhaan tajaajila tola ooltummaa gara garaa kennaa ture. Dargaggoonni naannichaas tajaajila tola ooltummaa kanarratti bal’inaan hirmaachaa jiru.
Tajaajilichaan hojiileen bajata mootummaatiin hinhojjetamne hedduun raawwatamaniiru. Qarshii walitti qabuudhaan lammiilee rakkoolee gara garaatiif saaxilaman gargaaraa turuus nidubbata.
Tajaajilli tola ooltummaa aadaa ta’ee akka ittifufuuf hojichi hirmaannaafi deggarsa hawaasa bal’aa gaafata kan jedhu dargaggoon kun, hojicharratti hirmaachaa kan ture namoota harkaqal’eeyyiifi rakkatan gargaaruudhaan gatiisaa Waaqayyo biraa argachuuf ta’uu ni eera.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016
3 Comments to “ “Tola ooltummaan hojii boqonnaa sammuu gonfachuuf raawwatamuudha” -Dargaggoota hojicharratti hirmaatanii badhaafaman”
Comments are closed.