Mootummaan dinagdee biyyattii qonnaan utubamu gara indastiriitti ceesisuuf hojii baay’ee hojjetaa tureera; hojjetaas jira. Kanneen keessaa paarkiiwwan indastirii babal’isuufi misoomsuun carraa hojii bal’aa uumuurra darbee dinagdee biyyaa akka utubaniif hojii bal’aan hojjetaa jiru ni eerama. Hojiin kunis sadarkaa federaalaarraa kaasee hanga naannoleetti xiyyeeffannaadhaan kanirratti hojjetamaa jiruudha.
Kunis haala caasaafi gurmaa’insa eeggateen akka deemuuf jecha Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indastirii hundeessuun hojiin hojjetamaa jiru ni jira. Akka Oromiyaattis korporeeshinichi waggaa muraasa dura kan hundaa’e yoo ta’u, haala qabatamaa amma irra jiruufi sochii hojiisaa ilaalchisuun Raawwachiistuu Hojii Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indastirii Oromiyaa Aadde Sannaayit Mabree keessummaa keenya torban kanaa taasifanneerra; dubbisa gaarii!
Bariisaa: Yeroo keessaniif galatoomaa jechaa, mee dubbistoota keenyaan walbaraa. Eessatti dhalattanii, guddattan, barattan?
Aadde Sannaayit: Hayyee isinis galatoomaa jechaa, ani Sannaayiit Mabree Goffeen jedhama. Kanin dhaladhe Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Dagamitti. Barnootakoos sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa manneen barnootaa Finfinneefi iddoowwan gara garaatti argamanittin baradhe.
Barnoota sadarkaa olaanaa digriikoo jalqabaa Yunvarsitii Arbaamincitti akaakuu barnootaa Lammummaafi Amala Gaarii (Civics and Ethical Education), digriikoo lammaffaa Yunivarsitii Finfinneetti Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Biyyoolessaa (Polotical Science and International Relations)n baradhe. Ammammoo digriikoo sadaffaa Yunivarsitii Haramaayaatti Nageenyaafi Misooma (Peace and Development) hordofaan jira.
Bariisaa: Muuxannoo hojii keessanis osoo nuu kaastanii?
Aadde Sannaayit: Akkuman yunivarsitiidhaa ba’een Yunivarsitii Bulee Horaatti barsiisummaadhaanin mindeeffame. Achittis gara waggaa afuriin tajaajile. Isaa boodammoo jijjiirraadhaan gara Yunivarsitii Salaaleetti dhaqee waggaa tokkoof barsiise. Yunivarsitiiwwan lamaanitti barsiisummaa maddiitti sadarkaalee gaggeessummaa addaddaarra hojjedheera.
Kanneen keessaa kanin gara dhumaarratti hojjedhe eeruuf, Yunivarsitii Bulee Horaatti Diinii Kolleejjii Saayinsii Hawaasaafi Namummaa (Social Science and Humanity) ta’ee waggoota lamaaf hojjedheera. Yunivarsitii Salaaleettis barsiisummaan cinaatti, daarektara kominikeeshinii yunivarsiitichaa ta’ee tajaajileera.
Ergan Salaaleedhaa ba’ee barnootakoo barachaa gara Mootummaa Naannoo Oromiyaatti dhufee waggaa tokkoof Hoggantuu Ittaantuu Biiroo Invastimantiifi Indastirii Oromiyaa ta’ee hojjedheera. Amma ammoo Gaggeessituu Hojii Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indastirii Oromiyaa ta’een hojjetaa jira.
Bariisaa: Yeroo barattan maal ta’uu hawwaa turtan? Bakka hawwii keessaniiwoo geessaniittuu?
Aadde Sannaayit: Hawwiin ijoolummaa baay’eedha. Waanuma arginu ta’uuf hawwiina. Anis namoota akkasii keessan ture jechuun danda’a. Namoota gaafa doktara argan doktara, gaafa artistii argan artistii ta’uu hawwan jechuudha. Gaafan guddadhee of ibsuu jalqabu keessumaa yeroon sadarkaa lammaffaa baradhu gaazexeessituun ta’a jedheen yaadaa ture. Wantumti ani gochaa turellee gara sanatti na harkisa; Yerookoo gara caalus miidiyaarrattin dabarsaa ture.
Gaafan yunivarsitii galee hojii barsiisummaafi hojiilee tokko tokko keessatti hirmaachuu jalqabummoo ofin argadhe jedheen yaada. Akkan dandeettii gaggeessummaa sirrii qabun hubadhe. Waan laman ta’uu danda’a jedheen amana. Jiruu kiyyaaf hojjechuu nan danda’a; inni biraan hogganuu ykn qajeelchuu nan danda’a. Yoon yeroo argadhe garuu gaazexeessummaas nan yaala.
Bariisaa: Maatii keessaniif intala meeqaffaadha, obbolaa meeqawoo qabdu?
Aadde Sannaayit: Maatiikoof intala saddeettaffaafi ishee dhumaati. Obboleewwan durbaa ja’aafi dhiiraa tokkon qaba.
Bariisaa: Gara hoggansaatti akka dhuftaniif maatii keessaa namni fakkeenya isinii tahe jiraa?
Aadde Sannaayit: Gara hoggansaafi siyaasaatti akkan dhufuuf fakkeenya kan naaf tahe obboleessakoo hangafaati. Obboleessikoo maatii keenyaaf qofa osoo hintaane ijoolleedhuma naannawa keenyaafillee akka fakkeenyaatti kan ilaalamuudha.
Bariisaa: Sadarkaa hogganummaa amma irra geessaniin walqabatee umuriidhaanis dargaggeettiidha. Umuriin, dubartummaafi hoggansi akkamiin ibsama?
Aadde Sannaayit: Hoggansi ofitti himuudha. Wanti akka mootummaattis ta’e garee tokkootti kana hojjedhu jedhamee sii kennamu akkuma jirutti ta’ee, inni guddaan ani kanaaf ga’aadha jedhanii of amansiisuudha; kennaankoo isa jedhanii fudhachuudha. Saayinsiin hoggansa jechuun gaggeessuu ykn dhiibbaa gaarii uumuu, namoota kaanirratti jijjiirama amalaa fiduufi amansiisuudha jedhee ka’a. Kana keessatti dandeettiifi ilaalamni ofiif qabdu murteessaadha.
Kanaaf ani waan ulfaatuudha jedhee hin yaadu. Sababnisaas wantoota baay’een akka ta’an kan taasise dhala namaa waan ta’eef. Fakkeenyaaf akka nyaati nyaata ta’u kan taasise nama. Waantota addunyaa kanarra jiran dhala namaatu fide jechuudha (uumamaan ala jiran jechuuti kooti). Sana keessaa tokko gaggeessummaadha. Namoonni wal hogganuu, waa hogganuu akka danda’an qajeelfamaan kan kaa’e nama. Kun dubartii ykn dhiiraaf kan kenname osoo hintaane, namuma hundaaf kan kennamedha.
Yeroo baay’ee ilaalchaafi barmaata hawaasa keessa jiru, aadaa, amantii keenyaafi kkf tu walitti daddabalamee dubartootarratti dhiibbaa uume malee uumamaan waa hundi qixa nuu kenname. Kana jechuun addaddummaan baayolojikaalawaa hinjiru jechuu miti. Hoggansi garuu isa kana keessa hinjiru. Hoggansi gahee hojiiti malee korniyaadhaan kan kenname miti.
Bariisaa: Kennaakoo argadheera jettaniittu. Bakka ga’uu yaaddan ga’eera jettanii moo akka waa isin hafutti yaaddu?
Aadde Sannaayit: Namni hundi ilaalchota addaddaa qabaachuu mala. Hoggansi sadarkaa qaba. Godaa kaateetu ol dhufta. Namnis kan yaadu bakka har’a irra jirurra kan caalu malee isaa gadi miti. Ani garuu ilaalcha kanarraa adda ta’en qaba.
Bakkan kana dura irra jirurras ta’e amma irra jirurratti, “Lakkii kun nan ga’uu, sichi kan biraatu na eeggata” jedhee yaadee hinbeeku. Yeroo baay’ee iddoon jirurratti gammadduudha. Yoo iddoon jiru na hinquufsine hinhojjedhu. Sababiinsaa ani akkuman muuxannookoo sii kaasee hojiilee addaddaa hojjedhee jiraachuun danda’a.
Waliigala iddoon amma irra jiru kun na gita jedheen amana; kun namoota biratti ilaalama sirrii ta’uu dhiisuu danda’a. Garuu bakkan amma jiru kanatti wantooti ani sirreessuu malu hedduun jiraatanis muuxannoofi sadarkaan qabuun kun anaaf ga’aadha.
Bariisaa: Mee gara dhaabbata amma hogganaa jirtaniitti haa dhufnuutii, Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indastirii Oromiyaa akkamiin dubbistoota keenyaaf ibsitu?
Aadde Sannaayit: Akkuma maqaansaa agarsiisu, dhaabbanni keenya dhaabbata sadarkaa korporeeshiniitiin hundaa’eefi mootummaadhaan hogganamuudha. Hogganuu qofa osoo hintaane misoomsuufi waa hundasaa kan bulchuudha. Misoomsuunis karaa lamaan ta’uu danda’a; kunis karaa mootummaafi abbootii qabeenyaa waliini.
Kaayyoon hundeeffamasaas paarkiiwwan indastirii addaddaa Oromiyaa keessatti misoomsuu yoo ta’u, erga hundaa’e waggoota afran darbaniif haala kanaan hojjetaa jira. Kana keessattis abbootii qabeenyaa affeeruun hojiitti akka seenamuuf ni hojjeta.
Bariisaa: Paarkiiwwan indastirii misoomsuun kun bu’aa akkamii qaba?
Aadde Sannaayit: Faayidaa hedduudha kan qabu. Akka fakkeenyaatti carraa hojii uumuu, alergii guddisuun sharafa alaa argamsiisuu, meeshaalee alaa galan omisha biyya keessaatiin bakka buusuun baasii bahu hambisuu, hariiroo dinagdee addaddaa uumuufi kanneen biroos kaasuun ni danda’ama. Keessattuu indastiriin agroo ykn indastirii qonna qinda’aa amma hojjetamaa jiru qonna biyyattii gara indastiriitti ceessisuu keessatti shoora olaanaa qaba.
Bariisaa: Indastirii misoomsuun durumayyuu ni jira. Haala kanaan korporeeshiniidhaan hundeessanii hojjechuu maaltu adda taasisa?
Aadde Sannaayit: Waantota lama kaasuu dandeenya. Fakkeenyaaf akka Oromiyaatti Biiroo Invastimantiifi Indastirii Oromiyaa fudhachuu dandeenya. Biiroon kun abbootii qabeenyaa dhuunfaatiif eeyyama invastimantii kennee, qaama dhimmi ilaallaturraa lafa fudhatanii akkasaan misoomsan taasisa. Akkasaan hojiitti seenaniifis deggarsawwaniifi leenjiiwwan addaddaa ni kenna. Abbootii gahee wajjinis akkasaan hojjetaniifi rakkoon yoo jiraate akka waliin mari’ataniif waltajjii ni mijeessa.
Keenya kun garuu intarpiraayiziidha. Kana jechuun dhaabbata biizinasiiti jechuudha. Gaheen ce’umsa dinagdee keessatti taphachuu qabnu akkuma jirutti ta’ee galiidhaafis ni hojjenna. Ni misoomsina, isa misoome ammoo ni kireessina. Abbaa qabeenyaa waliin yemmuu hojjennus galiin argannu jira.
Kanaaf akka korporeeshiniitti qarshii maddisiisuufi galii argachuuf hojjenna jechuudha. Kanaan indastiriin akka naannootti akka babal’atuuf gumaacha ni taasifna, galiis ni guddifanna. Kanaaf dhaabbati keenya dhaabbata bu’aaqabeessa ta’e, bu’aansaammoo dinagdee biyyarraatti waa dabaluu danda’uudha.
Bariisaa: Erga hundaa’ee yeroo gabaabaa ta’uu kaastanittu. Kanuma keessatti karoora as dhihoo qabate milkeeffatee bakka ga’uu qabu ga’eera jechuun ni danda’amaa?
Aadde Sannaayit: Dhugaa dubbachuuf, waan yaadamee hundaa’e sanarra ga’eera jechuu hindandeenyu. Dhaabbata reefu dhalateedha. Kanneen eegalaman reefu ijaarsisaanii xumurama, kaansaaniimmoo ijaarsarra jiru. Akka barbaadamutti hojii guutuutti hingalle. Waggaa lamaan sadan kana humna guutuudhaan hojiitti seenu jennee yaadna. Fakkeenyaaf Paarkiin Indastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa waggaa lama booda humna guutuudhaan hojiitti seena jedhamee eegama.
Hanga yoonaa aangoo dhaabbata keenyaaf kennameen hojii misoomsuu raawwataa turre jechuudha. Misoomsuu jechuun ijaaruu qofa osoo hintaane bu’uuraalee misoomaa hunda guutuu, sheediifi mana jireenyaa ijaaruufi kkf dabalata. Kanaa booda sirriitti hojiitti kan seenu ta’a. Kanaaf bu’aaqabeessummaansaas sana keessatti ilaalama.
Bariisaa: Kanneen ijaarsarra jiran dabalatee, Oromiyaa keessa paarkiiwwan indastirii meeqatu jira? Eessa eessattis argamu?
Aadde Sannaayit: Ammatti kanneen korporeeshinii keenya jalatti bulan lama qabna. Isaanis Paarkii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa ijaarsisaa xumurameefi Paarkii Qonna Qindaa’aa Naqamtee ijaarsarra jiruudha. Kanneen malee magaalota ja’a keessatti (Maqii, Shaashamannee, Dodolaa, Itayyaa, Baalee Roobeefi Oolancitii) sadarkaa giddugala ce’umsa baadiyyaatiin kan misooman jiru.
Kunneenis bal’inni lafasaanii kanneen guguddoorra haa xiqqaatu malee waan paarkiin tokko guutuu qabu ni qabu. Kanneen keessaa kan Maqiifi Shaashamannee waa hundi xumuramee abbootiin qabeenyaa itti seenaa jiru. Kaan adeemsarra jiru.
Bariisaa: Paarkiin Qonna Qindaa’aa Bulbulaa erga xumurameera jedhamee tureera. Amma maalitti jira? Wayita ammaa humna guutuun hojiitti seenuu hinqabuuyyuu?
Aadde Sannaayit: Paarkiin kun misoomfamaa ture. Hojiitti seenuu qaba ture yoo baay’atee baay’ate waggaa tokkoo dura. Kun daran harkifateera kan jechisiisu ta’uu baatus akka hojiitti hinseenneef wantoonni gufuu itti ta’an hedduun turaniiru. Akka fakkeenyaatti, harkifannaan abbootii qabeenyaa, indastiriin paarkii mootummaa kun kan barame ta’uu dhabuun, nyaata qindeessuurratti hojjetamaa kan hinturre ta’uun, liqiin baankii akka barbaadametti argamuu dhabuun, bu’uuraaleen misoomaa akka barbaadameetti guutamuu dhabuufi kkfn akka sababaatti ka’u. Ta’uus kanneen bara darbe sheedii fudhatan garuu amma maashinariiwwan addaddaa dhaabanii sochii eegalaniiru.
Bariisaa: Paarkiin Qonna Qindaa’aa Naqamteewoo sadarkaa maaliirra jira?
Aadde Sannaayit: Kan Naqamtee ijaarsisaa jalqabee jira. Rakkoo karaa kontiraaktaraatiin nu mudate wajjiin walqabatee yeroo gabaabaaf addaan citee ture. Amma rakkoo sana hiikuun hojiinsaa deebi’ee eegaluuf jedha. Waggaa tokko/lama booda hojii ni eegala jennee yaadna.
Bariisaa: Kaka’umsi abbootiin qabeenyaa paarkiiwwan kanneenitti fayyadamuuf agarsiisan hanga yaadameen deemaa jira jechuun ni danda’amaa? Keessumaa indastiriin naannawa Finfinneefi magaalota guguddootti waan baramaniif fagaatanii deemuu wajjin walqabatee rakkoon hinjiruu?
Aadde Sannaayit: Fedhii hinqaban jennee kaasuu hindandeeyu. Sababnisaas ammayyuu invastaroota 29 qabna. Kana jechuun %30n qabameera jechuudha. Kunneen boordiidhaan murtaa’eefi waliigaltee mallatteessanii, lafa fudhataniifi kanfaltii duraa irraa eegamu kanfalaniiru.
Kun akka lakkoofsaatti guddaadha. Namni tokko hamma heektaara shanii fudhatetu jira. Kun waan akka salphaatti ilaalamu miti. Garuummoo hamma barbaadameedha jechuun hindanda’amu. Kanaafis sababoonni kanneen ani irranatti ibseedha.
Keessattuu baay’inni abbootii qabeenyaa biyya keessaa gara indastirii kanaatti seenanii hojjetanii gadaanaadha. Kun akka naannootti qofa osoo hintaane akkuma biyyaattuu rakkoo mudateedha. Fakkeenyaaf paarkiiwwan indastirii akka Boolee Lammii keessa invastarri biyya keessaa tokkollee hinjiru. Kun waan namatti agarsiisu qaba.
Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa harki caalu paarkii indastirii keessa galanii hojjechuurra lafa fudhatanii, isa dalleessanii kaa’uutu baratame. Silaa isaanirraa waa xiqqootu barbaadama; hojii harka caalu kan xumure mootummaa waan ta’eef. Inni kun waan sirriitti ilaalamuufi irrattis hojjetamuu qabuudha.
Kallattii mootummaan kaa’een hojiin paarkiiwwan indastirii kanneen keessatti hojjetamu qonna qindaa’aa waan ta’eef galtee biyya keessaa fayyadamuun waan omishamuuf %60-80 dursi abbootii qabeenyaa biyya keessaatiif kennama. Sababnisaas invastimantiin biyya tokkoo lammii biyyasanaarratti xiyyeeffachuun waan filatamuufi.
Amma garuu kan nuti itti deemaa jirru abbootii qabeenyaa alaa fidnee hojjechiisuudha. Sababnisaas paarkiin kun waan yaadame bira ga’uu qaba. Faayidaalee dinagdee irraa eegamus fiduu qaba. Kana malees carraan hojii uumuu qabu waan jiruuf dirqama hojiitti seenamuu qaba.
Omishni biyya keessaafi alaa guddachuu qaba. Omishaalee keenyatti sonni dabalamee faayidaa fiduu malu fiduu qaba. Kana keessatti ammas abbootii qabeenyaa biyya keessaa gara paarkii indastirii keenyaa dhufanii misoomsuu barbaadaniif karri keenya banaadha; dursi kennameefii keessummeeffamu.
Bariisaa: Dhimma kanarratti qorannoo adeemsisuu hin yaallee? Kun akka jijjiiramuuf isintu hinhojjennee laata?
Aadde Sannaayit: Sababoonni ijoo warruman eereedha. Inni guddaan indastirii paarkii keessa seenanii hojjechuurra karaa biraa itti seenuu barbaadu. Seerri indastirii paarkii keessaas daran cimaa waan ta’eef sana keessa seenuu hinbarbaadan. Barmaatuma jiruunis namni dafee waan haaraatti seenuu ni sodaata. Kunneen akkuma jiranitti ta’anii, nutis akka barbaadamutti hunda bira geenyee hubannaa uumneerra jechuu hindandeenyu. Kanas akka hanqina keenyaatti fudhannee waan irratti hojjechaa jirru qabna.
Bariisaa: Abbootiin qabeenyaa Paarkii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa seenan amma maal hojjechaa jiru? Omishatti seenaniiruu?
Aadde Sannaayit: Bu’aalee guguddaa fidaniiru jennee wanti eerru hinjiru; baay’eensaanii ijaarsarra waan jiraniif. Karoorri keenya yoo milkaa’e barana warshaalee guguddoon afur hojiitti kan seenan ta’a.
Omisha zayitii, juusiiwwan, foon qindeessuufi kkftti ni seenu. Abbootiin qabeenyaa 29 jedhaman kunneen pirojektota 34 irratti kan bobba’an ta’u. Wayita ammaa gara pirojektota 13 yaalii omishuurratti argamu. Humna guddaadhaan ta’uu baatus gabaaf dhiheessaa jiru.
Bariisaa: Karoora waggaa shaniitiin ta’uu danda’a, paarkiin kun utuu guutummaatti hojjiitti seenee carraa hojiifi galii hammamii argamsiisa jedhamee yaadamaa?
Aadde Sannaayit: Baay’ee guddaadha; ammumayyuu warri 29 kunneen utuu sirriitti hojii eegalanii carraan hojii namoota kuma sagal oliif ni banama. Gaafa guutumaatti hojiitti seenummoo kallattiidhaan namoota kuma 30fi isaa oliif carraa bana. Paarkiin kun heektaara 271 bal’ata. Heektaarri 135 zoonii omishaa qofa. Utuu manni jireenyaa, kilinikiifi tajaajilliwwan biroon itti hindabalamiin jechuudha.
Sharafa argamsiisuu waliin walqabatee garuu akkana jennee qabachuun nu rakkisa. Karoora akkanaa qabachuuf indastirii kamtu abbootii qabeenyaa kamiin qabame? Isa jedhu beekuun barbaachisaadha; galiin omisha argamurratti hunda’aa waan ta’eef. Akkasumas omisha kamtu alatti ergama, kamtu hinergamu? kan jedhus dursee adda ba’uu qaba. Omishni ergamummoo gabaarratti gatii hammamii qaba isa jedhu tilmaamuun ni rakkisa. Garuu piropozaala ni qaba.
Bariisaa: Ittiwaamama paarkiiwwaniitiin walqabatee, fakkeenyaaf Paarkiin Indastirii Adaamaa mootummaa federaalaa jalatti bula. Kun bulchiinsaafi adeemsa hojiirratti rakkoo uumuu hinqabuu?
Aadde Sannaayit: Kanarratti nama hundaaf ifaa ta’uu kan qabu paarkiin indastirii Oromiyaafi kan federaalaa tokko miti. Hariiroo caaseffameefi hariiroo hojiis hinqabnu. Kanaaf isaan sararasaanii qabatanii deemu, nutis sarara keenya qabannee deemna. Akkuma yunivarsiitiiwwan dhaabbata federaalaa ta’anii hunda’aniitti paarkiiwwan indastirii federaalaa jalatti hundeeffamanis isaan jalatti kan hogganaman ta’u. Kan keenya ammoo ittiwaamamniifi ittigaafatamni keenya Biiroo Dhaabbilee Misooma Oromiyaatiifi.
Bariisaa: Paarkiiwwan indastirii babal’isuudhaan walqabatee, yaadonni ka’an jiru. Warruma eegalaman cimsanii xumuruu malee haaraan akka hinijaaramnetu ka’a. Bakkawwan tokko tokkottimmoo hawaasni nuuf haa ijaaramu jedhee gaafata. Fakkeenyaaf Iluu abbaa Boor kaasuu dandeenya. Yaadota kanneen irratti maal jettu?
Aadde Sannaayit: Kanarratti yaada kennuun ni ulfaata. Sababnisaas yaadni babal’isuufi babal’isuu dhiisuu dhaabbata keenya qofaan kan murtaa’u miti. Paarkii indastirii malee indastirii babal’isuu Biiroon Invastimantiifi Indastirii Oromiyaa hojjechuu danda’a. Kanaaf karaa sanaan indastiriin misoomuu danda’a. Kana malees federaallis naannoo keenyatti babal’isuu danda’a. Kanarratti Mootummaan Naannoo Oromiyaas waan hojjetu qaba.
Akka korporeeshinii keenyaatti garuu tokkoffaa, paarkiin Indastirii Qonna Bulbulaa humna guutuudhaan akkasumas kan Naqamtee ijaarsisaa xumuramee hojiitti seenuu qaba. Paarkiiwwan lamaan kanneen abbootiin qabeenyaa guutummaatti galanii, misoomsanii, achirraa nutis isaanis waan argannu argachuu qabna. Gaafa sadarkaa kanarra geenye waa’ee paarkii biraa ijaaruu
yaadna. Akkasumas bakkeewwan bilisaa of harkaa qabnu ni qabna. Gaafa isaaf invastarri nu waliin hojjechuu danda’u dhufummoo isas kan misoomsinu ta’a.
Bariisaa: Kanneen hojiitti seenan omishuu qofa osoo hintaane, sona ittidabalanii gabaaf akka dhiheessaniif deggarsi keessan maal fakkaata?
Aadde Sannaayit: Kanarratti waan baay’ee hojjenna. Kan Bulbulaa qofa yoon sii kaasee, paarkii misoomsuun ittigaafatama keenya isa ijoodha. Yommuu kana jennuu omisha oyiruurraa qabee akka hanqina galteewwaniitiin hinrakkanneef waan hojjennu qabna. Dandeettii cimsuurrattis invastarri biyya keessaafi alaa dhufee akka nama barate mindeessuu hinrakkanneef namoota baay’ee leenjisnee qopheessineerra. Bor iftaan akka gabaadhaan walqabatee rakkoon hinuumamneef ammoo seektara dhimmichi ilaallatu faana walitti hidhamiinsa gabaarratti hojjechuuf dirqama qabna; hojjetaas jirra.
Kana malees, qulqullinaan walqabatee oyiruurraa eegalee hamma nyaataaf oolutti hordooffii barbaachisu ni taasisna. Fakkeenyaaf xaa’oo hinmalle akka hinfayyadamne, wantoota nageenya omishaatiif fayyadan guuttachuufi kkf irratti leenjii ni kennina, to’annoos ni taasifna.
Waliigala qulqullinaafi eegumsa nyaataa, dhaadhessaa (piromoshinii)fi sona dabaluurratti seektaroota dhimmi ilaalu waliin taanee ni hojjenna. Fakkeenyaaf sona dabaluu Biiroo Qonnaa Oromiyaa, dhaadhessa BiirooInvastimantiifi Indastirii Oromiyaa, qulqullinaafi eegumsarratti Ejensii Saayinsiifi Teknolojii Oromiyaafi kkf wajjin hojjenna. Misoomsuurra darbee kanneen hunda hinhojjennu taanaan hojii guutuun hojjetamuu hindanda’u.
Bariisaa: Seektaroota wajjin waltajjii dhaabbii waliin hojjettan qabdumoo, akkamiin walitti dhuftu?
Aadde Sannaayit: Tokko tokkoon hojii waliin hojjennuuf pilaatfoormiin qophaa’e ni jira. Koreen olaanaa sadarkaa pirezidaantii ittaanaatti hogganamu ni jira. Biiroleen ani eereefi kanneen biroo dhimmichi ilaallatu hundi koree kana keessatti miseensa.
Ji’a sadii sadiitti walarganii hojii jiru qoratanii, kallattii ka’aa deemu. Koree kana jalatti ammoo taaskifoorsiin hundaa’e ni jira. Kana jalatti biiroleen dhimma isaan ilaallatuun fudhatanii hogganu. Fakkeenyaaf taaskifoorsii invastimantii Biiroo Invastimantiifi Indastirii Oromiyaa, taaskifoorsii sona dabaluu Biiroo Qonna Oromiyaatu hoggana. Waliigala seektaroonni gara 20 ta’an keessatti hammatamanii hojjetu.
Bariisaa: Simannaa abbootii qabeenyaatiif karri keessan ammayyuu banaa ta’uu eertaniittu. Mee ulaagaa maalii guutanii yoo dhufan paarkii indastirii keessatti hirmaachuu danda’u? Gama kenna tajaajilaatiin rakkoon akka hinmudanneef hoo maal hojjetaa jirtu?
Aadde Sannaayit: Hunda dura kan barbaachisu fedhiidha. Ittaansuun karoora hojii (proposal) damee hojii irratti xiyyeeffachuu barbaadan irratti qopheeffatanii dhihaachuu qabu. Achirratti kaappitaala hojii ittin eegaluuf isaan dandeesisu hammam akka ta’e, carraa hojii banuuf deeman, maal akka hojjetan, galtee akkamii akka fayyadaman, galtee eessaa akka argatan, dandeettii omishuusaaniifi kkf qabate qopheeffachuu qabu. Fakkeenyaaf kaappitaalli ka’umsaasaanii miliyoona 150 ta’uu qaba. Carraan hojiimmoo lafa inni fudhaturratti hundaa’a.
Kenna tajaajilaatiin walqabatee korporeeshinii keenya qofatti osoo hintaane paarkiiwwan indastirii kam keessattuu komiin ka’u hinjiru. Sababnisaas sistamni keenya kanaaf mijataa miti. Namni ulaagaa jedhe guutee fidee dhufnaan birokraasiin addaa hinjiru. Boordiin addaa kanaaf hundaa’ee waan jiruuf karaa sana saffisaan kan raawwatamu ta’a. Sistamni keenya haalaa qindaa’aafi daran ofeeggannoo qabuun kan hojjetamudha.
Bariisaa: Dhumarratti, mee bakka yaadame ga’uuf eenyurraa maaltu eegama? Akka ergaatti waan kaastan yoo qabaattan carraan isinii kenna.
Aadde Sannaayit: Hojiin kun hojii qaama tokkooti jedhee hin yaadu. Korporeeshiniin keenyaa ittigaafatamawwan irranatti eeraman haa qabaatuyyuu malee kaayyoonsaa guddaan guddina dinagdee damdaneessa mirkaneessuudha. Kana keessatti carraa hojii bal’aa uumuu tiransiformeeshinii qonnaa mirkaneessuu, omisha alatti erginee sharafa alaa argamsiisuu, omishawwan alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuufi hojiilee guguddoo biroo qabateera. Kunimmoo nama dhuunfaarraa kaasee hunduu yoo irratti hirmaate malee bakka yaadame hinga’u. Kanaaf seektaroonni ani eeres ta’e kaan sadarkaa kanatti hubatanii socho’uu qabu.
Keessattuu abbootiin qabeenyaa biyya keessaa carraa guddaa dursa kennametti fayyadamuun dhufanii misoomsuu qabu. Yoo akkana ta’e yeroo gabaabaa keessatti maniiwwan taa’aniif manii akka mootummaatti qabame, badhaadhina gama hundaa mirkaneessuuf hunduu hirmaachuu qaba ergaa jedhuun qaba.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016
6 Comments to “ “Paarkiiwwan indastirii keessatti hirmaannaan dureeyyota biyya keessaa gadaanaadha; warra fedha qaban kamiifuu ammayyuu karri keenya banaadha” -Aadde Sannaayit Mabree”
Comments are closed.