Finfinnee: Oromiyaatti ji’oota sadan darbanitti galiin qarshii biliyoona 26 ol walitti qabamuu Biiroon Galiiwwan Oromiyaa beeksise. Raawwiin kunis kan karoorfamee gad ta’uun ibsameera.
Hoggantuun biirichaa Aadde Maskaram Dabbabaa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, kurmaana 1ffaatti galii qarshii biliyoona 34.631 walittiqabuuf karoorfamee sababoota garagaraatiin karooraa gad qarshiin biliyoona 26.655 walittiqabameera.
Kaffaltoonni gibiraa “Sadarkaa C” yeroo jedhame keessatti kaffaluu dhabuun, kuufamni galmee odiitii si’aayinaan xumuramuu dhabuufi rakkoon nageenyaa iddoo tokko tokkotti mudatee ture karooraa gadi sassaabamuu galiitiif akka sababaatti eeramu.
Magaalota Shaggar, Adaamaa, Shaashamanneefi Bishooftuurratti hojjetaa waljala dabarsuufi ramaddii haaraa dafanii adeemsisuu dhabuu dhiibbaa mataasaa uumeera kan jedhan Aadde Maskaram, haa ta’u malee, ji’a Onkoloolessaa kana keessa galiin taaksii dabalataafi kaffaltoota gibiraa olaanaarraa walitti qabamaa waan jiruuf harcaatii mudate bakka buusuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru.
Naannichatti kaffaltoonni gibiraa sadarkaa C kan galiisaanii waggaatti kuma 500 gad ta’an kumni 449 ol (%87) jiraachuu eeranii, tilmaama gatii galii guyyaa bara 2015 hojiirra ooleen gibira sassaabuun komirraa bilisa ta’uun alatti sassaabbii gibiraa si’eessuurratti gumaacha guddaa qabaachuus ibsaniiru. Kaffaltoota gibiraa sadarkaa C dhibbantaa 88 ta’an yeroo jedhame jechuunis baatii Adoolessa 1-30tti kaffaluusaanis eeraniiru.
Akka isaan jedhanitti, ji’oota sadan darban qofatti daldaltoota eeyyama malee daldalan kuma 22 ol seeratti deebisuun galii mootummaa qarshii miliyoona 98 ol baraaruun danda’ameera.
Hubannoo gibiraa yeroo garaagaraa uumameen aadaan yeroon gibira kaffaluu daran fooyya’us ammas hojiin manaa hafu jiraachuu Aadde Maskaram ibsaniiru.
Kontirobaandiin, galii gibiraa waliin dha’uun, naga’ee kennuu dhiisuufi eeyyama malee daldaluun akaakuwwan daldala seeraan alaa ta’uu dubbatanii, biirichi yeroof kan xiyyeeffate daldaltoota eeyyama malee daldalanirratti ta’uu himaniiru.
Amanamummaan galii argatanirraa gibira kaffaluu dhabuu akka jiru sirna odiitii booda galiin dabalaa dhufuurraa mirkaneeffachuus himanii, barana odiitiin qarshii miliyoona 10 walitti qabuuf sochii taasisaa jiraachuu dubbataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016
4 Comments to “ Oromiyaatti ji’oota sadan darbanitti galiin qarshii biliyoona 26 ol walitti qabame”
Comments are closed.