“Karoora qabame milkeessuuf Oromiyaa guutuutti mariin hawaasa hirmaachise ni taasifama” -Doktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee: Karoora xiiqii qabame hojiitti hiikuuf ji’oottan ittaanan Oromiyaa guutuutti hawaasa sadarkaan jiru waliin mariin akka taasifamu Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti, Ittigaafatamaan Siyaasaa Doktar Biqilaa Hurrisaa ibsan.

Hojii misoomaafi nageenyaarratti walhubannoo hoggansi ilaalchaafi gochaan qabu yeroo gara yerootti cimaa dhufeeras jedhaniiru.

Doktar Biqilaan qorannoo hojii mootummaafi paartii naannichaa magaalaa Adaamaatti adeemsifameen kallattii fuulduraa kaa’ame ilaalchisee tibba darbe midiyaaf wayita ibsa kennan akka jedhanitti, misooma tarkaanfachiisuufi nageenya kabachiisuurratti hoggansi gochaafi ilaalchaan walhubataa jira. Malaammaltummaafi ilaalchi badaan misooma naannichaa boodatti harkisaa tures daran gad bu’eera. Ta’us karoora xiiqii qabame saffisa barbaadameen hojiitti hiikuurratti ammayyuu rakkoon jira.

Waan xixiqqaan xaxamuun dandeettiifi beekumsa qaban hojiitti hiikuun rakkoo ummataa furuurratti ammas hoggansa tokko tokko biratti hanqinni jiraachuu himanii, hojii duulaan hojjetamuufi waan xixiqaatti yeroofi qabeenya qisaasessuu keessaa ariitiin ba’uun dirqama ta’uu jala sararaniiru.

Seenessa obbolummaafi aadaa qusannaa cimsuu, hirmaannaafi fayyadamummaa misoomaa ummata naannichaa, qulqullina barnootaa mirkaneessuu, invastaroota haaraa harkisuu, galii naannichaa gabbisuu, sirna bulchiinsaa ammayyeessuufi alseerummaa ittisuu, pirojektii buleeyyii saffisaan xumuruu, tajaajila si’ataa diriirsuufi nageenya naannichaa tasgabbeessuun hojii ji’oottan ittaanaan xiyyeeffannaa addaan raawwataman ta’uu ibsu.

Kufaatii sirna barnootaa akka biyyaatti mudate maqsuuf naannichi galtee barnootaa guutuu, qulqullina manneen barnootaa dabaluu, sirna hoggansa barnootaafi barsiisotarratti xiyyeeffannaa addaan hojjechuuf kallattiin kaa’amuu yaadachiisanii, lafa seeraan ala qabame bakka barbaachisetti seeratti deebisuu bakka rakkoo qabutti ammoo tarkaanfiin seeraa hojiirra akka oolu himaniiru.

“Sirni kaadaastara lafaa, magaalota 23 keessatti bara kana ni xumurama; lafa baadiyyaa seeraan ala qabamee qonnaan babal’aan irratti adeemsifamaa jirurratti tarkaanfiin seeraa ni fudhatama. Omishaafi omishtummaa dabaluun alatti omisha sassaabuurratti xiyyeeffannaa addaan ni hojjetama” jedhu. Hundaa ol nageenya naannichaa mirkaneessuuf milishaafi gaachana sirnaa leenjisuufi hidhachiisuurratti kan hojjetamu ta’uu himanii, namoota hawaasa keessa taa’anii qaamolee hidhatanii socho’aniif deeggarsa barbaachisaa taasisanirratti qabsoo cimaan hawaasa hirmaachise akka taasifamus dubbataniiru.

Carraa hojiifi misooma waloo naannichaa mirkaneessuuf invastaroota harkisuurratti hojiin bal’aan akka hojjetamu kan ibsan ittigaafatamaan kun, kan lafa fudhatanii osoo misoomatti hinseenin dalleessanii jiranis hojiitti kan galchan ta’uu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ “Karoora qabame milkeessuuf Oromiyaa guutuutti mariin hawaasa hirmaachise ni taasifama” -Doktar Biqilaa Hurrisaa”

  1. Pingback: groepsreis gambia
  2. Pingback: car detailing
  3. Pingback: hit789
  4. Pingback: strip chat tokens

Comments are closed.