Finfinnee: Godina Shawaa Lixaatti jiraattotni Aanaa Gindabarat sababa rakkoo daandiitiin rakkoolee hawwaasummaafi dinagdee hamaaf saaxilamuu ibsan.
Jiraattotni kunneen dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti akka himanitti, sababa rakkoo daandiin aanichatti namni dhukkubsate karaa ba’ee ittiyaalamu dhabuurraan kan ka’e lubbuun namoota hedduu darbeera. Keessattuu rakkoo daandiin haadholiin wayita da’umsaa yeroodhaan mana yaalaa qaqqabuu dhabuun miidhaa hamaaf saaxilamaniiru.
Daldalaan midhaaniifi jiraataan aanichaa Obbo Biqilaa Dheeressaa akka jedhanitti, aanichatti namni dhukkubsatee turtii torbanoota hedduu booda Finfinneetti ergamee lubbuunsaanii darbe jira. Rakkinuma daandiirraa kan ka’e reeffa namaa qe’eetti galchanii awwaaluun ulfaataa waan ta’eef safuu ummatichaatiin ala yeroon reeffi karaarratti awwaalames jira.
Akka yaada Obbo Biqilaatti, bara addunyaan mandara tokko taate kanatti hawaasni Gindabaratiifi naannawashee seenaa keessatti karaa ta’ee hinbeekneen osoo hinjaalatiin magaalota biyyattiirraa adda cituuf dirqameera.
Ummatniifi magaalotni naannawichaa magaalota biroorraa adda cituurraan kan ka’e soogiddarraa kaasee meeshaalee warshaa keessaa ba’an garasitti geejjibuun waan hindanda’amneef hawaasichi qaala’iinsa gatii hamaadhaan dararamaa jira.
Daandii malee omishanii gabaatti geeffachuufi magaalaarraa gara magaalaatti socho’anii daldaluun hindanda’amu kan jedhan Obbo Biqilaan; daldalatanii jiraachuuf jecha rakkoo daandiirraa kan ka’e qe’eesaanii jaalatan gadilakkisanii deemuuf akka dirqaman dubbataniiru.
Jiraataan Magaalaa Kaachisii Obbo Dagguu Toleeraa gamasaaniin akka dubbatanitti, baroota dura daandiin Gindabaratiifi Gincii walqunnamsiisu daandiin konkiriitii ni jira ture. Haa ta’u malee, daandicha gara asfaaltiitti jijjiiruuf fiixeedhaa hamma fiixeetti qotuufi iddoo fageenya gabaabaarratti qofa asfaaltii taasisuurraan kan ka’e irra jireessisaa waan qoqqotameef konkolaataa mitii namnuu miilaan daandicharra imaluu hindandeenye jedhan.
Waggoota ja’a dura hojiin ijaarsa daandii asfaaltii Gincii- Shukuteefi Shukutee-Culluuxxee jalqabamee ture erga addaan citee waggoota lama lakkoofsiseera kan jedhan Obbo Dagguun; ummatni bakka bu’uun koree daandii filatame irra deddeebiin komii ummataa hanga federaalatti dhiyeessus hanga ammaatti furmaatni akka hinargamne himaniiru.
Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaatti, Gaggeessaan Hojii Damee Amboo Obbo Daanyee Laggasaa akka jedhanitti, rakkoo daandii hawaasa naannawa Gindabaratiifi Jalduu furuuf hojii ijaarsa daandii asfaaltii hojjechuuf ijaarsicha iddoowwan lamatti jechuunis lootii 1ffaafi lammaffaatti qooduun waggoota shan dura Dhaabbata Konistiraakshinii Gamshuu Bayyanaa wajjin waliigaltee mallatteessuun hojiitti galamee ture.
Daandiin lootii 1ffaa (Gincii-Shukutee) kiiloomeetira 59 kan dheeratu yommuu ta’u, hojii mootummaan federaalaa daandicha asfaaltiidhaan ijaarsisuuf qarshii biliyoona 1.2n waliigaltee mallatteessuun hojjitti galamee ture.
Akka isaan jedhanitti, waliigalteen kunis erga mallattaa’ee booda kontiraaktarichi lootiiwwan lamaanirrattuu hojii ijaarsaa jalqabee ture. Keessattuu, ijaarsi daandii Gincii-Shukutee Fulbaana 2015rraa eegalee addaan citus ijaarsisaa dhibbantaa 69 irra gahee ture.
Kontiraaktarichi, “Rakkoo nageenyaatiin maashinootni na jalaa gubataniiru, hojjettootnis butamanii qarshiin gaafatamaa jira” jechuun hojii ijaarsaa addaan kutuu dubbatanii; ijaarsa daandii Shukutee- Culluuxxees dhibbantaa 15rra gahee waggoota lama dura hojiinsaa dhaabateera jedhaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Daandiifi Lojistikii Godina Shawaa Lixaa Obbo Jabeessaa Maammuyyee gamasaaniin, kontiraaktarichi dhimma nageenyaa akka sababaatti haa kaasu malee haalli nageenya naannawichaa haala qabatamaa amma jiruun sababa hinta’u jedhaniiru.
Waajjirrisaanii furmaata yerootiif daandii Shukutee-Culluuxxee suphaa jiraachuu ibsanii; rakkinicha hundeerraa furuuf bulchiinsi godinichaa koree hundeessuun Bulchiinsa Daandiiwwan Fedaraalaa gaafachaa jiraachuu ibsaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016
4 Comments to “Jiraattotni Aanaa Gindabarat daandii dhabuun rakkoo hamaaf saaxilamuu ibsan”
Comments are closed.