Haalli mijataan uumamnaan mariin biyyaalessaa ji’oota muraasa booda eegalama

Finfinnee: Nageenya dabalatee haalli mijataan uumamnaan mariin biyyaalessaa walakkaa waggaa kanaa kan eegalamu ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise. Imalli komishinarootni komishinichaa gara Tigraayitti taasisanis milkaa’aa ture.

Hogganaan Damee Miidiyaa, Kominikeeshinii, Gargaarsaafi Dubbi Himaan komishinichaa Obbo Xibabuu Taaddasaa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, naannolee muraasarraa kan hafe hirmaattonni marichaa filatamaniiru.

Haata’u malee, bakkeewwan tasgabbiin nageenyaa hinjirretti hirmaattota filachuufis ta’ee ajandaa marii haala barbaadameen walittiqabuurratti danqaa waan uumeefkomishinichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin dubbachaa jira. Mootummaanis haalli nageenyaa akkafooyya’uuf xiyyeeffannaan hojjechuu qaba.

Rakkoon nageenyaa iddoo tokko tokkotti mul’atu barbaachisummaa marii yaadamee kan mirkaneessu waan ta’eef akka sodaa guddaatti hin ilaalamu jedhanii, gama biroon ammoo galtee marichaa bifa tasgabbiififurmaata waaraa ta’een walittiqabuurratti dhiibbaa waan uumuuf nageenyi fooyya’uun dirqama ta’uu yaadachiisaniiru. Tasgabbiin uumamnaan mariin kun haaluma karoorfameen walakkaa waggaa kanaa kan eegalamu ta’uus ibsaniiru.

Rakkoo gangalatee as ga’uun nageenya booressaa jiru kana furuuf falli jiru marii qofa ta’uun erga irratti waliigalamee haalli nageenyaa amma jiru akka fooyya’uufhunduu tumsuu qabas jedhaniiru.

Naannolee Oromiyaa, Affaar, Somaaleefi Itoophiyaa Giddugaleessaarraa kan hafe hojiin hirmaattota marichaa filachuu raawwatameera. Naannolee hirmaattonni marichaa adda hinbaane kunneenittis sochiin eegalameera. Qaamolee komishinichaaf tumsa taasisan filachuufi leenjisuunis raawwatamaa jira. Hawaasa diyaaspooraa hirmaachisuufis bakka bu’oota waliin mariin eegalamuu  ibsaniiru.

Komishinichi tibbana pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraayitti Obbo Geetaachoo Raddaa waliin marii bal’aafi bu’aaqabeessa  taasisuu eeranii, marsaa ittaanutti akkuma naannolee kaanii kaabineefi dhaabbilee siviilii wajjinis kan adeemsifamu ta’uu dubbataniiru.

Gama deeggarsaatiinis kallattiin hojii komishinichaa keessa seenuu baatanis deeggarsa yaadaa, teknikaafi faayinaansiitiin dhaabbileen idil addunyaa tumsa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Komishinichi marii ittiquufiinsa hawaasaa mirkaneessuuf gidduseentummaa tokko malee walabaan hojiisaa raawwachaa jiraachuus ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “Haalli mijataan uumamnaan mariin biyyaalessaa ji’oota muraasa booda eegalama”

  1. Pingback: Apartheid

Comments are closed.