Gaalarii Shuumataa: Dhaabbata hambaalee seenaa sabootaa waggaa 50 dura Finfinneetti hundaa’e

Osoo beeknee, hambaaleen seenaa sabootaafi sablammoota Itoophiyaa miidhagina, madda galiifi agarsiistuu qaroomina keenyaati.

Itoophiyaan madda dhala namaa (‘Land of Origin’)fi wiirtuu qaroomina kalaqawwan gara garaa ta’uushee hambaaleefi ragaaleen seenaa qabatamaan lafarratti argaman agarsiistuu guddaadha. Biyyattiin wiirtuu qaroominaa ta’uu hambaaleen, ijaarsawwan masaraalee, holqawwan namtolchee, riqichoonni, meeshaaleen duriifi kanneen biroo ga’umsa dhaloonni darbe qabu kan agarsiisan ta’anis dandeettiifi ga’umsi kun dhaloota jaarraa kanaatti ce’eeraa laata isa jedhu isinumaafin dhiisa.

Torbeen tuurizimii sadarkaa addunyaatti yeroo 44ffaaf, sadarkaa Finfinneetti Kibxataa hanga Kamiisa dheengaddaatti ammoo yeroo 36ffaaf qopheessummaa Biiroo Aadaa, Aartiifi Turizimii Finfinneefi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin Doloolloo Buddeenaatti (Addababa’ii Masqalaatti) kabajameera.

Anis hojiif garasitti imaleen wanta qalbiikoo na hawwate tokko halaalatti argeen itti siqee daawwachuu jalqabe. Shuumataa Gaalarii jedhama, bara 1964 kan hundaa’e yoo ta’u, hambaalee sabootaafi sablammoota Itoophiyaa waggoota 50 oliif dhuunfaan walitti qabuun dhaloota har’aaf olkaa’eera.

Meeshaaleen agarsiisaaf dhiyaatan kunniin kan umrii dheeraa qaban yoo ta’an, kutaalee biyyattii gara garaa keessaa walitti qabamuu dubbatu Ittaantuu Hojii gaggeessituufi Daawwachiistuu Dhaabbata Dhuunfaa Gaalarii Shuumataa Aadde Saaret Saffaa.

Akka isaan jedhanitti, hambaaleen dhaabbatichi agarsiisaaf dhiyeesse waggoota 50 dura abbiyyuusaaniitiin kan walitti qabamaniidha. Abbiyyuunsaanii hojiilee kalaqaafi xibraa gara garaa kutaalee biyyattii keessa deemuun bituufi gurguruun jiraataa kan turan yoo ta’u, adeemsa keessa dhaloota dhufuuf olkaa’uu kan jalqaban ta’uu dubbatu.

Kutannaa abbiyyuun isaanii hambaalee seenaa walitti qabuuf qaban daran olaanaa turuu eeranii, ilmisaanii kan ammaa isaaniif abbaa warraa ta’ee jiru hojii abbaan isaanii jalqaban harkaa fuudhanii kunuunsa barbaachisu taasisaa dhaloota har’aan gahaniiru.

Dhaabbata agarsiisa hambaalee seenaa kana keessa sireen, gaachanni, okkoteen, eeboon, teessumni miila sadii akkasumas meeshaaleen nyaataa, fal’aanniifi kanneen biroo dhiyaataniiru.

Hedduunsaanii umrii waggoota dheeraa kan qaban yoo ta’u, abbiyyuunsaanii wayita daldalaaf kutaalee Itoophiyaa gara garaa keessa adeemaa turan bituun Finfinnetti fidanii Dhaabbata Gaalarii Shuumataa jedhamu keessatti walitti qabaa turan. Dhaabbatichi qaroomina Itoophiyaanotaa kan hammateefi teessumasaammoo Finfinnee taasifachuunsaa adda isa taasisa.

Sababnisaas dhaabbatichi kan Itoophiyaanonni hundi keessatti of ilaalan jechuunis saboonniifi sablammiileen gara garaa hambaalee akaakileefi habaabileesaaniin hojetamaa turan bakka itti argu ta’uu himu. Gaalariin Shuumataa agarsiistuu sabootaaf sablammiilee hundaa waan ta’eef hambaaleen achi keessatti argaman ragaa bahu.

Magaalaa tokko keessa hambaalee seenaa daawwachuu yoo deemte kan ummata ykn saba tokko qofa agarta. Gaafa gara Gaalarii Shuumataa dhuftu kan sabootaafi sablammiilee Itoophiyaa gara garaa bakka bu’an agarta, kunis adda isa taasisa.

Aadaan hunduu kan kooti jedhanii sabootaafi sablammii walqixxummaan keessummeessuun biyya keenyatti hinbaratamne ilaalcha kana maqsuuf gaheesaanii bahachaa jiraachuu kaasti.

Daawwataan tokko daawwachuuf wayita olseenutti agarsiistuu eenyummaasaa yoo argu itti gammada,kan saba tokkoo qofa yoo ta’e garuu miirri kankooti jedhu isa keessa hinjiraatu jetti Aadde Saaret.

Ilaalcha kana cabsuuf sochii Gaalariin Shuumataa itti jiru jajjabeessaadha jechuun ni danda’ama, sababnisaas hambaalee seenaa sabootaafi sablammiilee gara garaa of keessatti hammateera.

Guutummaatti Itoophiyaa ibsuun hindanda’amu achi keessa sabaaf sablammiileen aadaa, afaan duudhaa, eenyummaafi agarsiistuusaanii ta’an kumaaf kitala jiraachuu dagatamuu hinqabu.

Hambaaleen kunniin osoo beeknee kunuunsinee dhaloota dhufuuf olkeenyee akka madda galii ta’u dagachuu hinqabnu. Kan qabnu seeraan itti fayyadamuu dhabuu keenyaan maqaa biyya hiyyeettii jedhu nutti moggaasan malee ga’umsa dhaloonni keenya qabu daran addunyaa biroof fakkeenyummaan kan ka’udha malee kan nu saalfachiisu hinta’u.

Nus kanuma bu’uura godhannee waggoota shantamaa oliif meeshalee hambaa seenaa abbaan keenya walitti qabaa turan seenaafi ibsawwan gara garaan deeggarree dhaloota itti barsiisaa jirra. Aadde Saaret “Gaalarii Shuumataa” keessatti hojigaggeessaa ittaanaa taatee hojjechuun ala daawwachiistuu taatees tajaajilaa jirti.

Kan abbaan keenya biyyoota gara garaa jechuunis kutaalee Itoophiyaa gara garaa keessa deemanii walitti qabanii olkaa’an nummoo seenaasaanii qorannee barumsaan deeggarree dhaloota har’aaf agarsiisaaf dhiyeessuun takkaan ittigaafatamummaa seenaa nutti laatame bahachuudha lammatammoo qaroomina akaakileef habaabileen keenya darban qaban addunyaaf ibsuu waan ta’eef kan nama gammachiisuudha jetti.

Gaalaricha keessatti meeshaaleen hambaa seenaa umrii dheeraa qaban haa jiraatan malee agarsiisaaf dhiyaachuu erga eegalanii waggaa tokkoofi ji’a jaha hincaalu.

Kanaafimmoo sababa kan ta’e takkaan meeshaaleen achi keessa jiran eessa eessarraa akka dhufan qorachuu barnoota antiroopooloojiin deeggaramuu akka qaban beeknee irratti hojjechuun,Saba kam akka bakka bu’an odeeffannoo gahaa guurrachuun wiirtuu sabaaf sablammiin Itoophiyaa keessa jiraatan Finfinnee keessatti agarsiisaaf erga banaa ta’ee waggaa lama hinguunne.

Ta’us waggoota muraasa kana keessatti miirri daaw’attoota biyya keessaafi alaa kan nama kakaasu waan ta’eef xiyyeeffannoo kennuun hojjetaa akka jiran Aadde Saareti kaasu.

Akka ibsasaaniitti, meeshaaleen achi keessatti argaman kutaalee gara garaa Itoophiyaa keessaa kan walitti qabaman yoo ta’u, saba xiqqaa guddaa ilaalcha jedhu keessaa bahuun dhugaa hunduu kan Itoophiyaanotaati jedhuun meeshaaleen kunniin funaanamanii seeraan olkaa’amaniiru.

Meeshaalee hambaa seenaa kun kan Oromoo, Sidaamaa, Gaamoo, Guraagee, Amaaraafi kanneen biroo of keessatti kan hammatan yoo ta’u, wiirtuu Itoophiyaa xiqqaan keessatti mul’attu taasisuuf humna qabaniin hojjetaa jiraachuus himaniiru.

Ga’umsiifi qaroominni kalaqaa dur hammas ga’u osoo jiruu dhaloonni har’aa eeggattummaafi hiyyummaan waamamuun sirrii miti jedhanii, yoo waa kalaquu dadhabne kan kaleessa abboota keenyarraa dhaalle olkaa’uun murteessaa ta’uu dubbatu.

Isaaniifi abbaan warraasaaniis miira kutannaa isaan keessa buleen hambaalee seenaa kana kunuunsaa asiin gahuu eeranii, of eeggannoo cimaan bocasaa ganamaa akka hingadhiisneef eegumsa taasisaa jiraachuu ibsu. Meeshaaleen agarsiistuu sabaafi sablammii hundi waan akka garaatti argamuu hindandeenyeef bakka barbaachisaa ta’etti fakkeessanii hojjechuun irraa barsiisaa jiraachuu himaniiru.

Akka fakkeenyaatti barcumni Mootii Abbaa Jifaariin fakkaatu ogeessotaan hojjetamee agarsiisaaf taa’eera. Sababnisaas kan isaan dur ittifayyadamaa turan Godambaa Jimmaa keessa kan jiru yoo ta’u, nummoo fakkeessinee hojjennee ittiin barsiisaa qaroomina durii beeksifna jedhu.

Eeboon, gaachanni, meeshaaleen mana keessaa hedduun naannolee Itoophyaa gara garaa keessaa walitti qabamanii Dhaabbata Gaalarii Shuumataa keessatti agarsiisaaf dhiyeessuun Itoophiyaan haadha sabaafi sablammiifi wiirtuu hambaalee seenaa hedduu qabaachuu itti mul’isaa jiraachuu ibsaniiru.

Aadaan kun kan nama jajjabeessu hunduu kankooti ilaalcha jedhu kan nama keessa bulchu waan ta’eef jajjabeeffamuu mala kan jette Aadde Saaret,dargaggoonni imaanaa abbootiisaanii kan eegan ta’uu qabu yaada jedhus kaasaniiru.

Qaroomina Itoophiyaanonni dur qaban dhaloota har’aatiinis dhaalamuu kan qabu ta’uu eeranii, keessumaa hambaalee keenya madda galii gochuuf irratti hojjechuun barbaachisaadha jedhu.

Dhaabbanni Gaalarii Shuumataa Birbirsa Gooroo, naannawa Daandii Charchil irratti mana xiqqoo keessatti hundaa’ee ergaa guddaa dhaloota ammaaf kan dabarsaa jirudha. Meeshaaleen hambaa seenaa har’a agarsiisaaf dhiyaatan kunniin muraasa. Ta’us bakki hojii yoo mijateefii bal’inaan hojjechuuf gama hundaan qophaahoo ta’uu Aadde Saaret ni dubbatu.

Meeshaaleen hambaa seenaa Gaalarii Shuumataa osoo bocnisaanii hinbadiin bakka ittihojjetamaniifi bara ittihojjetamaniin galmeeffamanii dhalootaaf kan ta’an yoo ta’u, kaanimmoo fakkeeffamanii hojjetamuun kan qophaanidha.

Walumaagalatti hambaaleen seenaa keenya miidhagina keenya, madda galiiti, agarsiistuu qaroomina dhaloota darbaniiti, labatni amma jirummoo kan durii kunuunsuu ofiimmoo addunyaarratti caalee argamuuf miira walqixxummaa, tokkummaafi waldanda’uu daran gabbifachuun Itoophiyaa sabaafi sablammii hunda qixa keessummeessitu ijaarrachuuf tumsuu akka qabus dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Gaalarii Shuumataa: Dhaabbata hambaalee seenaa sabootaa waggaa 50 dura Finfinneetti hundaa’e”

  1. Pingback: sex girldie
  2. Pingback: free webcam tokens

Comments are closed.