“Waaqni cittoo namatti fide qeensa nama hindhowwatu” jedhama. Miidhamummaa qaamaa jechuun dandeettii ykn ga’umsa dhabuu jechuu akka hintaane hojiilee isaan jiruufi jireenya mo’achuuf hawaasaa keessatti qabatamaan raawwachaa jiraniifi jijjiirama guddaa isaan galmeessisaaa jiran ilaaluun gahaadha. Miirri kutannaafi fedhiin jiraannaan waanti hindanda’amne hinjiru; ga’umsa miidhamtoonni qaamaa dinagdee mataasaaniis ta’e kan biyyaa jijjiiruu keessatti qaban qabatamaan mul’achaa waan jiruuf.
Miidhamtoonni qaamaa hojiilee namoonni kaan hojjetan mara keessatti hirmaatanii ofiifis biyyasaaniifis bu’aa buusaa jiru. Kunimmoo warra otoo qaamaa guutuu qabanii hojii malee taa’aniif fakkeenya gaarii ta’a.
Gaazexaan Bariisaas odeeffannoo dhimma kanaan walqabatu Magaalaa Bishooftuurraa argachuun dargaggoo umriisaa waggaa 10tti qaroosaa dhabe, dhaga’uufi dubbachuu hindandeenyeefi jireenyasaa mo’achuufimmoo tattaaffii gochaa jiru tokko dubbiseera.
Dargaggoon kun arguus ta’e dubbachuu waan hindndeenyeef mudannoofi muuxannoosaa ilaalchisuun turtii haadhasaa Aadde Warqee Hayiluu wajjin taasisne haala armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Dargaggoo Natsaannat Asaffaa jedhama. Dargaggoon kun Magaalaa Bishooftuu kan jiraatu yoo ta’u, hanga umriisaa waggaa 10tti fayyaalessa ture. Booda keessa osoo mana barumsaatii galuu daandiirratti kufee imalliifi qabsoon jireenyaa akkasumas mul’anni jijjiirama egeree isa keessa jiru akka ibsaa dhaamuu kaasu harmeensaa Aadde Warqeen.
Taateen kun waggoota 18 dura Natsaannat kan mudate yoo ta’u, guyyaa tokko mana barumsaarraa osoo galuu kufuusaan walqabatee ijisaa arguu, gurrisaa dhaga’uufi dubbachuu dadhabuu kan himan haatisaa, guyyaa inni mana barumsaarraa osoo galuu kufe sana gara Finfinneetti fiduun hospitaala ‘Xiqur Anbassaa’tti yaalaaf dhufee wayita qoratamu dhibee narviif saaxilamuu, kana malees fayyuu akka hindndeenye ragaan mana yaalaa kan ibsu ta’uu dubbatu.
Yeroo Dargaggoo Natsaannat miidhaa qaamaa sadaniif saaxilameerraa kaasee baatii tokkoof miira aarii, jeeqamuufi of jibbuu keessa turuu kan himan haati dargaggoo kanaa, adeemsa keessa garuu hojii ogummaa gara garaa mana keessatti hojjechuu eegaluusaan tasgabbii argachuu akka jalqaban dubbatu.
Arguu, dhaga’uufi dubbachuu erga dhaabee waggaa 18 kan lakkoofsise Dargaggoo Natsaannat, hojjetee jireenyasaa mo’achuuf garuu waanti isa daangesse hinjiru. Dargaggoon miidhamaa qaamaa arguu, dhaga’uufi dubbachuu hindandeenye kun hojii gara garaa mana keessatti hojjechuu erga eegalee jireenyisaa tasgabbaa’aa dhufeera.
Hojii akka hojjetuuf kan isa kakaasemmoo jalqaba wayita qarooonsaa fayyaa ture harmeensaa gundoo hodhanii isaafi obboleeyyansaa jiraachisaa waan turaniif hodhaa gundoo duraan harmeessarraa bare hodhaa turuusaati.
Akkuma, Waaqni cittoo namaa kenne qeensa nama hindhowwatu jedhamu Dargaggoo Natsaannat erga arguufi dhaga’uu dadhabee ogummaa gundoo hodhuutti cimuun maallaqa argatuun jireenyasaa mo’achuuf duubatti hinjenne. Kana haatisaa ragaa bahuuf, “Gundoo miidhagaa hodhee gabaaf dhiyeessaa jira” jechuun.
Erga gundoo hodhee gabaaf dhiyeessuu jalqabee bubbuleera kan jedhan Aadde Warqeen, dargaggoon kun hojii mana keessaa gara garaas hojjechaa jira. Akkuma warra qaroo qabuu barii hirribaa ka’ee fuulasaa dhiqatee, ilkaansa qulqulleeffatee bakka ciisichasaa bareechee kan afatu ta’uus eeraniiru.
Akka haatisaa jedhanitti, dargaggoon kun akkuma namoota bukoo bukeessee buddeen ni tolcha, buna tumee ni danfisa, ittoo ni hojjeta. Jallaattiis qopheessee gurgura.
Dargaggoo qaama miidhamaa kanaan alatti ijoollee afur qabaachuu kan himan Aadde Warqeen, abbaan warraasaanii bara lola Baadimmee duulee achitti wareegamuu himu. Ergasii as qofaasaanii ittigaafatamummaa ijoollee guddisuu fudhatanii kufanii ka’aa jiru.
Kanarrattimmoo ilmisaanii Natsaannat miidhamaa qaama waan ta’eef hojii gundoo hodhuu kana ilmisaaniis hojichatti akka bobba’u gochuun ofififi ilmaansaaniitti abdii jireenyaa horaa nama har’aa ta’aniiru.
Natsaannat kutannoofi kaka’umsa hojii adda ta’e kan qabu yoo ta’u, osoo deeggarsa argatee kanaa olitti dinagdeesaa guddisuu danda’a kan jedhan haatisaa, dargaggoo amala gaariifi kutannoo hojii qabu kanaaf otoo haalli mijateefii gaarii ta’uu dubbatu.
Hamman lubbuun jirutti ilmakoo gammachiisuuf duubatti hinjedhu kan jedhan Aadde Warqeen, du’uun hinoolu, hangasitti garuu ilmisaanii rakkatee arguu akka hinbarbaanne kaasu.
Dargaggoon kun miidhama qaamaa isa mudate kanaan osoo hinsakaalamiin galii gundoo hodhee argatuun jireenya isaa ittiin jijjiiraa kan jiru yoo ta’u, namoota utuu qaama guutuu qabanuu rakkoo hojidhabdummaaf harka kennaniif fakkeenya gaarii ta’a. Qaama guutuu, qabeenya uumamaa hintuqamneefi ogummaawwan garagaraa hojjennee ittiin jireenya keenya jijjiiruu dandeenyu osoo qabnuu hojii malee taa’uufi dinagdeen kufuun qaaniidha jedhu haatisaa.
Qabsoo jireenyaa mo’achuuf Dargaggoo Natsaannat taasisaa jiru daran ulfaataa ta’us miira nidanda’amaa isa keessa buleen har’a of jiraachisaa jira. Dinagdeen caalanii argamuufi hojjetanii jireenya giddugaleessaa jiraachuun cimina yoo ta’u, osoo beekumsa, humnaafi qaama guutuu qabanii eeggattummaa jalatti kufanii hiyyummaaf harka kennuun sirrii miti. Humnaafi beekumsa qabnu hojiitti jijjiiruun hiyyummaa, eeggattummaafi kufaatii dinagdee numudaturraa of baraaruuf kutannoofi kaka’umsa hojii dargaggoo Natsaannatirraa barachuu qabna.
Dargaggoo kun har’a waggaa 28 yoo ta’u, ogummaa gundoo hodhuurraa galii argatuun of jiraachisaa jira. Yoo garaarraa boohan imimman hindhibu akkuma jedhamu miirri kutannaa jiraannaan dinagdee ofiis ta’e kan biyyaa jijjiiruun akka danda’amu beekuun barbaachisaadha.
Miirri kutannaa dhabamuun ammoo hiyyummaa, deegaafi kufaatii dinagdeef nama saaxila. Qabsoo dargaggoon miidhamaa qaamaa kun jiruufi jireenyasaa mo’achuuf, of jijjiiruufi dinagdeessaa guddisuuf taasisaa jiru namoota qaama guutuu qabaniifi miidhamtoota qaamaa biroofis barumsa guddaa dabarsa.
Hundumtuu eeggattummaafi hiyyummaa keessaa ba’uuf, jireenyasaa jijjiiruufi dinagdeessaa fooyyessuuf qabsoo jireenyaa isa mudatuuf utuu harka hinkennin carraa hojjii argame hundatti fayyadamee hojjechuu qaba.
Qaama guutuun qabeenya, qabeenya qabnu kanatti fayyadamuun of jijjiiruun immoo dirqama hunda keenyaati. Carraa hojii argame hundumaatti fayyadamuun jireenya ofiifi maatii ofii jijjiiruurra darbee dinagdee biyyaa utubuu keessattis gahee guddaa qaba. Qabsoo Dargaggoo Natsaannat jireenya mo’achuuf taasisaa jirurraas waan guddaa barachuu dandeenya.
Abbaan qabeenyaa tokko mana jireenya ijaaree kennuufii kan himan Aadde Warqeen, isaanis buuphaa affeelanii gurguruun jireenya geggeessaa jiru. Ilmisaanii ammoo otoo deggarsa argatee kana caalaa hojjechuu waan danda’uuf qaamni dhimmisaa ilaallatu deggarsa barbaachisu akka taasisuuf gaafataniiru.
Walumaagalatti, qaamaan miidhamuu jechuun ga’umsa dhabuu jechuu waan hintaaneef hadheeffannee jireenyarratti qabsaa’uun ogummaafi kennaa nukeessa jirutti fayyadamnee ofiifi biyya keenya jijjiiruun hiyyummaafi eeggattummaa seenaa gochuun nurraa eegama.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016
One Comment to “ Natsaannat Asaffaa: Dargaggoo qaroo hinqabne, dhaga’uufi dubbachuu hindandeenye garuummoo miira hindanda’amuu nidanda’amaatti jijjiire”
Comments are closed.