“Naannoon Sidaamaa gama tajaajila faayinaansii ammayyaatti fayyadamuutiin naannolee kaaniif fakkeenya ta’aa jira”Doktar Araaroo Garramoo, Hogganaa Biiroo Faayinaansii Naannichaa

Doktar Araarsoo Garramoo Hogganaa Biiroo Faayinaansii Bulchiinsa Naannoo Sidaamaa yemmuu ta’an, naannichi erga Naannoo Sabaafi Sablammoota Kibbaa jalaa bahee of danda’ee as faayidaawwan gama hawaasummaafi dinagdeetiin akkasumas siyaasaatiin gonfaterratti, ak­kasumas rakkoolee daangaa bulchiinsaa Oromiyaafi Sidaamaa gidduutti uumamaa turaniifi haala isaan yeroo ammaa irra jiranirratti ibsa bal’aa akka nuu kennaniif affeerree keessummaa Gaazexaa Bariisaa maxxansa kanaa taasifanneerra.

Gaafdeebii guutuun isaan wajjiin taasisne akka armaan gadiitti dhihaateera.

Bariisaa: Mee jalqaba raawwii hojii waliigalaa naannichaa bara bajataa 2015 irraa haa eegalluu?

Doktar Araarsoo: Tole. Akkuma beekamu yeroon amma keessa jirru ji’a lammaffaa bara haaraa 2016 ta’uusaatiin walqabatee gaaffiin kaaftanis kan yeroosaa eeggate ta’uu asumaan isinii mirkaneessuu barbaada. Yommuun gara gaaffii keetti deebi’u immoo, bara bajataa 2015 darbeef qabeenyi hojiiwwan misoomaa naannichaa si’eessuuf ramadamee ture haala barbaachisuun hojiirra ooluusaa to’achuufi hanqinoota mul’atanirratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun hojii ijoo biiroo keenyaati. Kanaaf dhimma kanarratti kutannoofi xiyyeeffannoo addaatiin hojjachaa baane.

Hojmaata faayinaansii gara faayinaansii dijitaalaawaatti geeddaruunis hojiiwwan bara darbe xiyyeeffannoodhaan hojjatamaa bahan keessaa isa tokko yemmuu ta’u, kunis teknolojiiwwan ammayyaatiin walbaranii tajaajila faayinaansii ammayyaa diriirsuudhaan tajaajila si’ataafi hunda dhaqqabu mirkaneessuuf hojmaata barbaachisaadha.

Akka bulchiinsa Naannoo Sidaamaatti sadarkaa aanaarraa eegalee dhaabbileen hojmaatni faayinaansii diriireef 80 yemmuu ta’an, hojii dhaabbilee faayinaansii kanneen gara dijitaalaa ‘online’tti galchuuf hojii bara 2015tti raawwatameen, dhaabbilee 42 hojmaata faayinaansiisaanii dijitaalaatti geeddaruudhaan gara hojii ‘online’tti akka galan taasisuun danda’ameera.

Raawwiin kun oggaa dhibbantaadhaan kaa’amu %38 yemmuu ta’u, hojmaata faayinaansii gama dijitaalessuufi gara ‘online’tti fiduun immoo iftoomina mirkaneessuudhaan gochoota akka hannaafi malaammaltummaa to’achuufis shoora guddaa kan taphatuudha.

Dhaabbilee hafan bara bajataa keessa jirutti guutummaatti gara hojmaata faayinaansii dijitaalawaatti geeddaruuf kutannoo olaanaadhaan gara hojiitti galameera.

Hojmaata bittinnaa’aa kanaan dura ture sirreessuuf ogeeyyii damee faayinaansii keessa jiraniif leenjiiwwan gahumsa raawwiisaanii fooyyessan kennuuf karoorfamee kan ture yemmuu ta’u, raawwiiinsaas dhibbantaa 100.

Inni sadaffaafi murteessaan kan biraa raawwii gama bittaatiin jiruudha. Yeroo ammaa dhaabbileen Federaalaa hojmaata bittaa ammayyaa kanaan raawwataa jiran dhaabbilee 70 ta’u. Naannoon Sidaamaas dhaabbileefi naannolee hojmaata bittaa haaraa dijitaalawaa kana jalqabuuf sochii eegalan keessa isa duraati jechuun ni danda’ama.

Hojmaatni bittaa haaraa dhaabbilee mootummaa kun ogeeyyota biratti dorgommii cimaa uumuudhaan tajaajilli haqaqabeessi adeemsa bittaa keessatti akka mirkanaa’u kan taasisu waan ta’eef, akka naannoo Sidaamaatti hojmaaticha hojirra oolchuuf waltajjiiwwan gara garaa qaamolee gahee qaban waliin taasifamaa jira.

Kana qofa osoo hintaane hoggansiifi ogeessi jijjiirama mormu tokko tokko jiraachuu waan maluuf hoggansaafi ogeeyyota damee bittaa keessatti argamaniifis leenjiin barbaachisummaa hojmaata bittaa dijitaalaa dhaabbilee mootummaarratti akka kennamu taasifamaa jira. Kanarraa ka’uun bara bajataa amma keessa jirru kanatti dhaabbileen naannichaa 13 hojmaata bittaa dijitaalaa akka eegalaniif karoorfannee gara hojiitti galleerra.

Hojiin tajaajila bittaa ammayyaa kun dursee akka irratti jalqabuuf kanneen filataman keessaa dhaabbileen torba warra hiyyummaa hir’isuu keessatti shoora olaanaa bahataniifi bajatni mootummaa guddaan ramadamuufiidha.

Bariisaa: Hojmaatni bittaa haaraan kun malaammaltummaafi hanna hir’isuu keessatti hangam abdatama?

Doktar Araarsoo: Gaaffii gaariidha. Adeemsa bittaa ammayyaa dijitaalaafi ‘online’ kana keessatti wiirtuun adeemsa kanaa biiroo faayinaansii naannichaati. Kanaafuu hoggansi biiroo faayinaansii adeemsa sochii faayinaansiifi bittaa sadarkaa godinaa, aanaafi magaalotaatti raawwataman kallattiidhaan ilaaluuf carraa argata jechuudha. Kana waan ta’eefis adeemsi hannaafi malaammaltummaa kanaan dura tureef haalli hin mijatu jechuudha.

Tajaajila maanuwaalii kanaan dura baratamaa ta’e keessatti garuu gabaasotni dhihaatan guutummaatti kan amantaan irratti gataman hinturre. Sababnisaas irraa hir’isuufi itti dabaluunis jiraachuu akka danda’u waan shakkamaniifi. Kanaaf tajaajilli ‘online’ kun erga dhufeen booda. Erga gabaasa tokko qophaa’ee booda irra deebi’anii sirreessuun akka hindanda’amne taasifameera.

Jalqabuu tajaajila ‘online’ kana waliinis hoggansi sadarkaa gubbaarra jiru adeemsa sochii maallaqaa sadarkaalee garagaraatti taasifamu hunda iddoo tokko taa’ee ilaaluu waan danda’uuf qabeenyi tokko maalirra akka oolu, eessatti akka hojiirra ooleefi mallattoo eenyuutiin akka bahii taasifames haala salphaa ta’een hordofuun kan danda’amuudha.

Hojmaata kana osoo dhaabbilee hunda keessatti hojirra oolchuun danda’amee, tokkoffaa tajaajilli si’ataan akka jiraatu taasisa, lammaffaa immoo hojmaatni faayinaansii amantaa guutuun akka raawwatamuuf carraa guddaa uuma. Kana yemmuu jennu garuu, innis kan hojjatamu humna namaatiin waan ta’eef darbee darbee hojmaatni gadheen namoota teknolojii kana sochoosaniin hin uumamu jechuu keenyaa miti. Adeemsa boodatti hafaa si’eessuufi hannaafi malaammaltummaa hundee gadi fageeffatee ture bifa abdachiisaa ta’een ni hir’isa kan jedhurratti hundaa’uudhaan malee.

Hojii guddaan tajaajila ammayyaa hojmaata faayinaansii kanaan furamu inni biraa immoo kanaan dura maallaqni bittaawwan gara garatiif oolu yeroo dheeraadhaaf ogeessaafi hoggansa damee sanaa harka turaayyu. Maallaqni tokko yommuu yeroo dheeraaf harka namaa turutti kan dhuunfaasaa itti fakkaata.

Kanaaf sodaa tokko malee maallaqicha dhimma biraatiif oolchuun waan hinoolleef namoota maallaqa mootummaa nyaatan barbaachaaf olii gadi fiiguun hinhafu. Yeroo sanatti hanga qaama maallaqa mootummaa nyaate himannaa irratti bantee mana murtii dhaabdutti pirojektiin maallaqa sanaan hojjatamuuf yaadamee ture harkifachuusaatiin rakkoo bulchiinsa gaarii biraatiif karaa banee komiin ummataa dhagahamuu eegala.

Kana waan ta’eef, hojmaatni faayinaansii dijitaaloomsuu kun rakkoolee damichaa hangana hinjedhamne furuu kan danda’uufi daran barbaachisaa kan ta’eedha jedhanii fudhachuun ni danda’ama.

Bariisaa: Teknolojiin kamuu akkuma faayidaa qabu miidhaas waan qabuuf hanqinni teknolojii kanaan dhufuu danda’u maali jettu?

Doktar Araarsoo: Akkuma ati jette teknolojiiwwan hedduun akkuma bu’aa qaban cinaatti miidhaas ni qabaatu. Haa ta’uu malee garuu tajaajilli faayinaansii ammayyaa kun bu’aa malee miidhaan inni qabaachuu danda’u hinjiru. Fakkeenyaaf bittaa aanaa tokkorratti raawwatamaa jiru kallattiin yemmuu ilaalaa jirtutti hojmaatni hinmalle yoo mul’ate achumatti akka sirraa’u gochuu dandeessa. Hojmaata badaa kallattiidhaan hordofanii akka sirratu gochuun kun faayidaa malee miidhaa akkamii qabaachuu danda’aree?

Bariisaa: Naannoon Sidaamaa magaalota guguddoo akka Hawaasaa malee aanaalee keessatti bu’uraalee misoomaa babal’isuu dhabuudhaan yeroo hamatamu dhaga’amaa asirratti maal jettu mee?

Doktar Araarsoo: Hamiin dhageessaniifi odeeffannoon argattanis sirrii miti. Sirreeffamuu qaba ejjannoo jedhun qaba. Inummaayyuu “Magaalota xixiqqoofi

 aanaalee keessatti bu’uraalee misoomaa babal’isuudhaan Hawaasaa dagattaniitu” komii jedhutu jira. Kana yommuun fakkeenya qabatamaadhaan sitti himu hojii waliinga’iinsa daandii qofa yemmuu fudhanne. daandiiwwan waggoota sadeen kana keessatti naannoo Sidaamaatti hojjataman, kanneen waggoota 40f hojjatamanii turanii oli.

Waggoota sadeen darban qofa keessatti naannichatti daandii baadiyyaa cirrachaa kiiloometira 1600 ol ta’u hojjachuun danda’ameera. Kun immoo waggoota afurtama darbaniif naannichatti waan hojjatamee miti. Bajatuma hojii waliin ga’iinsa daandiitiif waggoota jedhaman kanneen keessatti qabamanii hojirra oolanis yemmuu ilaalte qarshii biiliyoona 2.2 ta’utu hojii kanaaf oole.

Gama bishaan dhugaatiitiin yemmuu ilaallu immoo naannoon Sidaamaa of danda’ee osoo hinhundaa’in duratti uwwisni bishaan dhugaatii magaalaafi baadiyyaa dhibbantaa 38 ture. Waggoota sadeen darban qofatti garuu hojiiwwan babal’ina bishaan dhugaatii dhaabbilee mitmootummaafi qaamolee gara garaatiin hojjataman dhiifnee kan mootummaa naannichaa qofarraa qarshii biiliyoona 1.1 ta’u hojii waliin ga’iinsa bishaan qulqulluu dhugaatii kanaaf akka oolu taasifame.

Hojiiwwan waggoota sadeen kanneenitti waliin ga’iinsa bishaan qulqulluu dhugaatii dabaluuf hojjatamaniin yeroo ammaa uwwisni bishaan dhugaatii naannichaa dhibbantaa 56.3tti ol guddisuun danda’ameera. Kanaafuu, hojiiwwan misoomaa nuti naannicha keessatti raawwannu hundi haqaqabeessummaa giddugaleeffatanii kan hojjataman ta’uu sii mirkaneessuun barbaada.

Hojiiwwan babal’ina daandiifi ijaarsa pirojektota bishaaniitiin walqabatee gaafa Naannoo Kibbaa jala turretti hojjatamaa turan garuu rakkoo haqummaa akka qaban nutis ilaalleerra. Kana qofa osoo hinta’in ijaarsi daandiiwwaniifi riqichaa eegalamanii osoo hinxumuramin waggaa torbaafi saddeet turan hedduun kan xumuraman waggoota sadeen erga naannichi of danda’ee hundaa’ee as ta’uu ibsuun barbaada.

Kanaaf magaalotni akka Hawaasaa kan bulan galii ofiisaaniitiin sassaabbataniin waan ta’eef, galii ofiisaanii hanga barbaade akaakuu misoomaa barbaadaniif oolfachuuf bilisummaafi aangoo guutuu qabu. Nuti osoo maallaqa hedduu qabaannee Hawaasaa kana caalaa misoomsinee nutti tola ture. Garuu hanqinni maallaqaa waan jiruuf, magaalota hanga Hawaasaayyuu bu’uuraalee misoomaa hinguuttanne hedduu waan qabnuuf, xiyyeeffanaan keenya inni guddaan magaalota xixiqqoofi baadiyyaa naannichaa daandiidhaan walitti hidhuurratti kan xiyyeeffatu ta’a jechuudha.

Wandoonis yeroo ammaa Hawaasaatti aanuudhaan magaalaa galii ofiisheetii maddisiiftu taateeti. Karoorri keenya guddaan kana booda irratti xiyyeeffannus dhimmuma magaalota naannichaa akka of danda’aniifi galii ofii maddisiisaniin akka bulaniif haala mijeessuurratti ta’a.

Adeemsi akkanaa kun immoo hojiiwwan bu’uraalee misoomaa bifa murteessaa ta’een deebisanii tajaajilli hawaasaaf kennamu bifa si’ataafi hunda dhaqqabaa ta’een akka raawwatamuuf daran barbaachisoo akka ta’an amantaa guutuu qabna.

Yoon akkumaa fakkeenyaatti sii kaase, magaalaan Cuukkoo jedhamtu takka naannoo keenya jala jirti. Aanaan Cuukkoo magaalattii marsee argama. Yeroo ammaa haalli galii ofii maddisiisan deebisanii misooma naannawa sanatti hojjatamuuf oolchuurra gahuuf hojii guddaa hojjachaa jiru.

Kanaanis yeroo ammaa bajata magaalattiifis ta’e aanaa magaalattii marsee jiruuf ramadamu keessaa dhibbantaan 90 galiidhuma achirraa sassaabamuun deebisanii misoomaaf oolchuun danda’ameera. Kunis kan agarsiisu naannichatti magaalotni xixiqqoofi aanaaleen hundi dhawaata dhawaataan akka of danda’anii hojiilee misoomaa naannawasaanii hojjachiisaniif kallattiin kaa’amee ture bu’aa qabatamaatti ce’aa jiraachuusaati.

Babal’ina bu’uraalee misoomaatiin walqabatee rakkoon haqummaa yookiin iddoo tokkotti baay’inaan hojjatanii naannawa biraa dagachuun akka hinuumamneef hojiin biraa kan Biiroo Pilaanii Naannoo Sidaamaatiin hojjatamaa jiru jira. Kunis faca’insi bu’uuraalee misoomaa naannichatti hojjatamaa tureefi ammas hojjatamaa jiru maal akka fakkaatu qorannoo qabatamaatiin mirkaneessuuf hojjachaa jira.

Qorannoo kanaanis bu’uuraaleen misoomaa akkamii iddoo akkamii akka jiru, eessatti hanqinni akka jiru ifatti kan agarsiisu ta’a.

Akka waliigalaatti baay’inni pirojektota misoomaa naannoo Sidaamaa keessatti waggoota sadeen darbaniif hojjataman gara naannawa 514 ol yemmuu ta’an, isaanis pirojektota daandii, bishaan qulqulluu dhugaatiifi kanneen biroo kan dabalatuudha.

Ijaarsa pirojektota gara garaa naannichatti hojjatamaa turaniifi ammas hojjatamaa jiraniif waggaa waggaadhaan mootummaan naannichaa qofti naannawa qarshii biiliyoona shanii ramaduudhaan rakkoolee bu’uuraalee misoomaa hawaasichaa furuuf hojjachaa jira.

Waggoota sadeen darbanitti magaalaa Hawaasaa dabalatee magaalotaafi aanaalee naannichaatiif waliin ga’iinsa bu’uuraalee misoomaatiif maallaqni hanga ammaatti saanduqa mootummaa qofarraa baasii taasifame qarshii biiliyoona 13 ol ta’eera.

Bariisaa: Haala sassaabbii galii walxaxaa biyya keenyatti baratameen magaalotni galii ofii maddisiisaniin qofa akka bulan taasisuun hinulfaatuu laata?

Doktar Araarsoo: Akkuma ati kaafte haalli sassaabbii galii qabsoofi murannoo cimaa kan barbaachisuudha. Haala ammayyaatiin galii sassaabuu gaafata. Ummanni maaliif gibira akka kanfalu irratti hojii hubannoo uumuu bal’aa gaafata. Kanfaltoota gibiraa amanamummaadhaan galiisaaniirraa gibira mootummaa yeroodhaan kanfalan jajjabeessuudhaan badhaasuudhaan akkasumas beekamtii barbaachisu kennuufiidhaan hawaasa kanfalaa gibiraa gidduutti dorgommiin gibira amanamummaadhaan kanfaluudhaan beekamtii argachuu kun akka uumamu irratti hojjachuu kan gaafatuudha.

Nannoon Sidaamaa naannolee lafa bal’ina xiqqaa qaban keessaa tokko ta’uun nibeekama. Sababuma kanaan lafa xiqqaarra namoonni hedduun jiraatu. Yoo namoota muraasaa ta’een ala namni lafa hektaraa tokkoo ol qabu hinjiru.

Dhimmi biraa wanti naannicha yaaddessu babal’ina magaalotaatiin walqabatee lafti omisha qonnaa hir’achaa dhufuu danda’a kan jedhuudha. Hojiileen akka naannichaatti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjataman hojii jiruufi jireenya ummataa kallattiidhaan jijjiiruu danda’aniidha. Kana jechuun hojiin misoomaa xiyyeeffannoo duraatiin hojjatamu hojii jiruu namaa jijjiiruuti.

Hojii misoomaa kana kan hojjannu galii naannichi sassaabeefi hirpha mootummaan federaalaa naannichaaf kennuuni. Haala sassaabbii galii keessoo cimsuun hojiiwwan misoomaa dabalataafi jiruufi jireenya hawaasa naannichaa kallattiidhaan jijjiiruu danda’an bal’inaan akka hojjataman taasisa.

Naannoon Sidaamaa bara 2012 sadarkaa naannootti hundaa’uun dura dandeettiin baasii naannichaa uwwisuusaa dhibbantaa 23 ture. Hojiiwwan hubannoo hawaasaa cimsuurratti hojjatameefi haalli sassaabbii galii gara teknolojiitti akka geeddaramu taasifamuusaatiin galiin naannichaa waan dabaleef, bara 2015tti dandeettiin naannichi baasiisaa uwwisuuf qabu dhibbantaa 44 irra gaheera.

Kana jechuun waggoota lamaafi sadii qofa keessatti dachaa lamaan galii naannichaa guddisuun danda’amuusaa kan agarsiisuudha. Milkii kanarraa ka’uudhaanis bara ittaanutti dandeettii baasii naannichaa uwwisuu gara dhibbantaa 50tti ol guddisuuf hojii bal’atu hojjatamaa jira.

Akkuman dura siin jedhe bal’inni lafa naannichaa isa naannolee hedduutii gadi ta’us, haala galii keessoo cimsuudhaan dandeettii baasii ofii uwwisuu keessatti garuu naannoleen lafa bal’aafi ummata hedduu qaban milkaa’ina akkanaa kana galmeessisuu hindandeenye.

Bariisaa: Dhumarratti mee naannoon Sidaamaa daangaa dheeraa kan qooddatu naannoo Oromiyaa waliini, walitti bu’iinsi naannawa daangaa bulchiinsaatti tanaan dura mul’achaa ture amma sadarkaa maaliirra jira?

Doktar Araarsoo: Gaaffii bareeda nagaafatte. Naannawa daangaa bulchiinsaa Sidaamaafi Oromiyaatti sababoota gara garaatiin walitti bu’iinsi xixiqqaan uumamaa akka ture ni beekama. Walitti bu’iinsa kana garuu osoo qaamni biraa gidduu hinseenne jaarsotuma (jaarsa biyyaa) gama lamaaniin jiraniin furamaa ture.

Ummattoota daangaa bulchiinsaa Oromiyaafi Sidaamaarra jiraatan misoomaan walitti hidhuun waan eegalameef waggoota sadeen darbanitti garuu rakkoon walitti bu’iinsaa sababa daangaa bulchiinsaatiin ummattoota obbolaa lamaan gidduutti uumamaa ture furamaa jira.

Hojiiwwan waliin jireenya ummattoota lamaanii caalaatti walitti hidhan keessattuu misoomaan ummattoota daangaa bulchiinsaarra jiran walitti hidhuuf hojjatameen rakkooleen kanaan dura turan hir’achuu qofa osoo hintaane, miirri obbolummaa gidduudhaan laafaa tures deebi’ee cimaa dhufeera.

Fakkeenyumaaf sii kaasuuf, bara darbe kana aanaa naannoo Sidaamaa jala jiru tokkoof bishaan dhugaatii (boonoo) baafnee turre. Akka carraa ta’ee iddoon nuti bishaan dhugaatii ittibaafne daangaa bulchiinsaa aanaalee Oromiyaati. Gandootni Oromiyaa ollaa sana jiran osoo bishaan kun dhiheenyasaaniitti hojjatamee jiruu dheebuu buluu hinqaban jechuudhaan isaanis carraa ijaarsa bishaanichaa akka argatan taasifameera.

Bajata bulchiinsa Mootummaa Sidaamaatiin gandoota Oromiyaa ollaa sana jiraniif pirojektiin bishaanii qabamee yeroo ammaa xumuramee bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu jalqabaniiru.

Hojiin kun waan guddaa ta’ee osoo hintaane, xiqqaatus wanti ummata walitti dhiheessuufi obbolummaa cimsu hojjatamuusaatiin waggoota sadeen darbanitti walitti bu’iinsi daangaa bulchiinsaa tanaan dura irra deddeebiin ka’aa ture amma hinjiru.

Naannoon Sidaamaa dhibbantaa 80 kan waldaangeessu naannoo Oromiyaa waliini waan ta’eef, bakka ummata daangaa bulchiinsaa dheeraa waliin qabu kana faana osoo nagaa waaraa hinbuusin hojii misoomaas ta’ee rakkoo nageenyaa naannichaa furuun akka hindanda’amne waan beeknuuf hojiiwwan caalaatti ummattoota kanneen walitti hidhaniifi misooma waliinii waliin hojjatanirratti xiyyeeffannoo guddaan hojjachaa jirra.

Bariisaa: Ani gaaffiilee koo xumureeraa isin waan dabaltan yoo qabaattan?

Doktar Araarsoo: Wantin dabalu hinjiru. Garuu haala hojii naannoo keenyaa ummata bal’aa biyyattiitiif ibsuuf waan nu affeertaniif galatoomaa isiniin jechuun fedha.

Bariisaa: Isinis yeroo nuu kennitaniif ulfaadhaa!

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016

Recommended For You

6 Comments to “ “Naannoon Sidaamaa gama tajaajila faayinaansii ammayyaatti fayyadamuutiin naannolee kaaniif fakkeenya ta’aa jira”Doktar Araaroo Garramoo, Hogganaa Biiroo Faayinaansii Naannichaa”

  1. Pingback: โคมไฟ
  2. Pingback: sex video

Comments are closed.