Bal’inni lafaa Chaayinaa iskuweer kiiloo meetira miliyoona 9.6 yoo ta’u; Ruusiyaa, Kanaadaafi Ameerikaatti aanuun addunyaarraa sadarkaa afraffarraatti argamti. Biyyattiin ammaan tana Indiyaatti aantee baay’ina ummataatiin sadarkaa 2ffaa irratti argamti.
Chaayinaatti umriin jireenyaa nama tokkoo jiddugaleessaan waggaa 78 yoo ta’u, biyyattiitti baay’inni dhiirotaa miliyoona 34n kan dubartootaa caala. Lammiileen Chaayinaa harki guddaan amantii Budihiizimii hordofu.
Buufanni guddichi addunyaa kanaa kan argamu Chaayinaatti yoo ta’u, buufanni Shaangaay dandeettii konteenaroota miliyoona 47 qabachuu qaba. Biyyattiin buufatawwan guguddoo 34fi xixiqqoo kuma lamaa ol qabdi.
Doolaarri Ameerikaa tokko maallaqa Chaayinaa, Yuwaan 7.31tti yoo sharafamu, afaan addunyaa tajaajila barreeffamaa kennaa jiru afaan Chaayinaa Mandariin jedhamuudha.
Chaayinaan biyya kutaalee biyyaa 23 naannolee ofiin of bulchan shaniin, maanusipaaliitiiwwan (manneen qopheessaa) afuriifi bulchiinsawwan addaa lamaan caaseffamteedha.
Egaa biyyi keenya, Itoophiyaan ummata miliyoona 120 qabdu erga Chaayinaa haala kanaan ibsamtu wajjin hariiroo walamantaa, walta’iinsaafi faayidaa waloorratti hundaa’e uummattee waggoonni 53 kan lakkaa’aman yoo ta’u, jilli Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu foramii “Belt and Road” jedhamurratti hirmaachuuf tibbana garasitti qajeelee, foramicha maddiitti mariiwwaniifi daaw’annaawwan adda addaa taasiseera.
Kunis hariiroo biyyoota lamaanii caalaatti cimsuufi gara boqonnaa haaraatti ceesisuu keessatti shoora olaanaa qabaata. Daaw’annaa kanaan biyyoonni lamaan dhimmoota gara garaa 12 irratti waliin hojjechuuf walii mallatteessaniiru.
Itoophiyaan biyyoota guddatan kanneen akka Chaayinaa waliin hariiroo cimaa ummachuunshee gama dinagdee, siyaasaafi dippiloomaasiitiin daran ishee fayyada. Hariiroon biyyoota lamaanii imala dheeraa waliin dabarsuurraa kan ka’e caaseffama haaraa addunyaa as adeemaa jiru keessattillee hanga ejjennoo waloo tarkaanfachiisuurra gaheera.
Hariiroon Itoophiyaafi Chaayinaa gidduu jiru hundee kan gad fageeffateefi fedhiifi faayidaa biyyoota lamaanii eeguurratti kan xiyyeeffateedha. Walitti dhufeenyi cimaan biyyoota lamaan gidduu jiru kun seerota adda addaa jiran kabajuun caalaatti jabaatee cimee kan ittifufu ta’a.
Dameewwan hojii biyyoonni lamaan irratti waliin hojjetan keessaa inni guddaan hojiiwwan waloon qabeenyaa horachiisuu danda’anirratti xiyyeeffata. Hariiroo biyyoonni lamaan gama siyaasaafi dippiloomaasiitiin waliin qaban yoo ilaalles wayita Itoophiyaarratti dhiibbaan hammaataa turetti Chaayinaan Itoophiyaa cina dhaabachuun tumsa taasisaa turteetti. Hariiroo Itoophiyaan Chaayinaa waliin qabdu ummataafi guddina biyyattiillee daran kan utubuudha.
Jilli Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin durfame daaw’annaa hojii gudduu kana Chaayinaatti taasiseen jila Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiingiin durfamu wajjin dhimmoota gara garaarratti marii garlamee taasiseera.
Maricharratti hariiroon biyyoota lamaanii hunda hirmaachisuurraa gara obbolummaafi tooftaa tarsiimowaa addaan hincinnetti guddachuunsaa ibseera. Walitti dhufeenya obbolummaa Itoophiyaafi Chaayinaa waggoota hedduu kan lakkoofsise kana gara sadarkaa olaanaatti ceesisuufis aanga’oonni biyyoota lamaanii waliigalaniiru.
Chaayinaan biyya misooma magariisaatiin maqaa gaarii qabduudha. Itoophiyaanis keessumaa waggoota afran darbanii as gama misooma magariisaa mirkaneessuutiin jijjiirama qabatamaa agarsiisaa jirti. Jijjiirama qilleensaa addunyaaf yaaddoo ta’aa jiru qolachuufis biyyoonni lamaan waliin hojjechuuf waliigalaniiru. Chaayinaan sagantaa ashaaraa magariisaa Itoophiyaan jalqabde milkeessuuf kan tumsitu ta’uu waltajjii marichaarratti eerteetti.
Chaayinaan imaammata ashaaraa magariisaa qopheessuun sosochii jalqabuuf jetti. Jijjiirama qilleensaa to’achuuf sagantaa ashaaraa magariisaa Itoophiyaan adeemsisaa jirtu caalaatti milkeessuuf biyyoonni lamaan waliin kan hojjetan ta’uun waltajjii marichaarratti ka’eera.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad waltajjii marichaarratti invastimantiin Chaayinaa guddina dinagdee Itoophiyaa utubuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf utubaawwan guguddoo shan (qonna, maanifaakcheriingii, ‘ICT’ misooma albuudaafi turizimii) irratti bal’inaan akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru. Kunis hariiroo garlamee daran cimsuu keessatti shoora olaanaa qabaata.
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016
5 Comments to “ Hariiroo Itiyoo Chaayinaa walamantaafi walta’iinsa waloorratti hundaa’e”
Comments are closed.