Federeeshiniin Juudoo Itoophiyaa hundaa’e

Federeeshiniin Juudoo Itoophiyaa federeeshinii 32ffaa beekamtii qabu ta’uun bakka Ministirri De’eetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnatiifi dhimmamtoonni biroo argamanitti tibbana hundaa’e.

Ispoortiin juudoo ALA bara 1882 akka jalqabame haasaa taasisan keessatti kan eeran Ambaasaaddar Masfin, Federeeshiniin Juudoo Idiladdunyaa ammoo federeeshinoota 200 ol qabatee ji’a Adoolessaa bara 1951tti kan hundeeffame ta’uufi ispoortii  addunyaarratti ispoortessitoota miliyoona 20 ol qabuudha jedhan.

Kana malees, ispoortiin juudoo waldaa beekamtii biyyaalessaa 32ffaa ta’ee hundeeffamuu eeranii, yaa’ii hundeessa federeeshinichaarratti gabaasni koree qindeessituufi heera federeeshinichaa dhiyaatee irratti mari’achuun sagalee guutuun raggaasifameera.

Dhumarrattis yaa’ichi pirezidaantiifi hoji gaggeessitoota federeeshinichaa karaa koree filannoo walabaatiin kan filate yoo ta’u, Maastar Wandimmuu Dassaalany pirezidaantummaan filatamuusaanii odeeffannoon Ministeera Aadaafi Ispoortii biraa argame ni addeessa.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Federeeshiniin Juudoo Itoophiyaa hundaa’e”

  1. Pingback: auto body shops

Comments are closed.