Dorgommiin fiigichadaandiirraa kiiloomeetira 30 Onkoloolessa 25 gaggeeffama

Finfinnee: Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa dorgommii fiigicha daandiirraa kiiloomeetira soddomaa 10ffaan Onkoloolessa 25 bara 2016 Magaalaa Bishooftuutti akka gaggeeffamu beeksise. Hirmaattota dorgommichaatiif badhaasni qarshii kuma 300 ol qophaa’uunis beekameera.

Hogganaan waajjira federeeshinichaa Atileetiksii Obbo Yohaannis Ingidaa akka ibsanitti, dorgommiin daandii dorgommii waggaa waggaan federeeshinichaan gaggeeffamu keessaa isa tokko.

Dorgommicharratti atileetotni korniyaawwan lamaanii, kilaboota, naannoofi namoota dhuunfaa 500 ol akka hirmaatan himaniiru.

Dorgommiin kun ga’eessotaafi dargaggoota, dhiirota waggaa 50 oliifi isaa gadii akkasumas dubartoota waggaa 50 gadiitiin kan taasifamu ta’uus eeraniiru.

Fiigichi daandiirratti gaggeeffamu atileetotaaf carraa dorgommii uumuu qofa osoo hintaane dhaloota ittaanan omishuuf gumaacha akka qabu himaniiru.

Atileetonni dorgommii daandii sadarkaa idil-addunyaatiif gahumsa isaanii akka qorataniifi fooyyeffatan kan gargaaru ta’uus eeraniiru.

Dorgommii kanaan atileetota saala lamaan injifataniif tokkoon tokkoon isaanitiif badhaasni qarshii kuma 40 akka badhaafamu himaniiru.

Atileetota sadarkaa 1ffaa hanga 8ffaa qabatanii xumuraniif walumaagalatti badhaasni qarshii kuma 300 ol qophaa’uu ibsaniiru.

Fiigicha daandiirraa kiiloomeetira 30 yeroo 9ffaaf Waxabajjii 27, bara 2015 Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffameen dhiiraan Atileet Faantaahun Huunanyaawu, dubaraan ammoo Atsadaa Baay’isaa injifachuunsaanii ni yaadatama.

Dorgommii kanarratti dhiirotaan Baankiin Daldala Itoophiyaa, dubartootaan Poolisiin Oromiyaa injifachuunsaanii kan dagatamu miti.  

Dajanee Bulchaatiin

Recommended For You

One Comment to “Dorgommiin fiigichadaandiirraa kiiloomeetira 30 Onkoloolessa 25 gaggeeffama”

Comments are closed.