Artisti Halloo Daawwee weellistuu qofa utuu hintaane qabsooftuu cimtuu turte

Artistii gameettiifi jaalatamtuu Oromoo Halloo Daawwee Sanbata darbe du’aan addunyaa kanarraa kan boqotte yoo ta’u, sirni geggeessaafi awwaalcha reeffashee Wiixata darbe Magaalaa Adaamaatti bakka maatiin, firoonni, hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa, Dirree Dhawaafi Federaalaa akkasumas artistoonniifi dinqisiifattoonni, jiraattonni Magaalaa Adaamaafi keessummoonni gara garaa argamanitti raawwatameera.

Reeffi Artisti Halloo Daawwee mana jireenyaasheerraa Maarshi Baandii Oromiyaatiin dabaalamee Istaadiyoomii Abbabaa Biqilaa geeffamuun achitti erga haasaan hoggantoota mootummaafi artistootaan taasifamee booda salaatni taasifameefii iddoo awwaalchaatti sirni awwaalchaa raawwatameera. Reeffa Artisti Halloo Daawweetiif geggeessaan gootaa taasifameera.

Sirna geggeessichaarratti seenaa artistittii kan dhiyeessan Obbo Maammad Qophee akka jedhanitti, Halloon bara 1954 Abbaashee Obbo Daawwud Abdallaa Aliifi haadhashee Aadde Faaxumaa Hasanirraa Magaalaa Dirree Dhawaarraa gara bahaa, Araddaa Biyyoo Awwaallee jedhamutti dhalatte.

Maqaanshee kan dhalootaa Haliimaa Daawwid ture. Ijoollummaashiitiin intala jabduu kan waantota agarteefi dhageesse hunda daftee qabattu waan turteef maqaanshee gara Halloo Daawweetti jijjiirame. Halloon maqaa muka jabaa naannawa gammoojjiitti argamu hoggaa ta’u, ciminashee agarsiisuuf jecha maqaa muka kanaan moggaafamte.

Halloo Daawwee ijoollummaasheetiin Dirree Dhawaatti galtee akkooshee Aadde Kadijjaa Hasan biratti guddatte. Iccitiin dandeettii cimina, beekumsa, gamnummaa, sabboonummaafi gootummaashees maatii gamna, biyya jaalatuufi hawaasa Dirree Dhawaa kan eenyummaasaa jaalatu, aadaasaa kabaju, nama hunda ofitti qabee jaalalaan wajjin jiraatuufi magaalaa handhuura sabboonummaa Oromoo taate keessatti guddachuushee ture.

Artistii hangaftittiin tun ijoollummaasheetiin kennaa artii guddaa kan qabdu, aadaashee daran kan jaalattu, weedduufi wallee, heelleefi shaggooyyee taphachuufi hiriyootashee shamarraniifi dardarranii wajjin hawaasa bohaarsuudhaan kan beekamtu turte.

Bara 1968 magaalaa Dirree Dhawaatti hawwisoon Biiftuu Biyya Teenyaatti hundaa’uun giiftiin artii hangaftiittiin kun kennaa addaa wajjin dhalatteefi daa’imummaasheetiin daddagaagsaa dhufte sadarkaa olaanaan mul’iftee hojii guddaa haadha artii Oromoo ishee taasise akka hojjattuuf karaa baneef.

Hawwiisichi bu’uura hawaasa bal’aarratti kan ijaarame, gargaarsa ummataatiin meeshaa muuziqaa ammayyaa kan hidhate, rakkoo hanqina artiistoota shamarranii baandiilee Oromoo mudatee ture kan hiikeefi yeroo jalqabaatiif shamarran walistootaafi shubbistoota ciccimoon kan guutameefi gara caalaa walleelee qabsoo mirgaa, haqaafi bilisummaa ummata keenyaarratti xiyyeeffatan ummataaf dhiheessuudhaan ummata boharsuufi qabsoof kakaasuuf qooda guddaa gumaachee ture.

Artisti Halloo Daawwee warra hawwisoo kana keessatti tajaajiluuf baandichaatti makaman warra akka Faaxumee Mahammad, Fooziyaa Mahammad, Haajaraa Adamfaa wajjin ta’uun hojii artii umriishii guutuu ummata keenya ittiin tajaajilte, darara guddaa itti argite garuu ammoo kutannoofi gootummaa olaanaan rakkoolee hunda injifattee ummaatashee ittiin tajaajilteefi beekamtiifi jaalala guddaa ittiin horattee tokko jettee jalqabde.

Halloon sirba, “Barbaannee walbarraa’’ jedhuun hojii artii jalqabde. Yeroon sun yeroo murteessaa ummanni keenya walbaruun, walitti dhiyaachuufi tokkoomee mirgaafi bilisummaasaatiif qabsaa’uun dirqama dhaloota itti ta’e ibsuudhaan Oromoon gamaa gamanaa walitti dhiyaatee haqasaatiif akka falmu waamicha lammummaa kanitti dhiheessite ture.

Halloon bakka burqaa artiistota guguddoo Dirree Dhawaatti osoo tajaajilaa jirtuu, bara 1969 Amajjii keesa yeroo jalqabaatiif artistoonni Oromoo kutaalee Oromiyaa jaha keessaa handhuura Oromiyaa, Finfinneetti walgahanii Galma Tiyaatira Biyyaalessaatti agarsiisa artii Oromoo ummataaf dhiheessan keessaa tokko.

Halloon agarsiisicharratti hawwisoo Biiftuu Biyya Teenyaa wajjin wallee qabsoof ummata kakkaasuu wallisuudhaan beekamitiifi jaalala ummataa guddaa gondafatte.

Baandiin Biiftuu Biyya Teenyaa gahee Halloofa’iin madda artistoota babbeekamoo ta’ee guddachaa dhufuun sadarkaa biyyaatti beekamee, hawwiifi fedhii ummata Oromoorratti hundaa’ee sagaalee ummataa ta’uun, aaadaafi artii Oromoo dagaagsuuf shoora guddaa gumaachaa dhufe.

Meeshaan muuziiqaasaa Dargiidhaan dhaalamee gaafa artistoonni baandicha keessa tajaajilaa turan hidhaman warra mana hidhaatti dararaa guddaan irra gahe keessaa Halloo Daawwee tokko turte.

Hawwisoon Biiftuu Biyya Teenyaa waan dhiibbaa mootummaatiin diigameef Halloon erga hidhaadhaa baatee Magaalaa Hararitti galtee hawwisoowwan Waldaa Qonnaan Bultootaa Harargeefi Caffee Gadaa keessatti tajaajilaa turte.

Artii meeshaa qabsoo godhattee qabsoo Oromummaa dagaagsuuf taasisaa turte cimsitee ittifufuudhaan maaykiraafoonii muuziqaa dhiiftee baddaa gammoojjii keessa naannoffee qabsaa’aas turteetti. Yeroowwan adda addaas hidhamuudhaan dararamaa turteetti.

Artistiifi qabsooftuu Halloon tajaajila artii bara dheeraa keessatti dhuunfaasheetiin walleelee kaaseta 10, hiriyootashee wajjin kaaseta 13, waliigalaatti albama ykn kaaseta 23 hojjattee ummataaf dhiheessuudhuudhaan seenaa artii Oromoo keessatti artiistii hangafa walleelee hawwatoo baay’inaafi qulqullinaan qopheessuun seenaa addaa hojjatteetti. Walleeleenshees ummata kan boharsan, jaalala kan roobsaniifi qabsoof kan kakaasan turan.

Halloon hojii artii hojjetteen Haadha Artii Oromoo taatee onnee ummata Oromoo keessatti bara baraan yaadatamti. Hojii artiisheetiin artiifi aadaa Oromoo guddisuufi haqa ummatichaatiif falmuu keessatti gumaacha guddaa taasisteetti.

Haadha ijoollee sadii kan turte Artisti Halloon yeroo dheeraaf dhukkubsattee wal’aanamaa turtus barri jireenyaa Rabbii biraa kennameef waan xumurameef Onkoloolessa 3 bara 2016 boqottee umriishii waggaa 62tti addunyaa kanaraa godaanteetti.

Kantiibaa ittaantuun Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Aadde Hinseenee Mahaammad akka jedhanitti, Artisti Halloon sirboota gurraafi qalbii namaa hawwatan hedduu sagaleeshee kiiloleedhaan ummataaf dhiyeessaa turte. Halloon yeroo Afaan Oromoo Raadiyoo cabsa jedhamaa turetti Afaan Oromootiin sirbuudhaan artistii guddina aadaa Oromoof gumaacha guddaa taasisteedha.

Daandii Halloon saaqxeen artistoota dubartootaa hedduu horachuun danda’ameera. Artistiin tun goota seenaan yoomiyyuu hindaganneedha. Maatii, firoottan, dinqisiifattootaafi ummata Oromoo hundaaf obsa hawwaa ishee ammoo Rabbi jannata qubsumashee haataasisu jedhan.

Pirezidaantiin Waldaa Artistoota Oromoo Artisti Tsaggaayee Dandanaas, umuriishee waggaa 15 irraa eegaltee hojii artii keessatti hirmaachaa kan turte Halloo Daawwee haadha Oromoo, haadha bilisummaa, haadha aartii Oromoo maayikii qofa osoo hintaane qawwee qabattee bosona galtee ummata Oromoofi Oromiyaaf qabsaa’aa turte. Halloon artistii dubartii cimtuu sirna cunqursaa keessatti Afaan Oromootiin sirbuun bilisummaa Oromoof nama falmaafi qabsaa’aa turteedha. Isheen haadha eenyummaa, qubee, seenaa, siinqee hangaftittii utuu ofii hinjiraatin ummataaf jiraattee darbiteedha jechuun ibse.

Ittifufuunis gumaachashee kanaaf geggeessaan gootaa taasifameera. Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, artistoota, qaamolee hawaasaafi hoggantoota mootummaa sirna awwaalcha Artisti Halloorratti argamanis galata qabu jedheera.

Artisti Saaliyaa Saamiis Halloon dubartootaaf fakkeenya bilisummaafi of ta’uu, ofitti amanamummaati jechuun ibsite. Halloon dargaggoonni Oromoo cunqursaa bara Dargii ummata Oromoorra gahaa ture akka mormaniifi falmataniif sirba isheetiin kakkaasaafi onnee itti horaa turte. Halloon sabbata ishee ofirraa hiiktee mudhiitti na hiitee hojiin dadhabe galmaan gahi jettee amaanaa guddaa natti kennite. Anis imala Halloon Daawwee jalqabdee darbite hangan danda’etti milkeessuuf waadaan gala jetti.

Bara Artistii Oromoo kan akka Eebbisaa Addunyaa, Musxafaa Marawwee Finfinneetti lafarra harkisanii ummata duratti akka malee godhan agarreerra. Har’a ammoo haala artistoota keenya madaaluun geggeessaa gootaa taasisneefii kabajaan geggeeffachaa jirra. Jijjiiramni kun salphaatti hindhufne. Jijjiirama wareegama itti kaffallee fidne tokkummaa keenya caalaatti cimsuudhaan jabeeffachuu qabna jetti.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadir Juhaar akka jedhanitti, artistoonni keenya yeroo du’an hidhii ciniinuufi gadduufii qofa utuu hintaane yeroo isaan rakkataniifi dhukkubsatanittis bira dhaabbachuu qabna.

Halloon sirba qofa osoo hintaane meeshaa waraanaa hidhattee bosona galuudhaan qabsaa’aa turte. Namni hundi yeroo isaaf katabame xumuree gara fuula Rabbii dhaquunsaa hin oolu. Jireenyi addunyaa rakkoolee hedduu waan qabuuf hundi keenya kan rakkate gargaarree, kan dhukkubsate wal’aannee tokkummaa nagaafi jaalalaan waliin jiraachuu qabna jedhu..

Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo akka jedhanitti, Artisti Halloon sirbootasheetiin Qeerroofi Qarree diddaa gabirummaatiif kakaasaa; walqixxummaa dhala namaatiifis qabsoo cimaa taasisaa turte. Sirbaanis ta’e qabsoodhaan dubartootaaf fakkeenyummaan eeramti. Seenaan yoomillee hindagatamtu.

Artistiin tun sirboota isheetiin waa’ee tokkummaafi waliin jireenya Oromoo labsiteetti. Cunqursaa ummata Oromoorra gahaa ture sirbasheetiin addunyaan akka hubatuuf labsaa turte. Yeoo ummanni Oromoo rakkoo hamaa keessa ture dhukkubsatteellee hincallifne. Artii Oromoo guddisuufi babal’isuu keessattis qooda olaanaa qabdi. Biiroon keenya galaa Halloon dhalootaaf gumaachite akka bara baraan yaadatamuufi dhalootaa dhalootatti darbuuf xiyyeeffannoon hojjeta.

Namoonni sirna awwaalchasheerratti argaman tokko tokko yaada kennaniin akka jedhanitti, Qeerroofi Qarreen keenya Halloorraa barachuu kan qaban gootummaa, sabboonummaafi Oromummaa dhokatteefi awwaalamtee teessu ifatti baasuufi mul’isuudha.

Walumaagalatti Halloon artiin Oromoo sadarkaa har’a irra jirurra akka ga’uuf nama aarsaa guddaa kaffalteedha. Utuu jireenya ijoollummaa, dargaggummaafi hawaasummaa hinjiraatiin ummatasheetiif of kennitee hojjetaa turte.

Halloon sirba isheetiin ummata Oromoo dadammaqsuudhaan mirgaafi bilisummaasaatiif akka falmatuuf nama kakkaasaa turteedha. Halloon sirboota Oromoo walitti hidhuufi tokkummaasaa cimsu hedduus sirbiteetti. Halloon artistii cimtuu bilisummaa saba Oromoof gootummaan qabsaa’aafi falmaa turte. Oromummaa dagaagsuuf, Oromoo walitti fiduufi tokkummaasaa cimsuufi bohaarsuuf sirbaa turte.

Halloon artistii faana artistoota hangafootaa dhahuun hojii isaan jalqaban ittifufsiisuuf karaa hundaan qabsaa’aafi hojjechaa turteedha. Dhaloonni Qubee akka uumamuufi jijjiiramni ammaa kun akka dhufuuf gumaacha guddaa taasisaa turteetti.

Halloon artistii yeroo lubbuun jirtuufi erga du’aan addunyaa kanarraa dabartees hojii rawwattee dabarteen ummatashee tajaajilaa jirtuudha. Waan gaarii dalagdee waan dabarteef boris maqaa isheetiin waan hedduu argina. Dhaloonni amma jiru seenaa gaarii hojjetanii darbuun kan nama boonsuufi kabajchiisu ta’uu Halloo Daawweerraa barachuu qaba.

Dhumarrattis Artisti Halloo Daawwee gaafdeebii dheeraa Amajjii 14 bara 1996 Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisteen keessumaa waa’ee hiika maqaashiirratti yaada ittaanu kennitee turte, “Namoonni tokko tokko Haloo jedhan laaffisanii. Garuu maqaan kiyya Haloo miti; Halloodha. Ni jabaata. Maqaan kun maqaa mukaa gaara Harargee keessatti argamuuti. Halloon muka jabaadha. Jigullee biyyeen hinyaattu”.

Akka qorattoonni saayinsii afaanii dubbatanitti maqaa (moggaasa) tokkoof ykn meeshaa ykn yaada tokkoof kennamuufi waan maqaan sun ibsu jidduu ykn isa ibsamuufi isa ibsu jidduu hariiroon uumamaa ykn amalaa hinjiru. Maqaan waan baheef sana bakka hinbu’u jedhu. Yaadni kun mirkana’aa ta’uunsaa haalamuu baatus darbee darbee garuu maqaan nama tokkoofi jireenyasaa ykn amallisaa oggaa walfakkaate hoo maal jedhu?

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016

Recommended For You

10 Comments to “Artisti Halloo Daawwee weellistuu qofa utuu hintaane qabsooftuu cimtuu turte”

  1. Pingback: best chat
  2. Pingback: Huc99
  3. Pingback: online chat
  4. Pingback: ufabet777
  5. Pingback: usa89
  6. Pingback: vps forex

Comments are closed.