Alaabaa: Wabii tokkummaa sabdaneessaafi birmadummaa

Guyyaan alaabaa 16ffaan mataduree “Olka’iinsi alaabaa keenyaa, wabii tokkummaa sabdaneessaafi birmadummaa keenyaati” jedhuun sadarkaa biyyaatti akkasumas embaasiiwwan Itoophiyaa biyyoota gara garagaraatti argamanitti Wixata darbe kabajameera.

Sirna kabaja Guyyaa Alaabaa mooraa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti adeemsifamerratti haasaa kan taasisan Pirezidaantiin RFDI Saahilawarqi Zawudee akka jedhanitti, alaabaan keenya cimsituu tokkummaa keenyaa waan ta’eef yeroo hundaa kabajuufi eeguu qabna.

Alaabaan mallattoo biyyaalessaa waan ta’eefis yeroo hunda kabaja maluuf taasisuufiin nurra jiraata. Alaabaaf jecha namoonni hedduun waan aarsaa kanfalaniifiif kabajaafi olaantummaasaa yeroo hundaa ibsuu qabna jedhan.

Afyaa’iin Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafoos Alaabaan keenya aasxaa tokkummaa, birmadummaafi Itoophiyummaa keenyaati jedhan.

Alaabaan ibsituu bilisummaafi birmadummaa biyyaati kan jedhan ammoo Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaani.

Aadde Sa’aadaan Guyyaa Alaabaa sadarkaa Naannoo Oromiyaatti mooraa Waajjira Caffee Oromiyaatti hoggantootaafi hojjettoota biirolee wajjin kabajamerratti akka jedhanitti, Itoophiyaan erga alaabaa mataashii qabaachuu eegaltee waggoota dheeraa lakkoofsisteetti. Ummanni biyyattii alaabaa tokko jalatti hiriiruun gootummaa, tokkummaafi birmadummaasaa kan mirkaneesseefi ittiin mirkanneessuudha.

Alaabaan ibsituu eenyummaa biyyaa ta’uu kan dubbatan Aadde Sa’aadaan gootonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Alaabaan Itoophiyaa olka’ee akka mul’atuuf wareegamni qaalii hedduun kaffalamaa har’a ga’uu yaadachiisaniiru.

Atileetonni Itoophiyaa carraa argataniin injifannoosaaniifi jaalala alaabaa biyyasaanii hawaasa addunyaa fuulduratti olkaasanii ifatti kan agarsiisaniis ta’uus ibsaniiru. Alaabaan Oromiyaas faajjii sirna Gadaafi calaqqiftuu eenyummaa waloomaati jedhan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa hojiiwwan qabatamaa hojjachaa jiruun sabdaneessummaa dhugaan akka jiraatuufi saboonniifi sablammoonni miira tokkummaafi walqixxummaatiin hojii misoomaarratti akka bobba’aniif hojii guddaan hojjatamuu dubbataniiru.

Rakkoolee karaa kamiinuu mudatan mariifi marabbaan furuun imala jalqabame karaa guutuu ta’een milkeessuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Sagantaa kanarratti haasaa kan taasisan Caffee Oromiyaatti Walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa Obbo Adulqaadir Huseen sirna kabaja guyyichaa mooraa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti adeemsifameerratti akka jedhanitti, dhimmoota wareegama, gootummaa, eenyummaa, seenaa, kabajaafi jaalala biyya tokkoo ibsan keessaa Alaabaan isa tokko. Alaabaan biyyi tokko biyyoota biroorraa kan ittiin adda ba’udhas.

Biyyi keenya Itoophiyaanis biyya alaabaa mataashee qabduufi birmadummaa ofii kabachiisuun jiraateefi jiraachaa jirtuudha jedhanii, biyya Afrikaa keessaa sirna kolonii Awurooppaanotaa gootummaa ijoolleesheetiin qolattee birmadummaashee mirkaneessuun alaabaashee ol qabde; Afrikaanota biroof fakkeenya bilisummaa taateedha jechuun ibsan.

Ummanni Itoophiyaa ummata alaabaasaatiif jecha aarsaafi wareegamawwan garagaraa kaffalaa ture waan ta’eef maalummaafi kabajasaa sirriitti kan beeku ta’uus dubbataniiru.

Kaayyoon kabaja Guyyaa Alaabaas dhaloonni har’aa hiikaafi aarsaa Alaabaa akkasumas wareegama dhaloonni kaleessaa kaffalaa ture hubachuun akka kabajaafi jaalala alaabaa biyyasaatiif qabaatu; akka birmadummaa biyyasaatiif wareegama kamuu kaffaluuf qophaa’uuf ta’uu kaasaniiru.

Baroota keessatti qormaatilee akka biyyaatti nu mudatan hunda injifachaafi diinota birmadummaa keenyatti aggaaman maratti waaroo salphinaa uffisuun obbolummaa sabdaneessummaa keenya cimsachaa as geenyeerra jedhan Obbo Addulqaadir. Dhaloonni har’aas dhaloonni darbe injifannoo boonsaa galmeessaa dhufuu hubatee hubachiisuufi maraammartoo hiyyummaa waloon injifannee dhaloota ittaanu biyya birmadummaanshee eegameefi badhaate dhaalchisuuf xiiqiin hojjetamuu akka qabus dhaamaniiru.

Guyyaan Alaabaa kun matadureefi sirnoota walfakkaataniin naannoleefi bulchiinsota magaalaa akkasumas waajjiraalee mootummaafi dhaabbilee adda addaatti sa’aatii walfakkaataatti sirna alaabaa baasuufi faaruutiin dabaalamee kabajameera.

Kutaa Qophiitiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016

Recommended For You

6 Comments to “ Alaabaa: Wabii tokkummaa sabdaneessaafi birmadummaa”

  1. Pingback: sitecom
  2. Pingback: 토찾사
  3. Pingback: Sevink Molen

Comments are closed.