“Wanciidhaaf amma biiftuun bahaa jirti” -Obbo Dhaabaa Jinfeessaa, Qindeessaa Pirojektii Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii

Pirojektoota gugguddoo sadii sagantaa, ‘Maaddiin Biyyaaf’ jedhamuun moggafaman Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii, Koyishaafi Gorgoraa kaka’umsa Ministira Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmadiin (PhD) eegalan keessaa Oromiyaatti kan argamu Ikkoo Turizimii Wancii-Dandiiti. Pirojektiin kun waggoota lamaan darban ijaarsarra kan ture yoo ta’u, wayita ammaa sadarkaa dhumaarra qaqqabee dhuma baatii kanaatti ni eebbifama jedhamee eegama.

Nutis haala waliigalaa pirojektichaa ilaalchisuun Qindeessaa Pirojektii Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii Obbo Dhaabaa Jinfeessaa keessummaa keenya maxxansa kanaa taasifanneerra; dubbisa gaarii!

Bariisaa: Yeroo keessaniif galatoomaa jechaa, mee dubbistoota keenyaan walbaraa.

Obbo Dhaabaa: Tole isinis galatoomaa. Ani Dhaabaa Jinfeessaa Shaanqoon jedhama. Kanin dhaladhee guddadhe Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Calliyaa, Ganda Jaarsootti. Akkuma daa’ima baadiyyaa kamuu jabbilee tiksaafi maatii hojii gargaaraa yommuu umuriinkoo barnootaaf ga’ummoo mana barnootaan seene.

Barnootakoos sadarkaa tokkoffaa, hanga kutaa ja’affaatti Aanaa Calliyaa, Mana Barnootaa Tulluu Maraa jedhamuttin baradhe. Kutaa 7ffaa-12ffaattimmoo magaalaa guddoo aanichaa, Geedoottin hordofe. Calliyumatti barsiisummaadhaan mindeeffamee gara waggoota shanii, daarektarummaadhaan ammoo waggoota lamaa hojjedheera.

Boodarra aanichumatti bara 1993 Caffeetti filatamaa ummataa ta’uun waggoota shaniif tajaajileera. Shawaa Lixaattis kaabineefi ittigaafatamummaa damee hawaasummaa, ittaansuunis bulchaa ittaanaa godinichaa ta’ee hojjedheera. Akkasumas, moggaasa yeroo sanaatti Hogganaa Ittaanaa Biiroo Dhimmoota Kominikeesheenii Naannoo Oromiyaa, waggoota afuriif ammoo Kantiibaa magaalaa Buraayyuu ta’uun, darbees Abbaa taayitaa Bunaafi Shaayiifi Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Oromiyaatti ittaanaa ta’uun walduraa duuba tajaajileera. Waggoota lamaan kana Qindeessaa Pirojektii Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii ta’ee hojjetaan jira.

Bariisaa: Barataa akkamii turtan, maal ta’us hawwiitu turtan?

Obbo Dhaabaa: Sadarkaadhaan barataadhuma giddugaleessan ture. Ammarra taa’ee yommuun of yaadadhu, ijoollee baadiyyaa keessaa mucaa si’aa’ina qabuun ture. Waa hundi dafee naa gala ture. Akkasumas nama waliin nama dafee waliigaluufi hariiroo gaarii qabun ture. Amala nama araarsuu ijoolummaadhumarraa kaaseen qaba. Hawwiinkoo yommusiis barsiisaa ta’uudha malee gara hojii bulchiinsaatti nan dhufa jedhee yaadee hinbeeku.

Waliigala garuu isa hawwiikoos ta’e akka tasaa itti seeneetti waanin hojjedhee keessa darbeetti gammadaadha. Sababnisaa bakkan deemetti hojiinkoo hawaasa tajaajilu waan ta’eef kanaan maqaa gaariin qaba. Hawaasa gargaarsa barbaadu keessaa waanin ba’eef bakkan jirutti ilaalcha yoo ani hingargaarre gargaaramuu hindanda’u jedhu waanin qabuuf haala kanaanin hojjetaa ture.

Bariisaa: Bakkan ga’uu qabu ga’eera jettanii yaadduu? Moo fuulduraaf waan karoorfattan qabdu?

Obbo Dhaabaa: Egaa fedhiin namaa daangaa hinqabu. Hojii hawaasummaa hawaasakoo caalaatti fayyaduu danda’u caalaatti bal’isee, ofumakoo hogganee dhaabbata hawaasummaarratti hojjetu hundeessuun barbaada. Muuxannoon waggoota 25f mootummaa tajaajiluun horadhe fuulduratti baasee hawaasakoo tajaajiluuf hawwiin qaba; naa milkaa’a jedhes nan amana.

Bariisaa: Maatii keessaniif ilma meeqaffaadha, obbolaa meeqammoo qabdu?

Obbo Dhaabaa: Haatiifi abbaankoo ilmaan 12 horan; dhiira saddeetiifi dubara afur. Kanneen keessaa 11n keenya lubbuudhaan jirra. Ani ilma hangafaati. Ijoolleen na boodaas ijoollee lama yunivarsitii jiran irraa kan hafe hojiitti bobba’anii jiru. Maatii kana keessaa dafee ba’uunkoo warri na boodaallee akka ba’aniif ga’ee guddaa akkan taphadhu na gargaareera.

Bariisaa: Haala bultiifi ijoollee keessanii utuu nu ibsitanii?

Obbo Dhaabaa: Bultii dhaabbadhee ijoollee dhiira lamaafi dubara lama godhadheera. Intala tokko heerumsifadheera. Ijoolleen lama barnoota yunivarsitii xumuraniiru, tokkommoo barataa jirti.

Bariisaa: Mee gara pirojektii amma gaggeessaa jirtanitti haa dhufnuuti, jechumtii ikkoo turizimii jedhu maal jechuu akka ta’e dubbistoota keenyaaf ibsaa?

Obbo Dhaabaa: Pirojektiin ikkoo turizimii meegaa Wancii-Dandii jalqabne kun, qaama pirojektii ‘Maaddiin Biyyaaf’ jedhuuti. Pirojektiiwwan sagantaa kanaan akka biyyaatti bocaman sadii keessaas isa tokko jechuudha. Pirojektota sadan keessaa Wancii-Dandii adda kan taasisu ikkoo turizimii ta’uusaati.

Kana jechuunis haala naannawaa sanaa utuu hinjijjiiriin, uumama achi jiru akka jirutti kununsuudhaan, namni daawwatee akka galu gochuudha. Haalli qilleensasaa, ta’umsa lafaasaa, duudhaan ummataa akkuma jirutti ta’ee sona itti dabaluun, eegumsa guddaa godhaniifii dhalootaa dhalootatti dabarsuudha. Haala kanaan waggaa lamaan kana Wancii-Dandii misoomsuuf hojiitti jirra jechuudha.

Bariisaa: Pirojektiin kun meeggaadha yommuu jedhamuwoo maal maalfaa of keessatti waan qabatuufi?

Obbo Dhaabaa: Pirojektiin tokko meeggaadha jedhamuuf qabiyyee of danda’a qaba. Inni jalqabaa humna faayinaansii pirojektichi ittin hojjetamudha. Lammaffaa bal’inni lafaa irratti hojjetamullee ni ilaalama. Sadaffaan ammoo daangaan lafasaafi hojiin achirratti hojjetamu waan baayyeedha.

Kan Wancii-Dandii kanas tokko tokkoon haa ilaallu. Pirojektiin kun haroowwan walirraa fagoo lamaan Wanciifi Dandii walqunnamsiisa. Daandii hojjechuun dirqama. Haala kanaan daandii kiiloo meetira 42 hojjennee xumurreerra. Dandii- Marsee- Wancii kiiloo meetira 32, gara Haroo Wanciitti kan geessummoo kiiloomeetirri 10 hojjetameera. Daandiin kun bal’aa yoo ta’u, tiraakii maaraatoonii kiiloo meetira 21s kan of keessaa qabuudha.

Inni biraa qarree Wanciirratti piikinikota guguddoo afur ijaarreerra. Kanneen keessaas tokko Nadhii Dammaa zeeroo zeeroo kan jedhamu Wanciirraa kaatee marsitee kiiloo meetira saddeetirratti argatta. Inni tokko kiiloo meetira shan, tokko kiiloomeetira lama akkasumas, tokko kiiloomeetira zeeroo zeeroorratti argama.

Egaa pikinikoonni kunneen Wanci mandara hawwataafi daran filatamaa jedhamee addunyaarratti waggaa darbe beekamtii kan argate ta’uusaatiin namoonni daawatan hundasaa ilaaluu akka danda’aniif kan qophaa’aniidha.

Achittis nyaatawwan aadaa, kanneen dafanii qaqqaban (fast foods), suuqiiwwan addaddaa, iddoo dammi Wancii beekamaafi filatamaan ittigurguramu, mana nyaataa, baankii biyya keessaafi kan sharafni alaa itti jijjiiramu of keessaa qaba. Kanaaf namni damma Wancii bitachuu barbaade kiiloomeetira saddeet deemee daawwachaa fudhatee gala.

Inni biraan ammoo nyaata aadaati. Kanaafis piiknikii tokko xumurreerra. Achi keessatti nyaatniifi dhugaatiin aadaa Oromoo qofti bakka itti dhihaatuudha. Akkasumas, anfii tiyaatirii agarsiisawwan addaddaa agarsiisuufi namoota 500-700 keessummeessuu danda’u hojjenneerra. Kunis wayita ammaa xumuramee namoota hojjetaniif dabarsuudha kan hafe.

Piiknikii sadaffaan bakka bunni itti danfuudha. Achi keessatti buna godinaalee Oromiyaatti beekamutu dhihaata. Birattis bunni maashiniidhaan danfu, buna aannaniifi dhugaatii ho’aan gara garaa ni dhihaata. Isa waliinis bakki namni bashannanuufi suura itti ka’ullee haala mijataa ta’een qophaa’eera.

Afraffaan seensa Wanciiti. Innis kan xumurame yoo ta’u, haala addaa biyya kana keessatti hojjetamee hinbeekneen meeshaa (deekii) daaw’itiirraa hojjetameefi irra dhaabatanii gadi ilaalan kan qabu hallayyaarratti kan hojjetameedha. Dur namni gaafa Wanci dhaqu qarreedhumarra dhaabatee ilaalee dinqama. Amma garuu osoo ikkoo turizimiisaa hinmiidhiin sonni itti dabalamee haala bareedaadhaan namni har’a galee bor deebi’ee akka Wancii yaaduufi namootatti himu taasifamee kan hojjetameedha.

Inni biraan Wanci balbala guddaa qaba. Balballisaa kun kan hojjetame akkaataa Oromoon balbala manasaa itti hojjechiifatuuni. Manni Oromoo baay’eensaa geengoodha. Haala filannaa halluu Oromoo giddugaleessa godhateen kan hojjetameedha. Kanuma qofatti qarshii miliyoona 150tu bahe.

As keessattis bakki baankonni tajaajilawwan adda addaa itti kennanis ni jira. Suuqiiwwan hojiiwwan harkaa naannawa sanatti beekaman sonni itti dabalamee itti gurguraman ni jiru. Fakkeenyaaf naannawaan sun bu’aalee omisha warqeetiin (qoccoo) beekama. Akkasumas, alangeefi faayawwan garagaraa Wanciitti hojjetaman daran namatti tolu.

Kanas Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa wajjin ta’uun indastirii godoo tokko magaalaatti ijaarreerra. Ijoolleen ijaaramanii achitti omishanii fidanii akka gurguraniif suuqiiwwan gara ja’aa qophaa’aniiru. Darbees bakkuma sana reestoraantii guddaan tokko jira.

Bakki tikeetiin muramus qophaa’eera. Iddoon konkolaattota 200 qabachuu danda’us hojjetameera. Namni yeroo Wanci dhaqu akka durii konkolaataadhaan hinseenu. Sababnisaas tokkoffaa ikkoo turizimii naannawichaarratti akka mancaatii ykn faalamni tokkollee akka hinqaqqabneefi.

Lammaffaa konkolaataan achi dhaabatee filmaatawwan geejibaa addaddaatti akka fayyadamaniifi. Turistoonni miilaan, fardaan, gaariidhaan akkasumas saayikiliifi konkolaattota elektiriikii fayyadamaniin akka imalaniifis haalonni mijataniiru. Konkolaattonni keessummaa hundi eegumsa mataasaanii waan qabaniif keessa hinseenan jechuudha.

Kan biraan loojiiwwan guddaa sadarkaasaa eeggate baasii qarshii miliyoona 600 ta’uun ijaarameera. Loojiiwwan kunneenis abbaa ciisicha lamaa, tokkoofi daran olaanaa ta’e, kan anga’aa olaanaan biyya alaallee keessa buluu danda’uufi tajaajila of danda’e kennu akkasumas turistoota 30 bulchuu danda’u ijaarreerra.

Qonnaan bulaa loojiif lafa kenneef beenyaan kanfalameera. Garuu kan jireenyasaa sana waliin kan walhingitne waan hintaaneef mana sadarkaasaa eeggate miliyoona 150n ijaarreerra. Kunis qonnaan bulaan mana ijaarratee akka itti galu qofa osoo hintaane, tokko tokkoon qonnaan bulaa kutaa sadii sadii ijaarrachuun turistii bulchee akka galii argatuuf mijateera. Haala kanaan guyyaatti turistoota 39 bulchuun ni danda’ama. Yommuu pirojektichi guutummaatti xumuramutti qonnaan bulaaf furtuun kan kennamu ta’a. Loojicha kan kireessu bulchiinsa waliigalaa yoo ta’e ammoo galiisaa qonnaan bulaaf akka kennamuuf mijeeffama.

Dabalataanis, Wanci akkuma beekamu bishaan ho’aafi qorraa uumamaa qaba. Kanaafis bakka dhiqannaa walbiratti hojjenneerra. Darbees riqicha socho’aa guddaa meetira 69 dheeratuufi bashannanaaf oolu (Innuu mataasaatiin hawata turizimii isa guddichadha) hojjetameera.

Akka waliigalaatti pirojektii kana meeggaa kan jechisiisu yoo xiqqaate hojjettoota hanga kuma sadii qabatee hojjetamuusaati. Qonnaan bulaafis beenyaa gara qarshii miliyoona 400 kanfalleerra. Kunis inni guddaan miliyoona ja’a, xiqqaan ammoo kuma 500 jechuudha. Horii kanas akka hinballeessineef magaalota Amboofi Waliisootii akka mana bitatan, kaanimmoo kanneenuma naannawa pirojektichaatti hojjetamanirraa qonnaan bulaan akka dursa argatuuf haalli mijateera.

Bariisaa: Ijaarsi pirojektichaa ammaan tana waliigalaan sadarkaa akkamiirra jira?

Obbo Dhaabaa: Wayita ammaa gara xumuraatti kan jiru yoo ta’u, daandiin ji’a sadii dura dhibbantaa 100 dhumeera, piikiniikiiwwan afur qabannee hunduu dhibbantaa 97n xumurameera, torbee dhufu nutti kennamu. Balballi seensaa guddichis %98 irra jira. Amma dhibbantaa 87 irra kan jiru loojii wajjin walqabatee mi’awwan alaa galan tokko tokko qofatu hafa. Kunis torbee dhufu hundisaa kan nurka qaqqabu ta’a.

Bariisaa: Ijoolleen qonnaan bulaa naannawichaa jireenyisaanii Haroo Wanciirratti bu’uureffameefi hojiilee garagaraa hojjechuun of jiraachisan turaniiru. Fakkeenyaaf waldaa fardeenii, daawachiisuufi kkftiin kan hojjetan. Carraansaanii hoo akkam ta’a?

Obbo Dhaabaa: Kallattii mootummaan kaa’een pirojektiin amma hojjetamu nama bu’uura kan godhateedha. Fakkeenyaaf suuqiiwwan 12 achi keessatti ijaaraman hunda ijoollee qonnaan bultootaatiif kennine; isaantu gurmaa’ee itti hojjeta. Nyaata aadaa, ammayyaafi hojii achi keessatti hojjetamu kamuu jalqaba isaantu argata. Kanneen beenyaan kanfalameefillee beenyaa argataniiru jedhamee kan bira darbamu hinjiru.

Inni biraan Wanciin durumaayyuu waldaalee addaddaa qaba. Isa akkuma jirutti sona itti daballeetu isaan hojjechiisna. Fardeeniifi yabaloon achitti tajaajila kennan hundi kan qonnaan bulaati. Abbaan qabeenyaa kamuu Wanciis ta’e Dandii yoo deeme waan achitti ijaarrerraa tajaajila argata malee ijoolleen mindeeffaman kanuma qonnaan bulaati.

Kanaafis nuti ijoollee qonnaan bulaa 95 Laangaanootti ji’a tokkoof leenjisnee loojii Wanciitti ijaarametti bakkawwan addaddaatti akka hirmaataniif qopheessineerra. Amma gaafa tajaajila jalqabu yoo namatti kennines ta’e, ofii keenyaaf hojjenne ijoollee sanatu mindeeffama. Wanciirratti jireenya duraan jiraatan irra caalmaa qabu akka jiraataniif yaadama. Kanaaf dura dinagdee ummata naannawichaa ittaansuun aanaafi godinichaaf, akka waliigalaatti ammoo Oromiyaatu irraa fayyadama.

Bariisaa: Gaafa pirojektiin kun eegalamu baasii hammamiin, yeroo hangamii keessatti xumurama jedhamee karoorfame? Hanga yoonaatti darbees hanga xumuraatti hammam fixa jedhamee yaadame?

Obbo Dhaabaa: Pirojektiin Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii marsaadhaani kan hojjetamu. Amma kan Wancii marsaa tokko xumurreerra. Dandiitti loojiifi daandiin galeera. Hojiin keenya ittaanu Dandii keessoo bareechuufi wantoota barbaachisan guutuun xumuruudha.

Pirojektichi yommuu qabame marsaa duraa qarshii biliyoona afuriin waggaa lamaafi ji’a ja’a gidduutti xumuruuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga yoonaa invastimantii gaggeeffameen daandii qofti gara qarshii biliyoona 2.4 fixeera. Loojiin milyoona 600 akkasumas piikinikonni seensaafi riqichi hojjetames akkuma irranatti eerame qarshii baay’eetu itti ba’e. Akka waliigalaatti baasiin jedhame kan jedhameen ol yoo itti ba’e malee hinhanqatu. Yeroon ijaarsaammoo akkuma yaadametti deemaa jira.

Wanciifi Dandii gidduutti magaalaa turizimii uumuun hojii sadarkaa sadaffaadha. Inni kun kan yaadame ikkoo turizimiin Wanciifi Dandii akka hinmiidhamneef, namni bakkeewwan kanneen oolee galee akka achi bulu taasisuudha. Kana keessa wantoota baay’eetu hojjetama. Fakkeenyaaf hoteela abbaa urjii shanii lama, mandara atileetotaa, paarkii bishaaniifi dizaayinoota pirojektiiwwan addaddaa sagal ta’antu keessatti argama.

Bariisaa: Pirojektiin kun kan marsaa duraa qofti gaafa dhumee tajaajila yaadameef oolu namoota hammamiif carraa hojii uuma?

Obbo Dhaabaa: Ammarra teenyee kana jechuun nama rakkisa. Sababnisaas hammuma turizimiin dabalaa dhufe carraan hojiis dabalaa dhufa. Ammaf garuu yoo xiqqaate namoonni 600- 700 marsaa kanatti hojiitti ni seenu jennee yaadna. Sababnisaas turistootaaf fardi qofti 300 qophaa’aa jira. Saayikiliin 100 oliifi suuqiiwwan tajaajilawwan hedduurratti namoota hojjetan baay’inaan barbaachisa.

Bariisaa: Pirojektichi ka’umsisaa hirmaannaa ummataatiin akka hojjetamuudha kan ibsame. Baasiin kun akkuma jedhame hirmaannaa ummataatiin kan uwwifameedha moo mootummaanis bajata ramade qaba?

Obbo Dhaabaa: Hojiin maaddii biyyaaf jedhamu kun hirmaannaa ummataatiin jalqabame. Qarshiin akka biyyaatti sassaabame pirojektota sadaniif qixa nuu qoodame. Akka naannoottis sochii ho’aa taasifameen galii olaanaan argameera. Hamma yoonaatti wanti bajata mootummaatti bu’ame hinjiru. Inni ittaanu maal ta’a isa jedhu garuu kallattii mootummaa kan ilaallu ta’a.

Bariisaa: Pirojektiin kun akka yaadametti xumuramee gaafa hojiirra oolu, turizimiifis ta’e dinagdee biyyaatiif hiika akkamii qaba?

Obbo Dhaabaa: Asirratti wantin osoo hinkaasiin hindabarre, hojiin hamma yoonaa hojjedhe keessaa akka kanaa kanin itti gammadu hinjiru. Ani carraqabeessa jedheen of yaada. Sababnisaas, ani naannawa kana hojjedheera.

Sadarkaa Wanciin waggoota 10-15 dura irra ture nan beeka. Ilaalameellee hinbeeku. Bakkeewwan hawwattoo turizimii addunyaa yoo ilaaltu hedduunsaanii kanneen harka namaatiin bocamanidha. Wanciifi Dandiin garuu uumaadhumatu bareechee uume.

Namoonni arganii hinbeekne nu waliin deemanii gaafa qarree Wanciirra dhaabatanii gad ilaalan baay’ee dinqamu. “Lafti akkasii biyyuma keenya keessa jiraayii” jedhanii dinqisifatu. Uumama mijataa akkanaarratti sona xiqqoo dabaltee gaafa madda dinagdee hawaasaa, aanaa, godinaa, naannoo darbees kan biyyaa gochuun danda’amu arguun daran nama gammachiisa. Hojiin kun guutummaatti utuu hinjalqabamiin koriidariin gidduu sanaa hammam akka ho’e argaa jirra.

Yoo hojiitti hiikame turistiin naannawicha dhufu humnaa ol ta’a jenneetu kan yaadnu. Ayyaanuma Masqalaa dheengaddaa yoo fudhatte, guyyaa tokkotti atobisii 10tu dhufe. Pirojektichi xumuramee qophii ga’aa hinqabu malee namni guyyaa guyyaatti dhufuyyuu hedduudha.

Yommuu hojiin akkanaa hojjetamu tokkoffaa namni baadiyyaarraa magaalaatti hingodaanu; baadiyyaarraa magaalaatti dhufa malee. Utuma hindhumiinillee namni eeyyama turizimii baasaa jira, konkolaattoota bitaa jira, tajaajilawwan addaddaarratti hirmaachuuf qophiin taasisaa jiru hammam madda dinagdee akka ta’u tilmaamuuf nama hinrakkisu. Kanaaf ani akka kootti Wanciidhaaf amma waan biiftuun baateef natti fakkaata.

Kanarratti wantin hinkaasne tokko, hojii kana kontiraaktaroonni nu wajjin hojjetan lammiilee biyya alaati; Xaaliyaanootaafi Chaayinoota. Isaanis kontiraaktaroota biyya keessatti kennanii hojjetaa turan. Garuu akka pirojektiitti kan daran itti gammannu yeroo isaan hojjechuuf kaampii qopheeffatan dizaayinii mana barumsaa hojjennee itti kennina.

Isaan kan turan waggaa tokkoof ta’us manichi kan ijaaramu bilookkeettiidhaani. Kan Wancii magaalaa Harootti lafa fudhannee, dizaayinii mana barumsaatiin ijaarreetu kennuuf jenna jechuudha. Amma Wancii waliin oolmaan daa’immanii kan eebbifamu ta’a. Akkasumas tajaajila hawaasummaasaanii akka ba’atan goonee torban dhufu keessa manni barumsaa hanga kutaa ja’affaatti qabu ni eebbifama. Dandiittis haaluma kanaan hojjetama. Hojiin hojjennu isa har’a hojjennee bor gannee baanu akka hintaaneef waantota hunda xiyyeeffannaan raawwanna.

Akka waliigalaatti Wanciifi Dandiin dur dhokotanii turan har’a ifatti ba’aniiru. Daandiin saffisaa amma ba’ee namni daqiiqaa muraasa keessatti walitti deemu, dura daandiin tokkollee waan hinjirreef ummanni miilaan deemaa ture. Nutillee miilaan deemnee lafa sana safaraa turre. Amma hawaasni ijaaramee konkolaataa bitachuutti ka’eera. Waan omishu salphumatti gabaa geessaa jira.

Amma kan nurraa eegamu, turizimiin maal akka ta’eefi faayidaa akkamii akka qabu hubachiisuuf Ministeera Turizimiifi Komishinii Turizimii Oromiyaa wajjin waan karoorfanne qabna.

Bariisaa: Rakkoolee hojiirratti isin mudatan yoo jiraatan osoo nuu kaastanii?

Obbo Dhaabaa: Rakkoon nageenyaa, haalli qilleensaafi qaala’inni meeshaalee ijaarsaa akka rakkootti nu mudatanii turan. Fakkeenyaaf Wanci nuti ganni ji’a sadii afur jenne yaadnee deemne ji’a ja’a rooba. Kanaan lafti dafee qooruu dide. Kana bakka buusiifis halkanii guyyaa hojjechuu eegalle.

Rakkoo nageenyaatiin walqabatees yeroo guyyaa tokkoof rakkoon mudatee daandiin torban tokkoof cufamee ture. Hojiin loojii garuu hindhaabanne. Sababnisaas pirojektiin kun kan ummataa waan ta’eef yommuu rakkoon akkanaa mudatu umatumti akka eeggatu, qaamni hogganus achi oolee bulee akka hogganu taasifame.

Yoo hoggansi bakka sanarraa fagaate hojjetaanis dhiisee ba’a waan ta’eef achuma taa’ee hordofaa ture. Qaamolee nageenyaa walinis qindoominaan hojjetamee fala akka argatu ta’eera. Amma pirojektichi kallattii kamiinuu kan eegu hawaasa. Sababnisaas isaafi ilmaansaatu harka guddaa irraa fayyadamee jiruufi jireenyasaa fooyyessa waan ta’eef.

Bariisaa: Akka biyyaatti pirojektii meeggaa akkanaa yeroo gabaabaa keessatti hojjetanii xumuruurraa maaltu baratama? Keessumaa jijjiiramaa as jalqabanii fixuudha kan baratame waan ta’eef kun agarsiiftuu ta’uu danda’aa?

Obbo Dhaabaa: Eeyyee. Jijjiirama as pirojektota hojjetanii eebbisiisuun akka kallattiitti kan taa’e. Kanaafis Finfinneetti yeroo pirojektonni Inxooxxoofi Shaggar hojjetaman gaafa gara naannootti ba’anis akka muuxannoo ta’anitti. Nutis kan qabannee kaane haala fakkeenya ta’uu danda’uuni.

Akka waliigalaatti kanarraa kan barannu pirojeektota meegaafis ta’e kamiifuu sababa dhiheessuun akka hindanda’amneedha. Sababammoo kan keessummeessu hoggansa. Hoggansi kontiraaktaroota hojicha hojjetan harkaa sababa fuudhee isa odeessuu osoo hintaane, humna ta’eefii iddoo isaan danqamanitti furmaata kaa’uufii qaba.

Fakkeenyaaf pirojektii Wancii-Dandii yoo fudhanne, beenyaan barbaachisu yeroodhaan akka kanfalamu, yoollee yeroodhaan kanfalamuu baate ummanni obsee akka eeguuf halkaniifi guyyaa qonnaan bulaa sana dubbisuu, amansiisuufi akka inni cina dhaabatu taasisaa turre.

Horiisaammoo jala jalaan kanfaluufi beeksisaa deemuun mirgisaa akka eegamu taasifne. Yeroo baay’ee oggaa pirojektiin hojjetamu mana murtii wajjin walqabata. Akka waanti akkanaa hinuumaneef kana kana hojjenne.

Inni biraan kontiraaktaroonni yeroo jedhanitti akka isaan fiixaan baasan guyyaa guyyaatti ni hordofamu, torban torbanitti ni qoratamu. Hanqinni yoo jiraate yeroodhuma sana falli ka’amaaf malee torbee ittaanutti rakkoo fuunee hinceenu. Kontiraaktaroonni, gorsitoonniifi bakka buutonni mootummaa bakka hojichi hojjetamutti gallee gadifageenyaan hordofna.

Inni biraa milkaa’ina pirojektichaaf hoggantoonni olaanaan of kennanii hojjetu. Pirojektii keenya abbummaadhaan kan hordofan Doktar Gadaa Olaanaa (Ministira Ittisa Biyyaa, Doktar Abrahaam Balaay) yoo xiqqaate torbanitti guyyaa tokko ni dhufu. Pirezidaantiin naannoo yoo xiqqaate ji’atti, akkasumas, ministirri muummeen yoo xiqqaate ji’a lamatti dhufanii ilaalu. Kallattii hoggansa olaanaarraa kennamu fudhanneemmoo fuulduratti deemna jechuudha.

Kanarraa egaa kan baratamu hoggansi akkaataa kamiin pirojektota akka hordofaa jiru, pirojektiin guyyaa jedhametti tajaajila ummataaf akka ooluuf kutannoon jiru muuxannoo argameedha jedheen yaada.

Bariisaa: Pirojektiin kun tajaajila barbaadamurra oolee ummannis biyyis akka irraa fayyadamaniif eenyuurraa maaltu eegama jettu? Akka ergaatti waan dabarsitan yoo qabaattanis carraa isinii kennina.

Obbo Dhaabaa: Egaa pirojektiin hojjetamuun manii miti. Akka ergaatti kanin dhaamu, Wanciin haaluma uumamasaarraa ka’ee lafa baay’ee loojii itti ijaarru hinqabu. Kanaaf kana booda ijaarsa loojii itti hinfufnu. Kan ta’uu qabu qonnaan bulaan haala mijeessee manasaa bulchee tajaajila barbaadamu akka argachuu danda’uudha. Kana babal’isuudha kan nuti barbaannu.

Kanaaf, ummanni naannawa haroo Wancii, harichi kansaa ta’uu hubatee, qabeenya uumamaa achi jiru hunda eegeefi kununsee jennaan eegame. Ammas caalaatti akka fayyadamuuf abbummaadhaan bishaanichas waan mootummaan achitti hojjetes eegee irraa fayyadamuu qaba. Fakkeenyaaf biyyoota boba’aa baasan boba’aasaanii kan eegu ummata. Nuufis kun boba’aan oli. Sababnisaa madda dinagdee hawaasa Wanciirra darbee akka aanaa, godinaafi naannoottillee pirojektii eegamuudha.

Inni biraa gaggessaan sadarkaa sadarkaarra jiru ittigaafatamasaa sirriitti ba’achuu qaba. Dargageessis yoo xiqqaate carraa hojii ittiin argataa waan jiruuf eeggachuu qaba. Inumaayyuu amma caalmaatti eeggachuun irra jiraata. Sababnisaas dargageessi yunivarsitiirraa eebbifamee ba’e baay’een carraa hojii ittiin argateera. Fuuldurattis gaafa humna namaa dabalachuuf yaadnu bakka biraarraa miti kan fidnu; isaanumatu gala.

Turistoonnis kunuunsa pirojektichaa keessatti gahee guddaa qabu. Akkuma irranatti kaasuuf yaale ikkoo turizimiin hojii ofeeggannoo cimaa barbaaduudha. Wancini akkuma uumamnisaa bareedu waan eeggatamuufi malu baay’ee ofirraa qaba. Waan qabatanii deeman waan akka pilaastikiifi balfawwan garagaraa tasumaa achitti gatuu hinqaban.

Eegumsi kanaaf qophaa’e akkuma jirutti ta’ee akkuma loomiin shantamni nama tokkoof ba’aa namoota 50f faaya ta’e, namni dhaqee Wancii daawwatu waa achitti gata jennee hin yaadnu.

Gama biraatiin milkaa’ina pirojektichaatiif Oromoos ta’e ummanni Itoophiyaa kaan waan humnasaa gumaacheera. Kanaaf pirojektiisaa kana dhaqee daawwachuu, kunuunsa gahaas taasisuufii qaba. Yoo akkas ta’e galiin barbaadamu irraa argamee madda muuxannoo akka ta’u shakkii hinqabu.

Bariisaa: Agarsiisa Turizimii Godambaa Saayinsiitti Kibxata darbe banameefi ji’a tokkoof tururratti maal qabattanii dhihaattan?

Obbo Dhaabaa: Hojiileen hamma yoonaa hojjetaman viidiyoodhaan agarsiisaaf dhihaataniiru. Omisha Wanciitti beekamu keessaas damma dhiheessineerra.

Bariisaa: Pirojektii guddicha kana haala kamiin eebbisiisuuf qophiin taasifameera?

Obbo Dhaabaa: Eebba kanaaf taateewwan guguddaatu qophaa’e. Kunis yoo xiqqaate torbee lama sadii tura. Utuu eebbi hinga’iin taateewwan adeemsifaman ni jiru. Lafti Wancii baddaa waan ta’eef atileetotaaf daran mijataadha. Kanaaf dorgommiin maaraatoonii dheerinawwan addaddaatiin jira jechuudha. Kanaafis Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa waliin qophiin eegalameera.

Kana malees Wanciifi Dandiin fardaan beekama. Kanaaf waldorgommiin fardaa ni jira. Darbees agarsiifni fardaa daran miidhagaa ta’e ni adeemsifama. Wancitti namni hundi yabaloo manaa qaba. Yoo xiqqaate yabaloowwan 200 ni jiru. Kanaaf agarsiifni yabaloo Haroo Wanciirratti ni adeemsifama.

Yeroo ijaarsi pirojektichaa eegalametti yabaloowwan kunniin alaabaa Abbaa Gadaa, Oromiyaafi Itoophiyaa qabatanii agarsiisa bareedaa ture kan agarsiisan. Eebbaan boodas taateewwan kunneen ittifufanii yeroo murtaa’eef kan adeemsifaman ta’u. Yoo xiqqaate waggaatti dorgommiin fiigichaa si’a lamaa sadii akka gaggeeffamuufi kunis sadarkaa addunyaatti akka baramuuf yaadameera. Akka waliigalaatti taateewwan Wancii-Dandii ibsan sagantaa eebbaatiin walqabachuun ni adeemsifamu.

Waliigala hojiin hojjetamaa jiru akkuma biyyaattuu fakkeenya kan ta’uudha. Fageenyisaas Finfinneerraa Sodaree waliin walqixxeedha. Yoo karaa Walisoo ykn Amboo deemame kiiloomeetira 140-150 fagaata. Kanaaf oolanii galuun ni danda’ama. Kanaaf aadaa bakkeewwan turizimii akkasii daawwachuu gabbifachuufi ijoollee keenyallee biyya barsiisuu akka qabnu ergaakoo dabarfachuun barbaada.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016

Recommended For You

7 Comments to “ “Wanciidhaaf amma biiftuun bahaa jirti” -Obbo Dhaabaa Jinfeessaa, Qindeessaa Pirojektii Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: free bdsm
  3. Pingback: live chat

Comments are closed.