Finfinnee: Kabaja ayyaanota Moolidaa, Masqalaafi Irreechaa tibba darbeerratti walkabajuufi aadaa walii kabajuun cululuqee mul’achuu jiraattonni magaalota garagaraa tokko tokko ibsan.
Sadarkaa mootummaa garaagaraatti ayyaanotni kunneen karaa nagaafi milkiin xumuramuun ibsamuurra darbee qooda fudhattootaafis galatni dhiyaateera.
Jiraataan magaalaa Finfinnee Obbo Siraatyaazaachawu Xurunaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf dheengadda akka ibsanitti, ayyaanoti Fulbaana keessa akka biyyaatti kabajaman duudhaasaanii eeggatanii xumuramuun walhubachuu aadaafi amantaa walii kabajuun ummattootaa daran dabalaa dhufuu agarsiisa.
Ayyaanota kunneen dura dargaggoota, jaarsolii biyyaa, qaamolee nageenyaa waliin ta’uun mariin geggeeffaman hubannoon hawaasa akka cimu taasiseera jedhanii; keessumaa ayyaana irreecharratti qindoominni Foolleefi qaamolee nageenyaa gidduu ture ayyaanichi rakkoo tokko malee nagaan akka kabajamu taasisuu ibsaniiru.
Hordoffiifi to’annoo cimaan taasifames ayyaana qofaaf osoo hin taane maqaa biyyaafi jaalala ummatttootaa olkaasuuf shoora olaanaa taphachuu himanii; jalaqabbii gaariin namni inni tokko aadaafi amantaa isa kaanii akka isa kan isaatti jaallachuufi kabajuu kun cimee ittifufuu akka qabus dhaamaniiru.
Jiraataa kutaa magaalaa Duukam kan ta’an Obbo Taaddalaa Olaanii gamasaaniin, ayyaanotni aadaafi amantaa Fulbaana keessa kaajaman jala bultii ayyaanichaa irraa eegalee bifa tokkummaafi obbolumaan duudhaasaanii eeggattanii yaadachiisaniiru. Kabajni ayyaanota baranaa kan bara darbeen yomuu walbira qabamu walkabajuufi aadaa walii kabajuun daran gabbachuu akka taajjaban himanii; qindoominni qaamolee nageenyaafi hawaasa sadarkaan jirus jabaa akka ture dubbataniiru. Walhubannaan hawaasaafi gaachana sirnaa dabalatee qindoominni qaamolee nageenyaa mul’ate cimee ittifufuus dhaamaniiru.
Jiraataan magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Koyyee Faccee Ustaaz Bashir Mahaammad akka ibsanitti, aadaan aadaafi amantaa walii waliif kabajuu duraan turus taateen ayyaanota baranaa irratti mul’ate bu’aa walhubachuun aadaafi amantaa walii kabajuunti. Rakkoo nageenyaa bakka tokko tokkoo jirurraa ka’uun yaaddoon nageenyaa uumamee turus hubannoon aadaafi amantaa walii kabajuu cimaa dhufuun ofkaluun danda’ameera.
Akka ibsasaaniitti, jireenyi hawaasummaa ummata Itoophiyaa akka bakkeedha dubbatamu miti. Ummattotni biyyattii amantaan, gaa’ilaan, ollummaafi hiriyummaan jireenya hawaasummaa jabaa waan qabuuf aadaafi amantaa walii akka kabajan isaan taasisa jedhaniiru.
Barsiisa nageenyaa karaa manneen amantaa kennamaniinis hawaasi akka walkabaju taasisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu dagatamuu akka hin qabne hubachiisaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016
6 Comments to “ Walhubachuufi aadaa walii kabajuun dagaagaa dhufeera”
Comments are closed.