Finfinnee: Biyya guddinni dinagdeefi lakkoofsi ummataa saffisaan dabalaa jiru, Itoophiyaaf buufata doonii dhabuun qormaata guddaadha. Waldhabdee siyaasaa barootaaf turan karaa bilchina qabuun furuu dhabuun biyya yeroo tokko ulaa ittiin addunyaatti gad baatu qabdu akka dhabdu taasiseera.
Pirezidaanti Sahaalewarqi Zawudee haasaa Wixata darbe sirna baniinsa yaa’ii waloo Manneen Marii Bakka Bu’oota Ummaafi Federeeshiniirratti taasisaniin, dippiloomaasiin diina xiqqeessuun fira baay’isuufi fayyadamummaa waloorratti hundaa’e hojiitti hiikuun toora xiyyeeffannaa mootummaa ta’uu ibsanii; dhimmoota daangaa biyyoota ollaatiin walqabatanis karaa nagaan goolabuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru.
Yuunivarsiitii Haramaayaatti hayyuun saayinsii siyaasaafi hariiroo idil addunyaa Doktar Immiruu Gammachuu Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, calaqqeen milkaa’ina hariiroo alaa nageenya keessoo waan ta’eef irratti hojjetamuu qaba.
Itoophiyaan ummata miliyoona 120tti hiiquufi qabeenya uumamaa bal’aa qabaachuu qofaan salphaatti gulantaa aggaamte ga’uu waan hindandeenyeef buufata doonii argachuuf hojiin dippiloomaasii cimaan hojjetamuu qaba.
Itoophiyaan omishaaleeshee karaa buufata doonii Jibuutii gabaa addunyaatti baasuuf mootummaa Jibuutiif waggaatti doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kaffalti. Hanguma omishaaleen ergaman dabalu baasiin Jibuutiif kaffaltu waan dabaluuf faayidaan argattu daran xiqqaata jedhaniiru.
Itoophiyaan abbummaa buufata doonii Barbaraa Somaaliilaandi dhibbantaa 19 qabaachuun jalqabbii gaarii ta’uu eeranii; buufata doonii Laamuu Keeniyaa misoomsuuf Sudaan Kibbaafi Keeniyaa sochiin eegalte jabaatee ittifufuu qaba. Buufa doonii Sudaan fayyadamuufis akka filannootti ilaalcha keessa galuu akka qabu dubbataniiru.
Hundaa ol garuu buufata doonii Eertiraa fayyadamuun karaa heduun bu’aaqabeessa ta’uu himani; kana milkeessuufis hojiin dippiloomaasii bilchaataafi seera qabeessi diriiruu qaba. Anniisaa elektiriikii dabalatee haalatti omishaaleen Itoophiyaa Eertiraaf dhiyaaturratti akkasumas haalatti omishaaleen Eertiraa carraa gabaa guddaa Itoophiyaa keessa jirutti dhiyaaturratti waliigaltee uumuun barbaachisaadha jedhaniiru,
Itoophiyaan biyyoota ollaasheetiif anniisaa elektiriikii qooduun ala gama daldalaatiin hariiroo faayidaa waloo mirkaneessaa jiraachuu ibsanii; anniisaa qofaan osoo hintaane omishaafi omishtummaa dabaluun gabaa biyyoota ollaa keessatti dhiibbaa uumuu akka qabdus hubachiisaniiru.
Keeniyaarraa kan hafee daangaa Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin qooddattuu daangeffamnisaa kan xumurame miti. Haaluma kanaan dhimmi Sudaaniifi Eertiraa waliin furamuu qabu akka jiru ibsanii; ta’us rakkoon daangaan walqabatu kun rakkoo gangalataa ta’uun ala wayita rakkoon keessoo mudatutti ajandaa duraa taasisuun barbaachisaa akka hintaane yaadachiisaniiru.
Akka isaan jedhanitti, dhimma daangaa yeroof tursuun rakkoolee biyyoota ollaatti mudachaa jiraniifi Itoophiyaa gaaga’uu danda’an maqsuuf tarkaanfii barbaachisuun qaama furmaataa ta’anii dhiyaachuun dhimma ijoo ta’uu qaba. Rakkoo keessoo furuun ummataa daandii misoomaafi nageenyaarra hiriirsuunis dhimma ijoo isa birooti.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016
7 Comments to “Saffisa guddina dinagdee biyyattiif buufata doonii qabaachuun murteessaadha”
Comments are closed.