“Nageenyi, jaalallii fi tokkummaan Ayyaana Irreechaa baranaarratti mul’ate daran nu ajaa’ibsiiseera” – Garee Saba Gaamoo

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadii walduraa duubaan Fulbaana 26fi 27 2016 Magaalaa Finfinnee iddoo Doloolloo Buddeenaa jedhamuufi Magaalaa Bishooftuu Hora Harsadiitti haala miidhagaa, nagaafi duudhaa ayyaanichaa eegeen kabajameera. Ayyaanni Irreechaa baranaa baay’ina ummataafi haala nageenyaatiin kan duriirraa adda. Saboonniifi sablammoonni biyyattii ayyaanicharratti hirmaatan tokko tokko yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, ayyaanichi daran hawwataa, jaalatamaa, gammachiisaafi kan irraa hafamuu hinqabne ta’uu dubbatu.

Naannoo kibba Itoophiyaa, Godina Gaamoorraa kan dhufan Aadde Warqinash Gorfuu akka jedhanitti, kanaan dura kanaan dura Ayyaana Irreechaarratti hirmaatanii kan hinbeekne ta’uufi barana yeroo jalqabaaf irratti hirmaachuu dubbatu. Kanaan dura gareen saba Gaamoo ayyaanicharratti yeroo gara garaa hirmaachaa turaniiru. Isaan barana garichatti dabalamuun Ayyaana Irreechaarratti hirmaachuufi ayyaanichatti baay’ee kan gammadaniifi ayyaana irraa hafamuu hinqabne ta’uu dubbatu.

Ani Garee saba Gaamoo waliin Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadiirratti hirmaachuusaanii himanii, ayyaanichi baay’ee kan nama hawwatu, gammachiisuufi miidhaginaa addaa qabu ta’uu dubbatu. Ayyaanicharratti daandii dheeraa miilaan deemuun jiraatus tuutaan socho’uun daran namatti tola. Ummata Oromoo waliin ayyaanicharratti yeroo bareedaafi gammachiisaa dabarsineerra. Waaqayyo kan bara dhufuutiin nu haaga’u jedhu.

Ayyaanni Irreechaa bakka Waaqni tolfamaan itti waaqeffamu akka ta’ettan dhaga’aa ture kan jedhan Aadde Warqinash, ayyaanicharratti hirmaachuu kootiin odeeffannoon sirrii hintaane ayyaanichaarratti odeeffamaa turuu hubadheera. Warri waa’ee ayyaanichaarratti odeeffannoo sirrii hinqabne dubbatan utuu ayyaanicharratti hirmaatanii qabatamaan dhugaa jiru hubachuu danda’u. Ayyaanni Irreechaa nagaa, jaalala, gammachuu, obbolummaafi tokkummaadha. Ayyaana waggaan naanna’u kanarraa hafuun hinta’u jedhu.

Kanaan dura Ayyaanni Irreechaa akka bakka lolaafi walitti bu’iinsaa ta’etti dhaga’aa waanan tureef irratti hirmaachuuf sodaachaan ture. Ayyaanni Irreechaa garuu bakka nagaa, jaalalaafi gammachuuti. Qaamoleen nageenyaafi dargaggoonnis nageenya ayyaanichaa eegsisuurratti hojii guddaa hojjetaniiru. Jaalalliifi simannaa ummanni Oromoo ayyaanicharratti garee keenyaaf taasiseefis galata guddaa qabna jedhu Aadde Warqinash.

Ayyaanni Irreechaa bakka Ummanni Oromoo amantiin otoo walhinqoodin Waaqa bacaqii gannaa keessaa gara booqaa Birraatti isa baase marga lalisaafi abaaboo hadaa (keelloo) qabatee itti galateefatuufi kadhatuudha malee iddoo waaqni tolfamaan itti waaqeffamu miti.

Waa’ee ayyaanichaa kanan dhaga’aa tureefi ayyaanicharratti hirmaadhee ammoo ija kootiin kanan arge addaa addadha. Saboonniifi sablammoonni biroon Ummata Oromoo waliin Irreechaarratti hirmaachuun kabajaa jiru. Kun ammoo hariiroo Oromoon saboota biroo wajjin qabuufi saboonni biroon ammoo Oromoo faana qaban cimsuu, tokkummaafi obbolummaa keenya daran cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu eeru.

Ayyaana Irreechaa kanarratti simannaa ummanni Oromoo garee saba Gaamoo ayyaanicharratti hirmaateef taasisetti daran kan gammadan ta’uu himanii, ayyaanichi waltajjii itti sabni tokko aadaa saba biraa baratuufi aadaasaa itti waliif qooduudha.

Ayyaanicharratti ummanni Oromoo uffannaafi faayaawwan aadaasaatiin miidhagee argameera. Gareen saba Gaamoo ayyaanicharratti hirmaatanis uffannaafi faayaawwan sabichaatiin miidhagee ayyaanicharratti hirmaateera. Saboonni biroonis akkasuma uffannaafi faayaawwan aadaasaaniitiin miidhaganii ayyaanicharratti argamaniiru. Kanaafuu Ayyaanni Irreechaa waltajjii aadaa uffannaa keenya itti beeksifannus nuu ta’eera jedhu.

Biyya keenyatti nageenyi waaraan akka jiraatuuf tokkummaa, obbolummaafi jaalala keenya caalaatti cimsuu, duudhaa araaraa, dhiifamaafi nagaan waliin jireenya keenyaa ammoo gabbifachaa deemuu qabna. Jijjiirama, misoomaafi guddina biyya keenyaa gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf tokkummaan waliin hojjechuu qabna jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ “Nageenyi, jaalallii fi tokkummaan Ayyaana Irreechaa baranaarratti mul’ate daran nu ajaa’ibsiiseera” – Garee Saba Gaamoo”

  1. Pingback: fn america

Comments are closed.