Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee torban har’aa Finfinneefi Bishooftuuti haala miidhagaa, hawwataa, nagaa, duudhaafi safuusaa eegeen kabajameera. Nutis turtii Qeerroofi Qarreen Irreecha Hora Harsadiirratti hirmaatan Gaazexaa Bariisaa waliin taasisan akka arrmaan gadiitti qindeessineerra.
Dargaggoo Oliiqaa Keelloo Magaalaa Mojoorraa dhufe akka jedhutti, Irreecha Hora Finfinneefi Hora Harsadii baranaarratti kan hirmaate ta’uufi ayyaanonni bakkeewwan lamaanuu haala gaariifi hawwataa ta’een kabajamaniiru. Haalli nageenyaafi naamusa ayyaanichaa hundaa ol daran nama gammachiisa. Baay’ina hirmaattotaatiins kan waggoota darbanii ni caala.
Dargaggoonni warra umuriidhaan isaan caalan kabajuufi dhaga’uun ayyaanicharratti naamusa gaarii agarsiisuu eeree, bakka waldhiibbaan turettillee walii obsuun waldabarsaa turuu hima. Haalli sakatta’iinsaas kan duriirra daran gaariifi si’ataa turuu, foolleenis qaamolee nageenyaa wajjin ta’uun sakatta’aa turuu kaasee, walumaagalatti ayyaanichi duudhaafi safuusaatti deebi’aa jiraachuu ibsa.
“Haalli uffannaa aadaas daran kan namatti toluufi hawwatuudha. Dizaayininoonni uffannaafi faayawwan aadaas haala addaatiin fooyya’aa jiru. Hirmaattonni ayyaanichaa keessumaa dardarraniifi shamarran uffannaafi faayawwan aadaa dizaayiniinsaanii ammayyaa’een miidhaganii argamuun ayyaanichaafis miidhagina addaa kenneera. Ayyaanichi uffannaafi faayaawwan aadaa Oromoo addunyaatti beeksisuu keessattis gahee olaanaa qaba. Irreecha baranaa milkii guddaan kabajneerra. Waaqni fayyaafi nagaan kan bara dhufuun nu haaga’u” jedha.
Jiraataan Magaalaa Finfinnee Dargaggoo Tafarraa Asaffaas duudhaan jaalalaa, walhubannaa, tokkummaafi obbolummaa Ayyaana Irreecha baranaarratti mul’ate gara fuulduraattis cimee ittifufuu akka qabu hima.
Nageenya ayyaanichaa eegsisuuf sakatta’iinsi iddoowwan gara garaatti haala gaariin taasifamaa turuu himee, nama wantoota ayyaanichaaf sodaa ta’an fidee dhufes akka hinagarre ibsa. Foolleewwaniifi qaamolee nageenyaa nageenya ayyaanichaa mirkaneessuuf halkanii guyyaa hojjetaniif galanni guddaa akka isaaniif maluufi hojiin akkanaa fuulduraattis cimee Oromiyaa guutuutti ittifufuu akka qabu dhaama.
Shawaa Bahaa, Aanaa Boosetirraa kan dhufe Dargaggoo Abbishuu Lammaa gamasaatiin, Ayyaana Irreechaarratti erga hirmaachuu jalqabee baranni waggaa shanaffaa ta’uu himee, ayyaanichi dirree ittitokkummaan Oromoo mul’atu waan ta’eef yoomiyyuu hafuu akka hinbarbaadne dubbata. Dargaggoonni kanaan dura ayyaanicharratti hirmaatanii hinbeekne isa dhaga’anirra qaamaan argamanii ittigammaduuf isa ittaanuuf of qopheessuu qabu jedha.
“Haalli sakatta’iinsaa rakkisaadha ture. Namoonni baay’een daandiirratti qabamaafi akka hindarbineef dhorkamaa turan. Barana garuu rakkoon kun furameera. Haalli nageenyaafi naamusasaa kan yeroo kamuurra namatti tola. Duudhaan ayyaanichaas nageenya, jaalala, araara, dhiifamaafi obbolummaa waan ta’eef cimee ittifufuu qaba” jedha.
Saboonniifi sablammoonni biyyattii Irreecha Oromoo waliin kabajuun hariiroo Oromoon saboota biroo waliin qabu jabeessuufi duudhaa obbolummaafi jaalalaa caalaatti cimsuuf akka gargaaru kaasa. Irreechi gabaabumatti duudhaasaa eeggatee akka ittifufuuf hunduu gaheesaa bahachuu akka qabus yaadachiiseera.
Irreechi eenyummaa, aadaafi tokkummaa Oromoo beeksisuu keessatti iddoo olaanaa akka qabuufi ayyaanichi amantiin waan nama hinqoodneef ummanni Oromoo akkasumas saboonniifi sablammoonni kanaan dura ayyaanicharratti hirmaatanii
hinbeekne kan bara dhufuurratti hirmaachuun gammachuufi jaalala ayyaanichaa akka qooddatanis waamicha dhiyeesseera.
Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaalleerraa kan dhufe Dargaggoo Lalisaa Barcoo Boruu akka jedhutti, tokkummaafi jaalalli Irreecha baranaarratti haalaan mul’ateera. Isaanis uffannaafi faayaawwan aadaatiin miidhaganii bakka lamaanittuu hirmaataniiru. Sabaafi sablammoonni biroonis ayyaanicha Oromoo waliin miidhaganii miira gammachuu, nagaa, jaalalaafi tokkummaatiin kabajaniiru. Ayyaanichi waltajjii Oromoon godinaaleefi bakkeewwan gara garaa jiraatu irratti walargu, waliin gammaduufi hawwii gaarii qabu ittiwalii ibsuudha.
Dargaggoonni ayyaanicharratti sirbaa, ragadaafi dhiichisaa gammachuusaanii ibsachaa turuu kan himu dargaggoon kun, baroota darban rakkoon geejjibaafi daandiirratti nama rakkisuun waan tureef namoonni ayyaanicharratti hirmaachuuf rakkachaa turuu dubbata.
Rakkoon kun barana haala gaariin furamuusaafi rakkoo daandiirratti hirmaattota ayyaanichaa mudate akka hinargineefi hindhageenye ibsa. Ayyaana Irreechaa baranaa ilaalchisuun Finfinnee keessattis ta’e Bishooftuutti daandiiwwan guguddoon ummataaf ykn hirmaattota ayyaanichaaf gadlakkifamuu kaasu.
“Haalli nageenyaa baay’ee gaarii ture. Qaamoleen nageenyaas nageenya ayyaanichaa eegsisuu qofarratti xiyyeeffatanii keessummeessaa waan turaniif ayyaanichi milkiidhaan akka xumuramuuf galata guddaa qabu” jedha.
Finfinneetti rakkoon iddoo bultii hirmaattota ayyaanichaa waan mudateef dargaggoonni bakkuma dhiichisaa oolan buluun namoonni tokko tokko hannaaf saaxilamaniiru kan jedhu dargaggoon kun, fuulduratti hirmaattota jala bultii ayyaanichaatti Finfinnee seenaniif iddoon bultii utuu mijateefii gaarii ta’uu kaasa. Nageenyiifi qabeenyi ummataas caalaatti eegamuu waan qabuuf hanqina kana furuurratti utuu xiyyeeffatamee hojjetamee gaariidha jedha.
“Oromoon galii ayyaana irreechaarraa argamutti fayyadamuuf dammaqee hojjechuu qaba. Ummanni Oromoo baasii ayyaanicharratti baasu walirratti baasee deebi’ee walirraa fayyadamuu qaba. Qabeenyi nuti qabnu walii qooduun deebinee ittiin wal ijaaruufi tokkummaa keenya cimsuu qabna. Magaalaan Finfinneefi Bishooftuu gaafa ayyaanichaa qofa Oromoo fakkaachuu qabu osoo hintaane aadaan itti fufiinsaan magaalota kanneenittu calaqqisuu qaba. Magaalota kunneen keessa wantoonni Oromoofi aadaasaa ibsan bal’inaan jiraachuu qabu” jedha.
Ayyaanni irreechaa waltajjii aadaan, jaalalliifi tokkummaan Oromoo itti mul’atuufi ittileellifamuudha kan jedhu Dargaggoo Lalisaan, guddummaan sabichaa ayyaana irreechaarratti mul’ata. Ayyaanichi waltajjii ummanni Oromoo godinaalee gara garaarra jiru irratti walargu, aadaasaa itti waljijjiiru, tokkummaasaa itti jabeeffatuufi mul’isudha.
Akka inni jedhutti, namni tokko gaafa wal baru jaalallisaa dabalaa deema; jaalalaafi tokkummaa keenya caalaatti cimsachaa deemuuf ammoo ayyaana irreechaa waggaa waggaan kabajamurraa hafuu hinqabnu. Dargaggoonni kannaan dura ayyaanicharratti hirmaatanii hinbeeknes gara fuulduraatti irratti hirmaachuuf qophaa’uu akka qaban yaadachiiseera.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaarraa kan dhufte Shamarree Seenaa Tasfaayee Irreecha bara darbees ta’e kan baranaarratti hirmaatteetti. Isheenis ayyaanichi haala nageenyasaatiin kan bara darbeerra daran akka namatti tolu himti.
Hundumtuu gammachuufi bilisummaa guutuudhaan irratti hirmaatee kabajuusaafi Irreechi ibsituu eenyummaafi aadaa Oromoo waan ta’eef daran akka jaalattuufi ittiin boontus kaasti.
“Hundumtuu nagaan dhufee ayyaaneffatee gara manasaatti deebi’eera. Hirmaattonni ayyaanichaa uffannaafi faayawwan aadaatiin miidhaganii dhufuun ammoo hawwatummaan ayyaanichaa akka dabalu taasiseera.
Tokkummaa, mariifi waldhaga’uun jiraannaan rakkoon hinfuramne tokkoyyuu hinjiru. Kanaafuu tokkummaan, jaalalli, waldhaga’uufi miirri obbolummaa waltajjii irreecha baranaarratti mul’ate gara fuulduraatti guutummaa Oromiyaatti cimee ittifufuu qaba” jetti.
Finfinneerraa Siifan Ambassees nageenya irreechaa mirkaneessuuf hojiin gama mootummaatiin raawwatame daran akka nama gammachiisu kaastee, keessumaa simannaan Finfinneetti hirmaattotaaf taasifame baay’ee akka namatti toluufi hirmaattonni fageenyarraa dhufan hedduun dirreerra buluun garuu dhimma ittiyaadamuu qabu ta’uu himti.
Ayyaanni Irreechaa uffannaafi faayaawwan aadaa Oromoo guddisuu, ammayyeessuu, beeksisuufi Oromoon uffannaafi faayaawwan aadaasaa bal’inaan akka uffatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba kan jettu shamarreen kun, dizaayiniin uffannaafi faayaawwan aadaa fooyyessuufi ammayyeessuun aadaafi duudhaa keessaa akka hinbaaneef of eeggannoo cimaan taasifamuu qaba. Namoota dhuunfaafi waldaalee uffannaafi faayaawwan aadaa Oromoo hodhuufi hojjechuurratti bobba’aniifis leenjiifi barsiifni hubannoo gabbisuu utuu kennameefii gaariidha jetti.
Ayyaanni Irreechaa waltajjii ummanni Oromoo godinaalee Oromiyaafi biyya alaa jiran illee dhufanii irratti wal argan waan ta’eef tokkummaa Oromoo cimsuu keessattillee gahee olaanaa akka qabu himtee, ayyaanni irreechaa akkuma duudhaasaa waltajjii araaraa, dhiifamaa, nageenyaa, jaalalaafi obbolummaan itti calaqqisu ta’ee akka itti fufuuf hundumtuu gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu dhaamti. Hojii foolleen qaamolee nageenyaa waliin ta’uun dhimma nageenyaarratti hojjechaa jiranis cimee itti fufuu akka qabuus ergaa dabarsiteetti.
Irreechi ayyaana waggaa yoom naaf ga’a jedhamee abdiidhaan eegamuu ta’uufi waltajjii eenyummaafi tokkummaan Oromoo irratti mul’atu waan ta’eef Qeerroofi Qarreen kanaan dura ayyaanicharratti hirmaatanii hinbeekne bara dhufurraa eegalanii irratti hirmaachuuf akka qophaa’aniif dhamteetti.
Godina Baaleerraa kan dhufte Shamarree Hayaat Arabaat akka jettetti, Irreechi araara, dhiifama, jaalalaafi nagaadha. Ayyaanni Irreechaa baranaas jala bultiisaarraa kaasee haala duudhaasaa eegeen bakka lamaanittuu nagaan kabajameera. Isheenis barana Ayyaana Hora Finfinneefi Hora Harsadiirratti hirmaatteetti. Ayyaanni baranaa akka milkaa’uuf qaamolee dursanii qophii gara garaa taasisaa turan ammoo galata guddaatu isaanif mala jetti.
Irreecha jechuun nageenya inni jedhu qabatamaan mul’ateera kan jettu Shamarree Hayaat, dargaggoonnis nageenyi Ayyaana Irreechaa baranaarratti mul’ate guutuu Oromiyaatti akka babal’atuuf qaamolee nageenyaa waliin hojjechuu, tokkummaasaanii jabeeffatanii nageenya naannawaasaaniis eeguu akka qaban yaadachiifteetti.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016
9 Comments to “ “Haalli nageenyaafi naamusa Ayyaana Irreechaa daran nama gammachiisa” -Qeerroofi Qarree ayyaanicharratti hirmaatan”
Comments are closed.