Finfinnee: Guyyaa alaabaa marsaa 16ffaan sadrkaa biyyaatti Wixata iftaanii akka kabajamu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa ibse.
Guyyichichi mataduree, “Olka’iinsi alaabaa keenyaa wabii tokkummaa sabdaneessummaafi birmadummaa keenyaati” jedhuun sadarkaa biyyaatti akka kabajamu eereera.
Ayyaanichi kan kabajamu haala qabatamaa biyyi keessa jirtuufi kaayyoowwan bu’uuraa alaabaafi marii rifoormii biyyaa ittifufiisan waliin dabaalamee mana marichaan durfamuun guutummaa biyyaatti kabajama.
Akka odeeffannoon miidiyaa hawaasaa mana marichaarraa argame ibsutti, alaabaan wareegama abbootiin duraanii yeroowwan gara garaatti weerartoota daangaa biyyaa ce’anii birmadummaa biyyaa dhiiban deebisuuf hanga lubbuusaaniitti kaffalaniin bilisummaan saboota, sablammootaafi ummattoota biyyaattii eegamee dhalootatti akka darbu ta’ee har’a ga’eera.
Kabaji guyyichaa tokkummaa sabdaneessummaafi birmadummaa cimsuun dadammaqiinsa uumuuf hiika guddaa kan qabu ta’ee; kabajaafi bu’aa biyyaaf waan irraa eegamu ba’uuf alaabaa fuuldura dhaabbachuun hundumtuu irraa deebi’ee jechasaa ittihaaressuudha.
Ayyaanichi, dhaabbilee mootummaa sadarkaa federaalaa, naannoleefi bulchiinsota magaalotaa lamaan, mooraa raayyaa ittisa biyyaa akkasumas embaasiiwwaniifi misiyoonota Itoophiyaatiin sa’aatii walfakkaataa 4:00 irratti haala ho’aan ni kabajama.
Guyyichi barri haaraan seenee baatii Onkoloolessaa Wiixata jalqabaatti akka kabajamu labsii fooyya’e lakkoofsa 863/2006 keewwata 2 irratti tumameera.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016
4 Comments to “Guyyaan alaabaa sadarkaa biyyaatti iftaan kabajama”
Comments are closed.