Godinichatti omishni baala shaayii aanaa tokko qofa ture gara aanaalee 10tti babal’ateera

Finfinnee: Godina Iluu Abbaa Booritti omishni baala shaayii aanaa tokko qofa ture faayidaasaarratti hundaa’uun gara aanaalee 10tti babal’isuun akka danda’ame Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Godinichi ofirra darbuun godinaalee Oromiyaa kaaniif biqiltuu baala shaayii arjoomuu ibseera.

Hogganaa Ittaanaan waajjirichaa Obbo Chaalaachoo Addunyaa ibsa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, bara 2013, Yeroo inisheetiviin baala shaayii jalqabametti godinichatti aanaa Aallee qofatti hojiin misooma baala shaayii kan jalqabame yommuu ta’u, hojii misoomicha babal’isuuf karoorfameen barana aanaalee 10tti babal’achuu ibsaniiru.

Kanaan dura qonnaan bultootni 300 ta’an lafa heektaara 321 irratti hojii omisha baala shaayiirratti bobba’uu eeranii, bara omisha 2015/2016tti immoo biqiltuu miliyoona 204 lafa hektaara kuma 15 irratti misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan.

Biiroo Qonnaa Oromiyaatti inisheetivii bocamanii waajjirasaaniif gad bu’an keessaa tokko inisheetivii omisha baala shaayii ta’uus himanii; godinichi godina dhangaggaa’ummaan biyyoo baay’inaan itti mul’atu waan ta’eef omisha baala shaayiif daran mijataa ta’uu ibsaniiru.

Baalli shaayii gaafa omishnu faayidaa dachaa arganna: kunis omishichaan galii qonnaan bulaafi biyyaa dabaluufi dhangaggaa’ummaa biyyoo hir’isuuf akka ta’es himaniiru.

Godinni kanaan dura biqiltuu baala shaayii bitaa turuu eeranii; innisheetiivii sadarkaa naannootii gad bu’etti qixa sirriin fayyadamuun yeroo ammaa godinichi ofirra darbuun bara darbe qofa biqiltuu baala shaayii kuma 500 godinaalee Oromiyaa kaaniif arjoomeera jedhaniiru

Qonnaan bultootni omishicharratti bobba’anis rakkoo walitti hidhamiinsa gabaa waan qabaniif omishasaanii gatii daran gadaanaa ta’etti gurguraa jiru jedhanii; rakkoo kana furuuf qonnaan bultootni warshaa omisha shaayii qindeessu akka qabaataniif karoorfamuu dubbataniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Godinichatti omishni baala shaayii aanaa tokko qofa ture gara aanaalee 10tti babal’ateera”

  1. Pingback: 꼴머니
  2. Pingback: my profile

Comments are closed.