Finfinnee: Godina Jimmaatti rooba ganna darbeetiin lafti hektaara kuma 201 ol ta’u sanyii ruuziitiin kan uwwifame ta’uu Waajjirri Qonna godinichaa beeksise.
Hogganaa ittaanaan waajjirichaa Obbo Awwal Kaalil ibsa addatti Kaleessa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, uumamaan godinni Jimmaa haalli qilleensasaafi ‘agiro ikolojiinsaa’ omisha ruuziitiif daran mijataadha.
Akka yaadsaaniitti, haala mijata uumamaan godinichi qabu kana qorannoofi teeknolojiin deeggaruudhan inisheetivii oomisha ruuzii hojitti hiikuudhaan godinichi hojii fakkeenya ta’u hojjechaa jira.
Godinichatti oomishaafi oomishtummaa ruuzii waggaadhaa gara waggaatti dabalaa jira kan jedhan Awwal; bara 2012 lafti heektaara kuma tokkoofi 600, bara 2013 lafti hektaara kuma tokkoofi 800, bara 2014 lafti hektaara kuma lama fi bara 2015 ammoo laftti hektaara kuma 27sanyii ruuziitiin uwwifamuusaa yaadachiisaniiru.
Barana ammoo lafa hektaara kuma 201 ol sanyii ruuziitiin qonna gannaatiin uwwisuuf karoorfamee hanga ammaatti karoora ol lafti hektaarri kuma 221 ol sanyichaan uwwisuun danda’ameera.
Lafa sanyiin uwwifame kanarraas callaa kuntaala miliyoona 11.3 ta’u argachuuf karoorfamee hojjatamaa jira. Karooricha milkeessuufis bara darbe aanaalee 12 keessatti hojiin misooma ruuzii jalqabamee kan ture bara kana ammoo aanaalee godinichaa 20 keessatti hojiin ruuzii oomishuu jalqabamuu ibsaniiru.
Bulchaa godinichaa Obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniin akka jedhanitti, godinichaatti sagantaa misooma qonnaa ammayyaawaa diriirsuufi hojiirraa oolchuun ruuzii biyya alaatti erguuf karoorfame hojjatamaa jira.
Akkuma bara darbee qamadii alatti ergine barana ruuzii erguuf hojjatamaa jira kan jedhan obbo Tijjaaniin godinichatti karoora imala badhaadhinaa giddugaleeffachuun badhaadhina maatiifi biyyaa akkasumaas wabii nyaataa mirkaneessuufi omisha alatti erguun galii argamsiisuuf xiiqiin hojjatamaa jira jedhaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016
5 Comments to “ Godina Jimmaatti lafti hektaara kuma 201 ol sanyii ruuziitiin uwwifameera”
Comments are closed.