Finfinnee: Itti yaadamees haa ta’u dogoggoraan seenaafi seenessi biyyattii irra jireessaan miidhama sabootaan kan dabaalamedha. Ijaarsishees caba lafeefi dhangala’uu dhiigaan yayyabamuun hudhaa dhaloota har’aa ta’eera.
Rogeessi miidiyaafi Daarektarri Sagantaa Dhaabbata ‘initiative for change’ jedhamu Obbo Garasuu Tufaa barbaachisummaafi hanqina sira federaalizimii sabdaneessaa ilaalchisanii Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin turtii taasisaniiru.
Mirga sirni kun ummattoota biyyattiif kennurraa ka’uun qaamotni jalqabumaa jalqabanii sirnicha mormaa as ga’an jiraachuu himanii; gama kaaniin mootummaan ADWUI qajeelfama sirna federaalizimii qofaan ummata quufsaa qabatamaatti garuu beelessaa waan tureef namuu sirnicha akka jibbu taasiseera. Namni mirga argachuu malu gurraan dhaga’ee ittijiraachuu dhorkamuun mufii guddaa uumee turuus yaadachiisaniiru.
Dimokraasiin dheebuu ummattoota biyyattii ta’uusaafi sosochii qabsoo barattootaa bara 1960mootaa kaasuun barbaachisaadha. Sosochicha keessatti gaaffii lafaatti aansee waa’een eenyummaa isa jabaa ture. Boodarras gaaffiin kun fiixee ga’ee Oromoo keessatti ABO, Sidaamaatti Adda Bilisa Baasaa Ummata Sidaamaa, Tigraayitti ABUT wayita dhalatan Eertiraan Itoophiyaarraa akka adda baatu sababa ta’eera.
Kana malees, Itoophiyaa bakkawwan heddutti qabsaa’otni mirgaafi eenyummaa hidhannoon deeggaraman akka biqilaniif bu’uura buusuu Obbo Garasuun yaadachiisaniiru. Falmii hidhannootiin deeggarame kanaan lubbuun kumaatamootaa achi buuteen dhabameera. Akka ibsasaaniitti, namootni kaleessarra har’a waa’ee sirnaa mitii waa’ee biyyaayyuu hubataa jiru.
Akka namootni qeeqan sirni federaalizimii sabdaneessaa, jaalala biyyaa kan xiqqeessu osoo hintaane kan jabeessuudha. Kaleessa waan namoonni baay’een moggaatti dhiibamaniif jibbaafi jaalala biyyaa ture har’atti madaaluun haqarraa fagoodha.
Inumaayyuu Itoophiyaan namoota baay’eef orma ta’uutu qabsoo hidhannoo burqisiise. Kanaafuu, yaadni jaalalli biyyaa jabaa ture har’a qabbanaa’e jedhu kalaqa afaanfajeessuu oofamaa jiruudha.
“Sabootni baay’een jiraachuu biyya beekamtii hinkennineefi afaan saboota hedduu lagatte keessatti afaan kamiin itti himamee jaalalli ummattootni Itoophiyaa biyyaasaaniif qaban guddaa ture” yaadni jedhu asoosama gadi bu’aa ta’uu hubachiisaniiru.
Sirni federaalizimii sabdaneessaa hanqina qabaachuu danda’us biyya cunqursaan saboota sadarkaa hedduu keessa hulluuqeefi ummattootni garagaraa dachee ofiisaanii qabatanii irra jiraatan Itoophiyaatti sirna kanaa ala filannoon jiru balaa hamaa baroota darbanii fiduurra kan darbe bu’aa akka hinqabne ibsaniiru.
Yoo xiqqaate sirna kanaan ummattootni biyyattii afaaniifi aadaasaanii mul’ifachuu akka danda’an haala mijeesseefiira kanamalees eenyummaafi maalummaa biyyaa sirriitti akka hubatan isaan taasiseera.
Haa ta’u malee, hariiroo ummattootaa cimsuu, qajeelfamoota sirnichaa hojiirra oolchuufi fooyya’iinsa garaagaraa taasisuuratti hanqinni jiraachuu ibsanii; biyya Hindii keessatti heera mootummaa dabalatee wantota hedduu fooyyessuun sirna federaalizimii tasgabbaa’aa uumuu akkuma danda’ame fedhii ummataan rakkoo jiru ilaaluun barbaachisaadha jedhaniiru.
Qaamota qabsoo hidhannootti jiran dabalatee irra jireessi ummata biyyattii sirna federaalizimiin ala sirni bulchiinsaa biroo mata duree taasifatee hinbeeku kan jedhan Obbo Garasuun; falmiifi mufiin jiru sirna federaalizimii sabdaneessaa kana dimokraatessuu dhabuurratti waan ta’eef kanarratti hojjechuun dirqama akka ta’u hubachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016
4 Comments to ““Federaalizmiin sabdaneessaa sirna roorroofi qabsoon barootaa dhaleedha” -Obbo Garasuu Tufaa”
Comments are closed.