Atileetonni Itoophiyaa kaadhimamummaan dhiyaatan

Atileetiksiin Addunyaa akaakuu atileetiksii dubaraa cimtuu waggaatiin dorgomtoota xumuraa yeroo ibsu atileetotni Itoophiyaa lama kaadhimamtoota ciccimoo 11 filataman keessatti hammatamaniiru.

Dhiyeenya kana rikoordii maaraatoonii addunyaa kan cabsite Atileetiin Itoophiyaa Tigisti Asaffaa akkasumas riikardii meetira 5000 addunyaa kan cabsite Atileet Gudaaf Tsaggayee kaadhimamaniiru. Atileet Gudaaf barana rikoordii meetira 5000 addunyaa cabsuu bira darbee shaampiyoonaa meetira kuma 10 addunyaas ta’uunshee niyaadatama.

Filannoon akkamiin gaggeeffama?

Akka odeeffannoo Atileetiksii Addunyaatti, filannoon mo’attootaa koree atileetiksii addunyaafi maatii atileetiksii addunyaaf, sagaleen imeeliidhaan kennuun nidanda’ama.

Deeggartoonni akkamitti sagalee kennuu danda’u?

Deeggartoonni atileetiksii hundi suuraa atileetii jaalatan fuula miidiyaa hawaasaa Atileetiksii Addunyaarratti ‘Facebook, YouTube’fi Inistaagraamirratti ‘like’ gochuun akkasumas “X” irratti riippoorti gochuun sagalee kennuu danda’u.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016

Recommended For You