Waldichi obbolummaa dagaagsuuf artistoota naannolee afeeruu ibse

Finfinnee: Tokkummaafi obbolummaan Irreechaa cimsuuf Waldaan Artistoota Oromoo artistoota naannolee kabaja ayyaanichaarratti akka argaman affeeruu beeksise.

Pirezidaantiin waldichaa Artisti Dandanaa (Sayyoo) kabaja ayyaana Irreechaa ilaalchisuun Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf Roobii darbe akka ibsetti, tokkummaafi obbolummaa dagaagsuuf artistoota naannoleef waldichi waamicha dhiyeesseera.

Artistoota waamichi dhiyaateef keessaa aartistoota naannoo Sidaamaafi Kibbaafaa ta’uu eeree, artistoonni kunneenis ayyaana Irreecha har’aafi bor kabajamurratti akka argamanis dabalataan ibseera.

Akka ibsasaatti, seenaa, aadaafi duudhaan Irreechaa hojii aartiin ifa ba’ee hawaasa addunyyatti akka mul’atuuf waldichi hojiiwwan garagaraa hojjechaa jira. Aartii Oromoo yoo guddate guddina ayyaanichaa mul’isuu irra darbee tokkummaafi obbolummaa Oromoon sabootaafi sablammoota biroo waliin qabu dagaagsuu keessatti shoora olaanaa qaba.

Artistoonni Oromoos ayyaanota naannolee ollaasaanii irratti argamuun aartiisanii wayita dhiyeessan duudhaan jaalala, tokkummaafi araaraa irreecha keessaa jiru sadarkaa biyyaalessaatti guddachaa deema. Kanaafis, waldichi artistooti Oromoo seenaafi duudhaa Oromoo sirriitti hubatanii akka hojjettaniif hojiiwwan hubannoon artistootaa gabbisuu hojjetaa jiraachuu ibseera.

Aartisti Sayyoon aadaafi aartiin garaagara ta’uu himee, yeroo ammaa aadaan Oromoo sirna cunqursaa jalaa ba’ee abbaa godhateera. Kana booda, aadaan hir’isuunis ta’e itti dabaluun hindanda’mu. Kanaaf, artistoonni seenaafi duudhaa hawaasichaa hubachuun seenaa qoratanii hojii kalaqaasaanii itti dabalanii hojii aartiirratti akka hirmaataniif hojjetamaa jiras jedheera. Miseensota waldichaa kuma sadiif hojiin piroofaayila qopheessuu, ga’umsaa ogummaa kalaqasaanii mirkaneessuu, qaamolee garagaraa waliin walittidhufeenya gaarii akka qabaataniif waraqaa deggersaa kennuun hojiilee hojjetaman akka fakkeenyaatti kaaseera.

Ta’us kaffaltiin yuutuubirraa argamuufi xiyyeeffannaan mootummaa aartiif kenne laafaa waan ta’eef sirbootni ayyaana Irreechaa baranaarratti ba’an ga’aa akka hintaane ibsaniiru.

Hooliwuufi Nooliwuud Ameerikaafi Naajeeriyaatti galiin irraa argamu guddaa ta’uu himanii; akkuma kana irreechi akka guddinasaattii akka hawaasa addunyaa biratti beekamuuf abbootii qabeenyaa aartiirratti investi gochuu akka qaban dhaameera.

Oromoo marti keessummoota ayyaana Irreechaa baranaarratti argaman kabajaafi jaalalaan geggeesuun irreechi kabajaafi jaalala ta’uusaa akka calaqqisiisuu waamicha dhiyeesseera.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ Waldichi obbolummaa dagaagsuuf artistoota naannolee afeeruu ibse”

  1. Pingback: โคมไฟ
  2. Pingback: Jaxx Liberty

Comments are closed.