“Dargagggeessaa hammam geessaa suman jaallee biyya keessaa” jedhamee weellifameera. Dargaggummaan umrii abdiin jireenyaa itti horatamu, egereen biyyaa itti wabii qabaatuufi bultii ijaarratanii qabsoo jireenyaa itti jalqabamu waan ta’eef yeroo kabajamaadha.
Birraan yoo barihu, dacheetu abaaboo addaatiin uwwifama, malkaatu hir’ata, dacheefi uumamni isheerra jirus akka jabbii olii gadi buburraaqanii gammachuusaanii ibsatu. Firri ji’ootaaf guutiinsa bishaaniin walirraa fagaatee ture walitti dhufuun baga bacaqii gannaarraa booqaa birraatti baatan jedhee waleebbisa.
Erga guca (xomboora) qabsiifatee golaafi balbalaa tuttumachaa barii birraa simatee booda galateeffannaa Malkaaf of qopheessa.
Sirni galateeffannaa (Irreechi) waggaatti yeroo lama kan gaggeeffamu yoo ta’u, isaanis Irreecha Malkaafi Irreecha Tulluuti. Walduraa duubasaanii eeggatanii Abbaa Malkaatiin saaqamanii abbootii Gadaatiin durfamaa qeerroofi qarreedhaan leellifamaa, faarfamaa dhiichisaan dachee raasu.
Wayita ayyaanni Irreechaa gahutti dargaggoonni uffata aadaa gara garaa hodhisiifachuun, faaya aadaa bitachuufi walleewwan aadaa waljalaa qabaa sirna galateeffannaa kanaaf ofqopheessu.
Ayyanni kun dargaggoota keessumaa qeerroofi qarree biratti iddoo guddaa kan qabu yoo ta’u, miidhaganii bareedanii simboo umrii dargaggummaan dachee uwwisanii dhiichisaa gaafa rambaa rambaa godhan dacheetti simboo horu.
Kanarraa kan ka’e umriin dargaggummaa mataansaa simboo fooliinsaa urgaa’u miidhaginnisaa qalbii nama hawwatu, biyyi dargaggoota egereesheef wabii ta’an kan qabdu ta’uu calaqqisiisu.
Egzibiishiniifi Baazaarii Irreechaa Giddugala Aadaa Oromootti tibbana qophaa’erratti dargaggoonni faayawwan aadaa gara garaa, uffata aadaa gurgurtaaf kan dhiyeessan yoo ta’u, sochichi qeerroofi qarreen aadaa, duudhaa eenyummaafi afoolasaa qabatee akka guddatu egereefis akka olkaa’u imaanaa kan itti kennuudha jetti Shamarree Masarat Mitikkuu.
Shamarree Masarat jiraattuu Magaalaa Finfinnee yoo taatu, daldala faayawwan gara garaa kanneen akka qubeelaa, faaya mormaa kan uffataa, kan addaafi kanneen biroo gabaaf dhiyeessiteetti.
Akka ibsasheetti faayi gurgurtaaf qophaah’an kunniin agarsiistuu Oromummaa ga’umsaafi qaroomina ilmaan Kuush kan agarsiisan yoo ta’u, simboo dargaggummaa waliin gaafa walitti dhufan ayyaanichaaf miidhagina addaa kennu.
Umriin dargaggummaa yeroo miidhaganii bahan dhiichisanii weellisuun dachee rambaa rambaa godhan akkuma qalbii nama hawwatu aadaafi duudhaa abbootiisaaniirraa dhaalan gammachuun fudhatanii labata ittaanuuf dabarsuuf yeroo ittihojjetan waan ta’eef yeroo murteessaa ta’uu kaasti.
Mindaa hojii gurgurtaa faaya aadaa kanarraa argatturra kan ishee gammachiisu umrii qarrummaan waan hojjetamee dhaloota ittaanuuf ol ta’uu malu hojjechuun akka isheetti toluudha kan kaastu. Gaafa dargaggoonni simboo biyyaati jedhamnu aadaafi duudhaa nutti kenname haalaan qabachuu, kabajuufi ta’anii agarsiisuu waan ta’eef umrii murteessaadha.
Umriin dargaggummaa kun yoo haalaan tikfamuu baate dhaloota egeree biyyaaf wabii ta’uu danda’u dhabuu dandeenya jettee; haa ta’uutii qeerroofi qarreen Oromoo duudhaaleesaanii ganamaa kan akka Shinooyyee Irreechaafi kanneen biroo karaa eenyummaasaanii agarsiisuun calaqqisiisuunsaanii abdii namatti kan horuudha.
Ittigaafatamummaan dargaggootarra jiru olaanaadha kan jette shamarreen tun naamusni, ittigaafatamummaan Oromummaa tokko tokkoo qarreefi qeerroo olaanaa ta’uu kaasti.
Irreechi aadaadha, duudhaa, sirnaafi akkaataa qaba, duraa duuba qaba, haala uffannaafi kabaja qaba. Kanneen mara jala bu’anii qorachuun dirqama dhaloota umrii dargaggummaarra jiruu waan ta’eef dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabuudha jetti.
Dargaggummaan kan qabanii gadhiisan nama wallaachisuu danda’a. Waan hundii kan nama gargaaru nutti fakkaachuu danda’a. Kanaaf gammachuu ibsannu keessatti gorsa hayyootaatiin deeggaramaa deemuun barbaachisaadha.
Dargaggummaan faaya biyyaa ta’uu kan danda’u, ilaafi ilaameen yoo jiraate uffannee faayawwan garagaraatiin miidhagnee deemuun keenya naamusa Oromummaan yoo dabaalame fooliinsaa urgaa’a. Kaaniifis fakkeenya taana kan jettu shamarreen tun, Irreechi dhimma amantii, laga, sanyiifi eenyummaan kan qoodamu osoo hintaane agarsiistuu gammachuu qaroomina Oromummaafi mallattoo tokkummaa ta’ee kan tajaajiluudha.
Irreechi mallattoo jaalalaati kan jedhamuufis biyya keessaafi alatti kabajama, sabaafi saablammiileen Itoophiyaa lammiileen biyya biroollee irratti argamuun gammachuun Oromootaa gammachuu keenyadha ilaalcha jedhuun waggaa waggaan hirmaatu.
Miirri jaalalaa sabaafi sablammiileen Irreecharratti nu waliin hirmaachuun agarsiisan kun kabaja keenyaafi tokkummaa waloo kan cimsu waan ta’eef qeerroofi qarreen Oromoo keessummootasaa kabajee simatee ka’ee teessisee gammachiisee gaggeessuu qaba.
Irreechi siyaasa kamirraayyuu bilisa ta’ee hunda kan hirmaachisu yoo ta’u, asxaa Abbaa Gadaatiin miidhagnee dacheetti simboo horree addunyaa gara keenya ilaalu hawwachuun dirqama keenya jetteetti.
Dargaggoonni nagaa taanaan biyyi nagaadha, nimiidhagdi simboo qabeettii taati. Yoo kan waldhaga’u hinjiraanne garuu qe’ee abbaa hinqabne taatee babbaddi. Kanaaf qe’ee keenyatti miidhagnee ollaakeenyas simannee kaanee teessisuun dirqama qeerroofi qarree Oromoo ta’uu mala jechuunis ibsiti.
Shamarree Yoodiit Ayyalaas uffata aadaafi faashinii Oromoo akaakuuwwan gara garaa gabaaf dhiyeessiteetti, uffanni kun Qeerroofi Qarree Oromoo biratti daran kan barbaadamu ta’uu eertee, keessumaa sirnootaafi ayyaanota akka Irreechaarratti gabaa guddaa qabaachuu dubbatti. Indastirii faashinii Oromoo guddisuuf sochiin gamasheetiin jalqabame dargaggoota birootiif fakkeenya ta’uus nihimti.
Erga Yunivarsiitii Gondarirraa Ikkonoomiksiidhaan eebbifamtee booda umrii dargaggummaa miidhagaa kanatti olii gadi fiigdee dinagdeen of cimsuuf daldala uffata aadaa Oromoo jalqabuu dandeesseetti. Hojichi carraa hojii uummachuu caalaa umrii biyya ofiif hojjechuu qabdutti uffata aadaafi faashinii Oromoo gabaaf dhiyeessuun dandeettii uffata dhahuurratti Oromoon qabus beeksisuu ta’ee tajaajila.
Hojiin ijaarsa biyyaa yoo dargaggootaan deeggarame jijjiirama guddaa akkuma fidu aadaan, duudhaan, guddinni faashiniifi uffata aadaa Oromoos simboo dargaggummaatti yoo ida’ame foolii biyyaa urgeessa qalbii nama hawwata jetti.
Dhaloonni ammaa keessumata dargaggoonni agarsiistuu eenyummaasaaniin faayamanii argamuun yeroorraa yerootti dabalaa cimaa jiraachuullee kaastee, gabaan uffata aadaa dachaan akka dabalu galiin akka guddatu kan taasisuudha. As keessatti dargaggeessi hojii eenyummaasaa beeksisuu hojjetaa qaroomina Oromoon qabus agarsiisaa kan jiru waan ta’eef umrii murteessaadha.
Irreecha har’aafi boru kabajamuuf qeerroofi qarreen uffata aadaafi faashinii Oromoo walsimataa ta’een miidhagaa jiru. Wallee godinaalee gara garaa, sirboota sabaafi sablammootaan dabaalamee Finfinnee yoo guutu magaalattiin iftee mul’atti jechuudha.
Nagaan bahanii nagaan galuufimmoo ittigaafatamummaa guddaa fudhachuu kan qabu dargaggoota. Keessumaa qeerroofi qarreen Irreecha mallattoo qaroominaa ta’e kana kabajaan gaggeessanii ‘UNESCO’ irratti akka galmaa’uufillee hojjechuun irraa eegama.
Akka Irreechi galmee ‘UNESCO’ irra qubatuuf sochiileen gara garaa taasifamaa jira. Kun akka dhugoomuufis hawaasni biyya keessaafi ala jiru keessumaa qeerroofi qarreen naamusaafi duudhaa ayyaanichaa kallattii Abbootii Gadaan kennamu hordofuun gammachuu Itoophiyaanotaa kana kan addunyaa gochuuf tumsi olaanaa dargaggootaa murteessaadha.
Walumaagalatti qeerrummaafi qarrummaan umrii imaanaan abbaa dhaloota dhufuuf itti walharkaa fuudhamuudha. Kanamalees umrii waan ijaaramuu qabu itti ijaaran, waan diigamuu qabu ammoo itti diigan waan ta’eef walhubachaa waldhagahaa deemuun barbaachisaadha.
Weellisaa dhiichisaa rambaa rambaa gochaa dachee bacaqiirraa bilisa bahaa jiru walqixxeessuun simboo qeerrummaafi qarrummaan ayyaanicha dabaaluufi nagaan xumuruun barbaachisaadha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016
4 Comments to “Qeerrummaafi Qarrummaan; faaya biyyaatti simboo horuudha”
Comments are closed.