Obboloonni Oromoo Irreecharratti maal jedhanii turan?

Finfinnee: Bara darbe Irreecha Hora Finfinneefi Hora Arsadeerratti hirmaachuuf keessummoonni kallattii garagaraarraa jilasaanii qabatanii dhufunsaanii ni yaadatama. Keessumaa Naannoo Sidaamaa, Godina Gaamoofi Alaabaarraa dhufan yaada Gaazexaa Bariisaaf kennanii turan akkanaan yaadanna.

Obbo Jaagoo Aganyawu Hogganaa Biiroo Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Naannoo Sidaamaa yoo ta’an, isaanis yaada gaazexaa keenyaaf kennaniin, sabaafi sablammoonni Itoophiyaa aadaafi duudhaa mataa mataasaanii kan qaban yoo ta’u, inni tokko aadaa isa tokkoof beekamtii kennuufi kabajuun hariiroo sabootaa kan cimsu ta’uu himu.

Jilli Sidaamaas obboleessisaa Oromoon gaafa Ayyaana Irreechaa kabajatu durarraa kaasee irratti hirmaachaa turuu kaasanii, Oromoonis ayyaana waggaa haaraa Sidaamaa, Fichee Cambaalaalaarratti argamuun waggootaaf waliin kabajaa turuu dubbatu.

Ayyaanota sabootaa waliin kabajuun hariiroo sabootaa cimsuun tokkummaa jabeessuu caalaatti, ijaarsa nageenya, misoomaafi guddinaallee kan cimsu ta’uu dubbatu. Isaanis Irreecha qofa osoo hintaane torban darbe keessa saboonni garagaraa wayita ayyaana jijjiirraa baraasaanii kabajatan irratti hirmaachuun aadaa waliitti agarsiisaafi tokkummaa cimsaa akka turan kaasu.

Akka ibsa hogganichaatti, jilli anga’oota, garee aadaa, jaarsoliifi kutaalee hawaasaa hirmaachise Irreecha Hora Finfinneefi Hora Arsadeerratti argamuun saganticharratti hirmaataa jira. Itoophiyaanonni aadaa miidhagaafi ajaa’ibsiisaa qaban kunuunsuufi dhalootatti dabarsuu akka qaban dhaamu. ‘Haballe le mekumunna tana ontu Oromota rudu’i Irreechoo ayyaniraa, kerune illishini’e, kun ayyanoo, banchu maha, alchemo, galatemoo” jechuun ummanni Oromoo baga Ayyaana Irreechaa bara kanaa nagaan geessan ergaa jedhu Afaan Sidaamaatiin dabarsaniiru.

Obbo Biraanuu Zawudeemmoo Naannoo Kibbaatti Bulchaa Godina Gaamooti. Isaanis yaada nuu kennaniin jilli aanga’oota, garee aadaa, abbootiifi haadhoolii Gaamoo dabalachuun Irreecharratti hirmaachaa jiraachuu kaasanii, Itoophiyaan ayyaanoota sabootaafi sabalammootaan kabajaman hedduudhaan kan badhaate waan taateef kanneen waliin kabajuun ijaarsa biyyaaf faayidaa olaanaa akka qabu dubbatu. Duudhaan tokkoon tokkoon aadaa sabootaa keessa jiru kan qorannoofi qo’annoodhaan hinargamne ta’uufi kunis abbootii irraa dhalootaa dhalootaatti darbaa dhufuu ibsu.

Dhaloonni ammaas duudhaalee kanneen dhaloota ittaanuuf dabarsuuf eeguu, kunuunsuu, misoomsuufi jiraachuu akka irra qabu eeranii, kanneen ammoo haala Irreecharratti mul’atu kanaan saboonni yommuu waliin yommuu kabajan sirriitti akka baramaniifi mul’atan taasisuun hunduu xiyyeeffannaa akka itti kennuuf kan gargaaru ta’uu himu.

Ummanni Gaamoo borumtaa jijjiiraa baraa “Yaawoo Masqalaa’ kabajetti Irreecha kabajaa jiraachuusaafi ayyaanichas obbolootasaa Oromoo waliin kabajee dabuu kan himan bulchaan kun, Irreechas waliin kabajuun tokkummaa waliinii caalaatti cimsuuf akka gargaaru ibsu.

Isaanis Afaan Gaamootiin “Asaayi ubbaa ashuu Irreechas dasi das, Irreechaayi dhufaayis, Irreechaayi xossaa galatisaa, wada gidiraa gishi, be’ala gidita gishi” jechuun guyyaa nageenyaafi tokkummaa kan ta’e Irreechaan nagaan isin ga’e jechuun hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Doktar Mohaammad Nuriyyeemmoo Naannoo Kibbaatti, Bulchaa Godina Alaabaati. Isaanis jilli godinasaaniirraa dhufe ayyaana Irreechaarratti hirmaachaa jiraachuu himanii, Irreechi ayyaana wajjummaa, tokkummaafi waliin ta’uu waan ta’eef duudhaaleen saboota Itoophiyaa akkanaammoo weerara aadaa addaddaatiin akka hinbadneef waliin kabajuu akka barbaachisu himu.

Ayyaanoota saboota waliin kanajuun tokkummaa daran cimsuun adeemsa Itoophiyaa ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu kaasanii, ummanni Oromoofi saboonni biroos ummanni Alaabaa Ayyaana jijjiirraa baraa ‘Seeraa’ dhuma ji’a Muddeetti kabajamurratti argamuun waliin kabajaa jiraachuu ibsu. Isaanis Afaan Alaabaatiin “Habay Irreechi kabajaa tobareetii rilishee” jechuun baga Ayyaana Irreechaa nagaa geessan jedhaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ Obboloonni Oromoo Irreecharratti maal jedhanii turan?”

  1. Pingback: top article
  2. Pingback: priv bar

Comments are closed.