Ayyaanotni addababa’itti namoota hedduun kabajaman Irreecha dabalatee carraa aadaa ofii ibsachuufi warra hinbeekneef barsiisuu cinatti, hawaasa magaalaa Finfinneetiif faayidaa olaanaa ta’e qabu. Keessattuu ayyaanotni akka Irreechaa ummata karaa dheeraa imaluudhaan gara magaalatiitti galuun kan kabajamu waan ta’eef ayyaanicha guyyuma sana dhufanii kabajanii yeroma sana ofirra deebi’uu hindanda’an. Kana jechuun immoo ayyaanicha kabajuudhaaf yookan dursa dhufanii as buluu yookiin immoo kabajanii bulanii galu jechuudha.
Akkuma magaalattii keessa oolanii bulaniin immoo nyaataaf, dhugaatiif, sireefi wantoota isaaniif barbaachisu hunda daldalaafi dhiheessitoota tajaajilaa magaalattiirraa fayyadamu. Kunis sochii dinagdee magaalattii si’eessuu keessatti shoora olaanaa akka qabaatu taasisaa jira.
Namootni ayyaana kabajuuf gara magaalattiitti dhufan kamuu baasii malee magaalattii keessaa kan hinbaane ta’uu kan himan Pirezidaantiin Waldaalee Abbootii Qabeenyaa Hoteelotaa Aadde Asteer Solomoon, torbaan tokkorraa kaasee hanga guyyoota lamaatti magaalattii keessa waan turaniif faayidaan ayyaanota akka irreechaa kun dinagdee magaalattii keessatti qaban olaanaa ta’uu dubbatu.
Tajaajila nyaataafi dhugaatii dabalatee tajaajiloota akka iddoo bultii kan magaalattiitti kan kennu Hoteelota magaalattii keessa jiran waan ta’eef, kallattiidhaan ayyaanota akkanaa kanarraa kan fayyadamanis isaanuma waan ta’eef ayyaanota akkasii hawwii guddaadhaan kan eegan ta’uus himaniiru.
Akka ibsasaaniitti, kabaja Ayyaana irreechaa baroota darbanii irraa Hoteelootni magaalattii barnootaafi muuxannoo guddaa kan fudhatan yemmuu ta’u, ayyaanota baroota darbaniirratti kenniinsa tajaajila Hoteelotaatiin walqabatee hanqinoota turan fooyyessuudhaan ciminoota turan immoo daraan cimsuudhaan ummanni ayyaanicha kabajuuf naannolee biyyattii gara garaarraa akkasumas biyyoota adda addaarraa gara Finfinnee dhufu rakkoo tokko malee miira sirba ayyaanichaa irratti isa dadhabe iddoo bultii gaarii ta’erratti akka boqatuuf qophiin gahaan taasifamee jira.
Gatii tajaajila nyaataafi dhugaatii akkasumas siree hoteelotaatiin walqabatee daballiin taasifamu tokkos kan hinjiraanne yemmuu ta’u, abbootii qabeenyaa Hoteelotaa kabaja ayyaana kanaa qofa sababeeffachuudhaan daballii gatii taasisan immoo seeraan gaafachuuf duubatti hinjedhamu.
Kana waan ta’eef keessummootni ayyaanichaaf gara magaalattiitti dhufanis haalli akkanaa yoo isaan muudate qaamota seeraa naannawa sana jiranitti beeksisuudhaan hojii qaamota akkanaa saaxiluu keessatti shoorasaanii bahachuu qabu.
Hoteelootni keessummootni keessatti tajaajilamaniifi siree keessatti qabatan, alaabaa ayyaanichi heeyyamuufi sirboota ayyaanichi heeyyamu, akkasumas nyaatota aadaa keessummoonni sun barbaadan dhiheessuudhaan tajaajillisaanii guutuun akka ayyaana fakkaatu taasisuudhaafis waliigaltee cimatu jira.
Kana qofa osoo hintaane, hojjattootni hoteelota keessummoonni keessatti boqataniifi tajaajila achirraa argataa jiran dhiheessanis uffata aadaa ayyaanichi gaafatu uffachuuniifi ergaawwan “baga nagaan dhuftan!” jedhu dabalatee meeshaalee aadaa harkatti baatanii keessumoota simatu.
Hoteelli kamuu ayyaana kana sababeeffachuudhaan gatii dabalataa akka hinkanfalchiifne kan dhorku seera qofa osoo hintaane, ogummaafi kaayyoo bizinasii sirnaan hubachuu ta’uu akka qabu kan himan Aadde Asteer, ummanni gara magaalaatti kabaja ayyaana kanaatiif dhufu baay’ina waan qabuuf tajaajila bal’aa kennurraa fayyadamuun waan danda’amuuf gatii dabaluun bara ittaanuufis keessummootni akkasaanitti hindhufneef ofirraa dhiibuu ta’uu dubbatu.
Kun immoo adeemsa hojmaata bizinasii wallaaluu qofa osoo hintaane, seeraanis kan nama adabsiisu akka ta’e waan hubatamuuf waan akkanaa keessa ni galama shakkii jedhu hinqabnu.
Kanaan dura hoteelotni magaalattii ayyaanota akkanaarraa fayyadamaa waan hinturreef ayyaanota akka walga’ii Afrikaafi ayyaanota idilAddunuyaa kanneen biraarraa qofa argachaa turte. Waggoota dhihoo as garuu Irreecha dabalatee ayyaanotni addababa’ii Finfinneerratti kabajaman heddummaataa waan jiraniif, walirraa barachuu aadaa qofaaf osoo hintaane, sochii dinagdee magaalattii si’eessuudhaafis shoora oalaanaa kan bahataniidha.
Ummanni magaalattii immoo faayidaa olaanaa ayyaanota akkanaa kanarraa magaalattiin argattu qixa sirrii ta’een hubatanii, cufamuu daandiis ta’ee haalota ayyaanota akkanaa midhagsuuf uumamuu danda’an hunda obsaafi birmannaadhaan cinaa dhaabbachuu qabu.
Hoteelota magaalattii keessaa kanneen keessummootni baay’inaan keessa qubatu jedhamee yaaddamuufi dursanii iddoo achitti qabatan qofaa osoo hintaane, hoteelootni xixiqqoon magaalattiifi suuqonnis ummata baay’inaan gara magaalattiitti dhufu kanarraa fayyadamoo waan ta’aniif, keessummoota fuula gaarii ta’een simatanii tajaajila quufsaa ta’een akka gaggeessaniifis dhaamsa dabarfataniiru.
Bishooftuun kabaja ayyaana irreechaa dabalatee turistoota qabeenya uumamaa magaalattiin qabdu daawwachuudhaf dhufan sirnaan keessummeessuudhaan yeroo yaadanii dhufanii ol akka turaniif hojjatamaa jiraachuu kan himan immoo Kantiibaan Ittaanaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Obbo Gazzaahanyi Dajanee, caalaatti magaalattii giddu gala Konfireensi turizimii taasisuuf hojiiwwan misoomaa gara garaa hojjetamaa jiraachuu dubbbataniiru.
Magaalaan Bishooftuu magaalaa tursitoonni biyya keessaafi alaa baay’inaan daawwatan qofaa osoo hin taane, hora hangafaa Finfinneetti aantee Irreecha birraatiinis keessummoota hedduu gara magaalattiitti kan harkiftu ta’uu kan himan Obbo Gazzaahanyi, kabaja ayyaanichaatiifis ta’ee turistoonni sababoota garaa garaatiin magaalicha daawwachuuf dhufan magaalicha keessa yeroo dheeraa akka turaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himaniiru.
Akka ibsasaaniitti; Qabeenya uumamaa hawwatoo ta’an kan magaalittiin qabdu fayyadamuun magaalaa Konfiraansii Turizimiif filatamtuu akka taatuuf hojiiwwan misoomaa hedduun hojjetamaa turan keessaas daandii gara iddoo kabaja ayyaanaa geessan qulqulleessuufi babal’isuun, bu’uraalee misoomaa dhimma kanaaf barbaachisan dhawata dhawataan guutuuniifi hawaasni magaalattii sadarkaadhaan jiru immoo turistoota gara magaalaasaaniitti dhufan kanneeniif tajaajila barbaachisu dhiheessuudhaan ofiifis fayyadamuu qabu.
Keessayyuu bakka gahumsa turistootaa misoomsuufi sadarkaasaanii fooyyessuu akkasuma haala kenniinsa tajaajilaa jiru ammayyeessuuf hojiin hojjetamaa turanis hedduudha.
Hojiin magaalaa bishooftuu giddu gala turiizimii konfiransii taasisuuf hojjatamu kun immoo qaama tokko qofaan milkaa’uu kan danda’u waan hin taaneef, qindoomina mootummaafi damee dhuunfaatiin raawwatamaa jira.
Hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaas waliin gahinsa daandii aspaaltii keessa keessaa babal’isuun, tajaajila elektirikii gahumsa qabu diriirsuuniifi waliin gahiinsa tajaajila bishaan dhugaatii babal’isuun isaan akka fakkeenyaaatti eeramuu danda’aniidha.
Akka waliigalaatti yemmuu ilaalamu magaalattiin yeroo ammaa akka pirojeektiitti naannoo birrii biliyoona afur invasti gochuudhaan kaayyoo guddaa magaalattii giddu gala konfiransii turiizimii taasisuuf qabame milkeessuuf hojjatamaa jira.
Ayyaana Irreechaa waggaatti yeroo tokko haroo magaalichaa keessaatti argamu Hora Arsadiitti geggeeffamus maqaa gaarii magaalichaa ijaaruun cinaatti magaalichaaf madda galii guddaa waan ta’eef kana caalaatti cimsuuf hojjetamaa jiraachuu kan himan Obbo Gazzaahanyi, ayyaana irreechaa miilana kana qofaan namootni miiliyoona shanitti laakka’aman gara magaalattiitti ni dhufu jedhamanii kan tilmaaman ta’uus dubbataniiru
Walumaa galatti: ayyaanni Irrechaa eenyummaa Oromummaa ganamaa sabaafi sablammoota biyyattii garaa garaa barsiisuudhaan akka sabootni biraas Oromoo waliin kabajan taasisuu bira darbee, jiraattota magaalota ayyaannichi keessatti kabajamu kanneen akka Magaalaa Finfinneefi Bishooftuutiif immoo galii dabalataa uumuudhaan sochii diinagdee magaalota kanaas deeggaraa jira.
Jiraattotni magaalota kanneenis faayidaa achirraa argatan hubachuudhaan keessummoota gara magaalota kanneeniitti dhufan sirnaan simatanii gaggeessuu qabu.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016
5 Comments to “Magaalota akka Finfinneefi Bishooftuutiif humna dinagdee dabalataa ta’aa kan jiru; kabaja ayyaana Irreechaa”
Comments are closed.