“Kabajni Ayyaana Irreechaa guyyaa garagaraa taasifamu guyyaa beekamaa tokkoon dabaalamuu qaba”  – Obbo Alamaayyoo Hayilee

Finfinnee: Irreecha yeroofi bakka garagaraatti kabajuun akkuma jirutti ta’ee guyyaa Irreechaa Oromoo sadarkaa addunyaatti beekamaa ta’e tokko murteessuun barbaachisaa ta’uu Giddugala Aadaa Oromootti Daarektarri Aadaafi Seenaa Obbo Alamaayyoo Hayilee ibsan.

Hayyuun kun Wiixata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf yaada kennaniin akka jedhanitti, Ayyaana Irreechaa ‘UNESCO’tti galmeessuufis ta’e tokkummaa sabichaa cimsuuf guyyaafi bakki Irreeffannaa beekamtii idiladdunyaa qabu tokko barbaachisaadha.

Ummatni Oromoofi kanneen qarqara Laga Abbayyaa jiraatan waggoota kumaatama hedduun dura booruu gannaa ba’anii booqa birraatti ce’uusaaniif uumaa galateeffachaa turuu yaadachiisanii; sirni galateeffannaa kun dhiibbaawwan garagaraarraa kan ka’e bifa bittinnaa’een waan tureef beekamtii argachuu dhabee turuu dubbataniiru. Waggoota 30 as Hora Harsadeetti ayyaannichi bakka tokkotti bifa ho’aadhaan kabajamuun hanga tokko beekamtii gonfachiisus ammayyuu aadaan bifa bittinnaa’een irreeffachuu akka hinfuramne eeranii, ammas akkuma bara durii sana sirni irreeffannaa Masqalli ba’ee guyyaa 3ffaa irraa eegalee bakka garagaraatti taasifamaa jiraachuu akka hanqinaatti kaasaniiru. Gumiin Abbootiin Gadaas asirratti of ilaaluu akka qabu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, hawwata turizimiif jecha Irreecha Hora Finfinnee, Hora Harsadee, Malkaa Ateeteefi kanneen biroo guyyoota garagaraa kabajuun maalummaa Irreechaa hinmiidhagsu. Irreechi irree waloo waan ta’eef gandatti gadbu’uun araddaa hundarratti irreeffachuun tokkummaa hincimsu. Kana jechuun garuu araddaa ofiirratti irreeffachuun rakkoo qaba jechuu akka hintaane hubatamuu qaba.

Ayyaanni Irreechaa faajjii eenyummaa Oromoo bira darbee faajjii tokkummaa ummattoota biyyattii ta’uus himanii, ayyaanni kun garaagarummaa aadaa, amantiifi sabummaa malee kan tokkummaan waliin kabajamu ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi Gumii Abbootii Gadaallee amantii hunda kana hammate ta’uu dubbataniiru. Guyyaan irreechaa guyyaa walarguu ummattoota biyyattiifi guyyaa turizimii ta’uu kan himan Obbo Alamaayyoon irreeffannaan dura namni of qulqulleessee garaa jaalalaafi tokkummaatiin dhiyaachuutu irraa eegama. Guyyichi guyyaa uumaa galateeffataniifi Abbootii Gadaa biraa eebba fudhatan waan ta’eef gochaafi ilaalchi siyaasaa madaallii kamiinuu hinkeessummeeffamu.

Bakka Irreeffannaa bakka kabajamaafi miidhagaa gochuuf hojiin hojjetamaa jiru daran nama boonsa jedhanii, gochaan waaqa tolfamaa waaqessuu fakkaatu kan duudhaa ganamaa irreechaa hinmadaalleefi ummata Oromoo tuffachiisuu bakka kabajamaa kanarraa fagaachuu akka qabus hubachiisaniiru.

Abbootiin Gadaa gamasaaniin guyyaan kabaja Ayyaana Irreechaa dhahaan kan murtaa’u malee ayyaana guyyaa dhaabbataan kabajamu akka hintaane ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016

Recommended For You

6 Comments to “ “Kabajni Ayyaana Irreechaa guyyaa garagaraa taasifamu guyyaa beekamaa tokkoon dabaalamuu qaba”  – Obbo Alamaayyoo Hayilee”

  1. Pingback: links
  2. Pingback: cardetaling
  3. Pingback: XG CASINO
  4. Pingback: treesap thc

Comments are closed.