Finfinnee: Kabaja Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadee irraa galii qarshii biliyoona 10 argachuun akka danda’amu Komishiniin Turizimii Oromiyaa beeksise.
Daarektarri Kominikeeshinii komishiinichaa Obbo Ifabaas Abdulwahaab ibsa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, kabaja ayyaana irreechaa magaalaa Finfinneefi Bishooftuutti har’aafi bor adeemsifamurratti namootni hanga miliyoona 10 ni hirmaatu jedhamee akka eegamuufi namoota biyya keessaafi alaa ayyaanicha kabajuuf gara magaalota lamaanitti imalan tajaajila nyaataa, dhugaatiifi kanneen biroof qarshii biliyoonni 10 baasii ni taasisu jedhamee eegama.
Komishinichi ayyaanicha sababeeffachuun turistootni biyya alaa gara biyyattii akka dhufaniif hojiin ayyaanicha beeksisuufi turistoota dhufaniif haala mijataa uumuuf qooda fudhattoota garagaraa kanneen akka Ministeera Dhimma Alaafi Daandii Qilleensa Itoophiyaa waliin qindoominaan hojjechaa akka tures ibsaniiru.
Irreechi ayyaana guddaa akka Afrikaatti namootni miliyoonotaan lakka’aman irratti argamaniidha kan jedhan Obbo Ifabaas, turistoota dhuunfaasaanitiin dhufan qofa osoo hintaane waamicha hirmaannaa Irreechaa biyyoota garagaraaf taasifameen turistootni hedduun biyya alaarraa ayyaanicharratti hirmaachuu akka danda’aniif haala mijawaan uumameera.
Kana malees, Torbee Irreechaa jedhanii moggasuun torbanicha keessatti ayyaanichi sagantaa garagaraatiin bakkeewwan hedduutti akka kabajamu taasisuun hojiiwwan hojjetamaa jiranis baay’inni turistoota ayyaanicharratti argamanii akka dabalu ni taasisa jedhaniiru.
Baatiin Fulbaanaa akka addunyaatitti baatii turizimii ta’uu eeranii, baaticha keessa kabajamuun ayyaanichaa mataasaatiin turistootni baay’een akka irratti argamaniif carraa gaarii ta’uu himaniiru.
Galiin taateewwan Ayyaana Irreechaatiin walqabatanii geggeeffamanirraa argamu olaanaadha
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016
4 Comments to “Kabaja Ayyaana Irreechaarraa galiin qarshii biliyoona 10 ni argama”
Comments are closed.