Finfinnee: Ayyaanni Irreechaa tokkummaafi obbolummaa biyyattii cimsuu bira darbee ayyaana Afrikaanotaa ta’uu hayyootni Marii Gumii Balal 34ffaa irratti hirmaatan himan. Ayyaanni Irreechaa uumaa galateeffachuurra darbee yaadarimee bal’aa qabaachuus ibsaniiru.
Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa maricharratti haasaa taasisanii, Irreechi ayyaana aadaafi amantaan osoo hin daangeffamin Oromoon bacaqii gannaa ba’ee booqaa birraatti ce’uusaaf tokkummaan uumaaf galata itti dhiyeessuusdha.
Akka ibsasaaniitti, Irreechi ayyaana araaraafi waliin nyaachuun ayyaaneffatan waan ta’eef tokkummaa hawaasa Oromoo cimsuurra darbee tokkummaafi obbolummaa saboota kaanii jabeessuuf shoora olaanaa qaba. Guyyaa irreeffannaa kan namaan waldhabe hundi araaramee gara malkaa waan deemuuf irreechi mala waldhabdee ittiin furaniifi egeree hariiroo hawaasaa ittiin cimsaniidha.
Hayyuun Yuunivarsitii Jimmaa Doktar Darajjee Fufaa barreeffama ka’umsa marichaa dhiyeessan keessatti, ayyaanni irreechaa ayyaana nagaa, gammachuu, araaraafi tokkummaa ta’uu ibsaniiru. Hiikaan irreechaa sirna galateeffannaa jechuun hayyootaa haga ammaatti itti kennameen olititti yaadarimee bal’aa kan qabuufi qorannoo bal’aa akka barbaadus ibsaniiru.
Hayyuun seenaafi Daarektarri Paarkii Tokkumma Doktar Taammiraat Hayilee gamasaaniin ayyaanni Irreechaa ayyaana namoota hunda malkaarraatti walitti fiduun obbolummaa cimsuudha jedhan. Daawwattoota biyyoota ollaarraa walittifiduun tokkummaafi obbolummaa cimsuun duudhaa Afirkaanotaati ittin boonan ta’uus eeran.
Bishaaniifi biqiloota (uumama) waliin hidhata waan qabuuf misooma dinagdee keessattis shoora olaanaa qabaachuu himanii; madaallii uumamaa (bishaaniifi biqilootaa) eegamuun irreechi madda nagaa ta’uu agarsiisa jedhaniiru.
Barataan digirii 3ffaa sirna Gadaa, bulchiinsaanfi hayyuun seeraa yunivarsitii Bulee Horaa Geetaachoo Taaddasaa gamasaaniin, ayyaanni irreechaa ayyaana Oromoon tokkummaan eenyummaafi jaalala obbolaa sabasaafi sabootaa ollaa waliin qabu itti ibsatuudha.
Akka ibsasaaniitti, Irreechi falaasama Oromoo madaallii uumamaa eeguu qabuufi gara fuulduraattis ittifufuudha. Oromoon gaafa irreeffatu uumaa (Waaqa), umama (munyuuqaa lafarraa, bishaaniifi biqiloota)fi ummata (anaafi si’i) walittifiduun qaamoleen sadan nagaan waliin qabaachuu agarsiisa jedhaniiru. Bineensi bosonaa, bosonaa ba’ee yoo nama nyaate namaafi uumama gidduu rakkoon akka jiru agarsiisa jechuun akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Akka falaasama Oromootti, Oromoon Waaqa waliin kakuu gale qaba.Oromoon tokko jiaachuuf jedhee bineensota bosonaafi biqiloota mancaasuu hin qabu. Yoo mancaase balaa hongee ykn lolaan yeroo miidhamu mul’istuu uumama waliin walitti bu’uu akka ta’etti hubata. Balaa walfakkaataa jalaa miliquuf guyyaa irreeffannaa ollaa, hiriyaa, biyyaafi uumamafi uumaa waliin araara kan buusun kanaaf akka ta’e ibsaniiru. Taateen kunnen irreechi mallattoo nageenyaa ta’uu agarsiisa jedhaniiru.
Ragaa haga ammaatti jiruun ayyaanni araaraafi tokkummaan guyyaa tokkotti namooti miliyoona shanii ol bakka tokkotti sassaabamuun ayyaaneffatamu irreecha qofaa ta’uu himanii; saba sablammootaafi daawwattoti (tourist) biyyoota ollaarraa irratti hirmaachuun duudhaa waloominaa sirna Gadaa babal’isuun ayyaana Afrikaanotaa ta’ee ‘UNESCO’tti akka galmaa’uuf hunduu gumaacha irraa eegamu ba’uu qaba jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016
5 Comments to “ Irreechi kan Itoophiyaanotaa qofa osoo hintaane kan Afrikaanotaati”
Comments are closed.