Irreecharratti yaada abbaa Gadaafi hayyuu seenaa

yyaana Irreechaa har’aafi boru Finfinneefi Bishooftuutti kabajamu sababeeffachuun haala kabajasaa duraafi ammaa akkasumas dhimmoota isaan walqabatan biroorratti Abbaa Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaafi hayyuu seenaafi Pirezidaantii Waldaa Maccaafi Tuulamaa Obbo Dirribii Damusee dubbisneerra.

Abbaa Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaa

Hunda dura ummata maraan baga Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadee kan bara 2016 nagaan isin gahe jechuun barbaada. Baga ganna gurraacha baatanii booqaa birraa geessan. Ayyaanichi kan jaalalaa, obbolummaafi tokkummaa, kan namni keenya waan hawwe itti argatu, kan karoorfate itti milkaa’u, irreecha milkaa’inaan kabajannee seenaan keenya addunyaatti itti beekamu akka ta’uun hawwa.

Irreechi Oromoodhaaf ayyaana guddaadha. Ayyaana duudhaafi safuu qeerroofi qarreen keenya, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, foolleefi ummanni Oromoo qoodinsa tokko malee, akkasumas, guyyaa saboonni sablammoonni biyyattii duudhaafi safuu keenya eeguun, marga jiidhaafi daraaraa qabatanii akka kabajaniif waamichan taasisa.

Bakki Irreessaa bakka qoodinsa amantiifi siyaasaa tokko malee bakka eenyummaa ofii gamtaadhaan itti agarsiisan waan ta’eef, duudhaa kana tiksinee Afrikaaf darbees addunyaaf gumaachuu kan dandeenyu, yoo duudhaafi safuusaa ganamaa eegnee irreeffanneedha. Irreechi duudhaa, safuu, abbaa eebbaa, abbaa kennaa, abbaa irreeffatu qaba.

Kanas sirriitti eeguun nagaan kabajachuu, duudhaa abbootiisaaniirraa dhaalanis dhalootatti dabarsuuf hundaa ol qeerroofi qarreen Oromoo naamusa barbaachisu eeguufi eegsisuun halkanii guyyaa hojjechuu qabu. Waan abbootiin Gadaa, Abbaan Malkaa, Hayyuun, jaarsoliifi hangafoonni jedhan eeguun duudhaa obbolummaa, jaalalaafi tokkummaa ayyaanichaa faayaafi uffannaa aadaatiin miidhagsanii kabajuu qabu.

Malkaa jechuun, hora jechuun qulqulluu jechuudha. Bakka itti dogoggora ofiifillee Waaqa dhiifama ittigaafataniidha. Bakka kanneen waldhaban itti araaramaniidha. Ummanni Oromoos oggaa gara malkaa dhufu duudhaafi safuu irreessaatiin tahuu qaba. Hunduu mana dhuunfaasaarraa ka’ee hanga irreeffatee deebi’ee galutti nagaan dhaqanii akka deebi’an, akkasumas kan ofiirra darbee nagaa waloosaanii akka eegan dhaama.

Irreessi yeroo ammaa kana eenyummaa Oromoo bira darbee madda qabeenya horachuu, madda turizimii, karaa eenyummaa ofii Afrikaatti agarsiisan, obbolummaa ittiin cimsan, tokkummaa itti ijaaran ta’eera. Yeroo ummanni miliyoonotaan lakkaa’amu otoo waa hinballeessiin akka nama tokkootti haalota addaddaan eenyummaasaa ibsachuun Waaqa kan ittigalateeffatuudha. Baay’inni nama kabajuus yeroodhaa gara yerootti dabalaa, miidhaginniifi hawwattummaansaa dabalaa, sabboontonni hedduun itti horatamaa kabajamaa jira.

Gaaffiin ummata Oromoo jaarraa tokkoofi walakkaaf tures deebi’ee Oromoon magaalaasaa guddittirratti ayyaana kana bifa ho’aa ta’een kabajachuun bu’aa qabsoo olaanaan dhufe waan ta’eef bakka olaanaa kan qabuudha. Biyya keenyarra darbee nageenya addunyaafillee bu’aa olaanaa buusaa jira.

Obbo Dirribii Damusee Bokkuu (Pirezidaantii Waldaa Maccaafi Tuulamaa) Kaayyoo Waldaan Maccaafi Tuulamaa bara 1956 dhaabateef keessaa inni ijoon tokkummaafi misooma Oromoorratti hojjechuu yoo ta’u, misooma keessaa ammoo tokko aadaadha. Haala kanaanis aadaan ummata Oromoo akka guddatuuf qooda olaanaa gumaachaa jira. Keessumaa hojiin Irreechaan walqabatee hojjetame akka salphaatti kan ilaalamu miti.

Ani akka dhuunfaatti Irreechiin jalqaba hirmaadhe bara 1984 yoo ta’u, ana dura garuu namoonni waldicha hundeessan yeroo lama dhaqanii irreeffataniiru.

Yeroo sana koreen aadaa waldichaa namoota ja’a qofa ta’anii dhaqanii irreeffatanii turan. Bara ittaanus namoota lama dabalachuun saddeet ta’anii irreeffatan. Bara ani dhaqemmoo namoota 14 taanee irreeffanne. Namoonni ayyaanicharratti hirmaatanillee Oromoon yoo aadaasaatti deebi’ee irreeffachuu jalqabe wareega wareeganii galanii turan. Wareega sanas daabboo tolchisiisnee fuunee deemnus namni nyaatullee dhibee daandiitti baasnee namootaaf kenninee galle.

Boodarra bara ittaanuuf huccuu xaaqaadhaan binnee dhaadannoowwan addaa kanneen akka “Waaqeffataa ta’uun of ta’uudha, Oromoo Oromtittii aadaakeetti deebi’i; Ilmaan Abbaa Gadaa Waaqeffataa ta’aa” jedhanfaa barreesisnee magaalaa Bishooftuu bakka addaddaatti hiine. Kanaanis poolisiidhaan qabamnee hidhamnee turre.

Jibbaafi arrabsoo hedduu keessummeessaa ayyaanichi eegalame. Kana keessatti qoodni Tuulamaa kan Galaan waan dagatamu miti. Isaantu nu caalaa itti arrabsamaafi tuffatamaa sirna kana qabatee nu biraan ga’e. Waaqeffachuufi irreeffachuun Oromoo hunda bira kan turus sirna bittaa tureefi amantiiwwan addaddaa babala’achuurraa kan ka’e sirni kun hanga tokko laafee ture. Kana keessatti garuu warri Tuulamaa obsaan keessa darbanii nu biraan ga’an. Bara 2001 keessallee akkamiin namni barate irreeffannaa deema jedhanii utuu nurkatti tuffatanii didnee itti deemuun suuta suuta akka baramu gooneerra.

Har’a garuu seenaa sun hundi darbee Irreechi kan Oromoo qofa osoo hintaane kan Afrikaanotaallee ta’ee kabajamaa jira. Sadarkaa ayyaana guddicha addunyaa ta’uu danda’urra jira.

Oromoon namni amantii kamuu hordofu dhufee yoo irreeffate natti tola. Akka Waaqeffannaattis yoo irreeffachuu dhiiste ni cubbamta wanti jedhu hinjiru. Ammas namni ayyaanicharratti hirmaachuufi galateeffachuu barbaadu kamuu walqoodiinsa tokko malee irratti hirmachuu danda’a.

Ayyaanni baranaas kan bara kamuu caalaa ho’eefi bareedee nagaadhaan akka xumuramuuf hunduu tumsuu qaba. Ayyaanichis sadarkaa addunyaatti beekamtii akka argatuuf keessumaa Oromoon yoomiyyuu caalaa tokkummaasaafi nageenyasaa eeggatee kabajuutu irra jiraata.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ Irreecharratti yaada abbaa Gadaafi hayyuu seenaa”

  1. Pingback: address
  2. Pingback: bệnh HIV

Comments are closed.