Gareen Atileetiiksii Itoophiyaa fiigicha daandiirraa Addunyaa Riigaatti taasifameen qabxii galmeessisaniif badhaafaman

Finfinnee: Fiigicha daandiirraa Addunyaa Riigaatti yeroo jalqanaaf taasifameen Jila Atileetiiksii Itoophiyaa sadarkaa lammaffaa argachuu xumureef sagantaan beekamtiifi badhaasaa taasifameera.

Jilli Atileetiksii Itoophiyaa dorgommii fiigicha daandiirraa addunyaarratti hirmaate ganama har’aa biyya wayita galu buufata Xiyyaaraa idiladdunyaa Booleetti simatameera.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa dorgommii kanaan Warqee lama, Meetii afuriifi Naasa tokkoon walumaa gala Meedaaliyaa torba argachuun dorgommicha sadarkaa lammaffaa argachuun xumureef Hoteela Iskaayi Laayititti beekamtiifi badhaasa kenneera.

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Gareen Atileetiiksii Itoophiyaa fiigicha daandiirraa Addunyaa Riigaatti taasifameen qabxii galmeessisaniif badhaafaman”

Comments are closed.