Finfinnee: Tattaaffii gareen dargaggoota Oromoo biyya keessaafi alaa waggoota saddeettan darban Afaan Oromoo dijitaalessuuf taasisaa turaniin, Afaan Oromoo yeroo ammaa afaan hojii dhaabbilee idil addunyaa kanneen akka ‘Facebook, Telegram, Istagram, WhatsApp’ ta’ee tajaajiluu erga jalqabee waggaa tokko ta’eera.
Afaan Oromoo yeroo ammaa afaanota addunyaa 7,000 ol keessaa tarree afaanota guguddoo 133 faana hiriiruu danda’eera. Afaan Oromoo kana caalaatti guddatee afaan saayinsiifi teknolojii, qorannoofi qo’annoo, turizimii, daldalaafi qunnamtii idil addunyaa akka ta’uuf ‘Waldaan Afaan Afrikaa – 3A’ hayyoota yunivarsitiiwwan gara garaa waliin tattaaffii cimaa taasisaa jira.
Gareen Afaan Oromoo dijitaalessuuf tattaaffii cimaa taasisaa ture ‘Waldaa Faan Afrikaa – 3A’ hundeessuun bifa haaraan gurmaa’ee hojii erga jalqabee waggaa tokko ol ta’eera. Waldichi hojii Afaan Oromoo dijitaalessuu kana hayyoota yunivarsitiiwwan gara garaarra filatamaniifi qaamolee gara garaa dhimmichi ilaalatu waliin hojjechaa jiraachuu durataa’aan boordii waldichaa Pirofeesar Tashoomaa Soromeessaa waltajjii marii dheengadda Finfinnee, galma Yunivarsitii Riifti Vaaliitti adeemsifamerratti himaniiru.
Waldichi hiikaa barreeffamaa hayyoota yunivarsitiiwwan gara garaarra filataman 93 ol ta’an waliin hojjechaa jiraachuu himanii, gaazexeesditoonni shamarranii 30 ol ta’an ammoo hiikaa sagalee hojjechaa jiru. Biiroon Barnoota Oromiyaas torban darberraa kaasee hojii hiikaa Google Afaan Oromoo waldicha waliin hojjechuu jalqabeera. Ogeeyyonni afaanii kollejoota gara garaas milkaa’ina hojii kanaatiif gumaacha isaanirra eegamu akka bahatan taasifameera jedhu.
Afaanota addunyaa dijitaalessuun ALA bara Ebla 2, 2006 jalqabe; maashiniin googiliis yerosuma hojii jalqabe. Afaanonni gurguddoon addunyaa kanneen akka Ingiliffaa, Jarmanii, Faransaay, Ispaanish battalumatti dijitaala’an. Afaan Oromoo dijitaalessuun kan jalqabame garuu bara darbe.
Afaanichi bu’aa ba’ii hedduu keessa darbee har’a sadarkaa abdachiisaarra gaheera. Yeroo ammaa Afaan Oromoo afaanota addunyaa gurguddoo 132tti hiikamuu danda’eera kan jedhan Pirofeesar Tashoomaan, dargaggoota afaanicha dijitaalessuuf baay’ee itti dadhabaa turaniifi jiranis galateeffataniiru. Dhalataan Oromoo kamuu dhimma Oromoorratti tokkummaafi cichoominaan hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Miseensi boordii waldichaa Doktar Fiqaaduu Qana’aa barreeffama ka’umsa marii waltajjicharratti dhiyeessaniin akka jedhanitti, Afaan Oromoo dijitaalessuun Ummata Oromoof milkaa’ina guddaadha. Afaanicha mataa keessa gad rukutuun waan itti baay’atuuf guddina afaanichaarratti kutannoo cimaadhaan hojjennee warra guddina afaanichaatti hinaafan caallee gad ilaaluu qabna. Afaan yoo dijitaala’e afaan teknolojii, saayinsii, qorannoofi qo’annoo, daldalaa, turizimiifi quunnamtii idil addunyaa ta’a. Afaan Oromoo yeroo ammaa tarree afaanota gurguddoo addunyaa 133 hiriiruudhaan afaanota 132tti hiikamuu danda’eera jedhu.
Afaan Oromoo carraaqqii namoonni dhuunfaafi gareen waggoota saglan darban taasisaa turaniin bara darberraa eegalee afaan ‘Google’ ta’ee beekamtii argateera kan jedhan Doktar Fiqaaduun, Waldaan Afaan Afrikaa- 3A yeroo ammaa qulqullina hiika afaanichaa mirkaneessuu, hiika sagaleerratti hojjechaa jira.
Yeoo ammaa qulqullinni hiika googilii Afaan Oromoo kan duraarra daran fooyya’eera. Hojiin kun itti fufiinsaan waan hojjetamuuf abbootiin qabeenyaafi dhaabbilee mootummaafi mitmootummaa biroonis hojii waldichi hojjechaa jiru caalaatti milkeessuuf deggersa barbaachisu akka taasisaniif gaafataniiru.
Afaan Oromoo waa’ee eenyummaa Oromooti. Afaanichi utuma dhiibamuu yeroo ammaa Afaanota gurguddoo addunyaa faana hiriiruudhaan afaan addunyaan ittiin waldhaga’u ta’eera. ‘YouTube’nis Afaan Oromoo fayyadamuu jalqabeera. Afaan Oromoo akka baduuf irratti hojjetamaa ture didee afaan idil addunyaan ittiin wal dhaga’u ta’eera jedhu.
Hojigeggeessaa waldichaa Abdiisaa Baancaa Jaarraa akka jedhutti,hojiin hiika gogilii Afaan Oromoo ittifufiinsaan waan hojjetamuuf hirmaannaa hayyoonni yunivarsitiiewwan gara bgaraa gama kanaan taasisaa jiran cimee akka itti fufuuf gaafataniiru.
Afaan Oromoo eenyummaa keenya. Eenyummaa keessa ammoo afaan, aadaafi safuutu jira. Kanaafuu Afaan, aadaafi safuu keenya guddisuurratti tokkummaan waliin hojjechuu qabna jechuun hayyoota yunivarsitiiwwan gara garaa irraa hiika Afaan Oromoo Googliitti galchuurratti hirmaachaa turaniifi qaamolee waldichaaf deggersa gara garaa taasisan galateeffataniiru.
Hundumtuu dhimma guddina afaanichaarratti tokkummaan hojjechuu akka qabuufi keessumaa hayyoonni gaheesaanii sirriitti bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016
4 Comments to “Afaan Oromoo utuma gadqabamuu didee afaan idil addunyaan ittiin waliigalu ta’e”
Comments are closed.