Waldaan Tekuwaandoo Gilobaalii Finfinnee hundeeffame

Finfinnee: Yaa’ii hundeeffama Waldaa Tekuwaandoo Gilobaalii Finfinnee tibbana adeemsifamerratti pirezidaantii waldichaa dabalatee raawwachiistonni hojii torba muudamaniiru.

Waldichi bara bajataa 2016tti abbootii murtiifi leenjistootaaf leenjii kennuuf, kilaboonni akka hundaa’aniif, ispoortessitoota bakka bu’aniifi dargaggoota guddatoo horachuuf, baay’ina kilabootaa dabaluufi sadarkaa magaalaatti dorgommiiwwan adeemsisuurratti akkasumas waldicha gara federeeshiniitti guddisuuf xiyyeeffatee kan hojjetu ta’uu ittigaafatamaan waajjira waldichaa Obbo Saahilamikaa’el Birruu eeraniiru.

Waldaan Tekuwaandoo Giloobaalii kutaalee magaalotaa hundatti babal’isuufi hundeessuufis kan hojjetamu ta’uu ibsanii, raawwachiistonni hojii ittigaafatamummaa kennameef sirnaan akka bahataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Waldichi bu’aa ba’ii baay’ee booda hundaa’uu kan eeran ammoo pirezidaantii waldichaa Saaboom Mahaammad Makiiti. Isaanis, ispoorticha guddisuuf akkasumas dargaggoota qaamaanis ta’e naamusaan qaruu xiyyeeffannoosaa ijoo taasifachuu ibsaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Waldaan Tekuwaandoo Gilobaalii Finfinnee hundeeffame”

  1. Pingback: Dan Helmer

Comments are closed.