“Shaampiyoonichaan bu’aa fooyya’aa fiduuf qophoofneerra” – Atileetota

Finfinnee: Fiigicha dirreerraa shaampiyoonaa addunyaa Laativiyaa, Riigaatti adeemsifamurratti bu’aa fooyya’aa argamsiisuuf qophii ta’uu atileetonni Itoophiyaa shaampiyoonicharratti hirmaachuuf jedhan ibsan. Kanaafis qophii ga’aa fiduu isaan dandeessisu taasisuu dubbataniiru.

Garee atileetiksii Itoophiyaa shaampiyoonii boru adeemsifamurratti hirmaatuuf dheengadda geggeessaan taasifameera.

Saganticharratti Ministirri De’eetaan Ministeera Aadaafii Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnat Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komishinara Gargaartuu Daraartuu Tulluu, koreen raawwachiistuu hojii federeeshinichaafi keessummoonni biroo waamichi taasifameef argamaniiru.

Atileetonni dorgommichaan bu’aa fooyya’aa argachuufi alaabaa Itoophiyaa olkaasanii tallisiisuuf cichanii morkachuu akka irraa eegamu minister de’eetichi hubachiisaniiru.

Komishinarri Gargaartuun Daraartuu Tulluus, atileetonni haala qilleensaafi dhiibbaawwan biroo dandamatanii dorgommichaan bu’aa fooyya’aa galmeessuuf hojjechuu qabu jetteetti. Federeeshinichis atileetotaaf hordoffiifi deggarsa kan taasisuuf ta’uu mirkaneessiteetti.

Maaraatoonni walakkaa dubartootaarratti kan hirmaattu Tsiggee Gabrasalaamaa, atileetonni haala qilleensaa ho’aa bakka dorgommiin ittiadeemsifamuun walgitutti shaakalaa turuu eerteetti. Dorgommichaan bu’aa fooyya’aa fiduuf qophii ta’uushiis ibsiteetti.

Maaraatoonii walakkaa dhiirotaarratti kan hirmaatu Atileet Jamaal Yimaar gamasaatiin, yeroon atileetonni itti walittiqabamaniifi qophii gabaabaa ta’us haala qilleensaa dandamachuun hojii gareetiin bu’aa gaarii galmeessisuuf qophaa’uu ibseera.

Leenjisaan atileetiksii maaraatoonii walakkaa Geetaamasaay Mollaas, atileetonni torban sadiif qophaa’uusaaniifi iddoowwan haala qilleensaa ho’aa qabanitti shaakalaa turuus eeruusaa TOIn gabaaseera.

Shaampiyoonaan fiigicha dirreerraa addunyaa inni jalqabaa boru, Fulbaana 20 bara 2016 Laativiyaa, Riigaatti kan adeemsifamu yoo tau, atileetonnii 347 biyyoota 57 irraa babahan ni hirmaatu.

Maayiliin tokko, kiiloo meetirri shaniifi maaraatoonii walakkaan fageenya dorgommii korniyaawwan lamaaniinuu ittiin adeemsifamu yoo ta’u, Itoophiyaan shaampiyoonicharratti dubartoota torbaafi dhiirota jahaan hirmaatti.

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ “Shaampiyoonichaan bu’aa fooyya’aa fiduuf qophoofneerra” – Atileetota”

  1. Pingback: hihuay

Comments are closed.