Rakkoo qaala’iinsa gatii furuuf mootummaan gabaa to’achuu qaba

Finfinnee: Rakkoo qaala’iinsa gatii furuuf mootummaan gabaa to’achuu akka qabu Yunivarsiitii Siviil Sarvisii Itoophiyaatti hayyuun dinagdee Caalchisaa Amantee (PhD) ibsan.

Doktar Caalchisaan yaada Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaatti qaala’iinsa gatiif sababootni hedduun jiraatanis mootummaan qixa sirriin gabaa hogganuurratti hanqinni jiraachuun sababa ijoodha.

Biyyattiitti irra jireessaan sochiin gabaa faddaalotaafi harka namoota dhuunfaatti kufeera kan jedhan hayyichi qaamotni gabaa harkatti galfatan kunniin gatii gabaa akka isaaniif ta’utti murteessaa jiraachuu himaniiru.

Qaamotni kunniin dhiibbaa siyaasaa uumuufis ta’e bu’aa hinmalleef argachuuf yeroo barbaadanitti akka barbaadanitti mi’ootarratti gatii dabalaa jiraachuu eeranii; omishaafi omishtummaan dabalaa jiraatus, sababoota adda addaatiin omishni gabaarratti argamu fedhii shammattootaa wajjin walmadaaluu dhabuunis qaala’iinsa gatiif sababa ta’uu dubbataniiru.

Akka isaan jedhanitti, rakkoon nageenyaa iddoowwan tokko tokkotti mul’atu qaamni omishu tasgabbaa’ee akka hinomishne gochuun, galteewwan qonnaa hanga barbaadamu qonnaan bultoota bira akka hingeenye gochuufi omishni omishame gabaaf akka hindhiyaanne taasisuun rakkinichi akka uumamu taasisaniiru.

Sababa jijjiirama qilleensaatiin hawaasni baroota keessatti omishtummaadhaan beekamu filannoo biraa waan hinqabneef harkasaa deeggarsaaf diriirsuun omisha iddoo biraatti hirkataa ta’ee akka jiraatu taasisuus himaniiru.

Qarshiin baay’inaan gara gabaatti gadilakkifamuunis sababoota qaala’iinsi gatii akka uumamu taasisan keessaa isa tokko kan jedhan Doktar Caalchisaan; keessattuu qarshiin karaa gabaa gurraachaatiin gabaa keessa socho’u gabaa biyyattiirratti dhiibbaa guddaa uumaa jiraachuu eeraniiru.

Qaala’iinsa gatii hir’isuuf labsii maallaqaa fooyyessuuf wixineen labsii dhiyeenya kana Baankii Biyyaalessaatiin bahe daran kan gargaaruudha kan jedhan Doktar Caalchisaan; labsicha raggaasisuun qixa sirriin hojiitti hiikuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Rakkoo qaala’iinsa gatii furuuf mootummaan gabaa to’achuu qaba”

Comments are closed.