Finfinnee: Oromiyaatti qophiin qamadii bonaa bara 2016 lafa hektaara miliyoona lamaafi kuma 600 eegalamuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise. Bara 2015tti lafa hektaara miliyoona tokkoofi kuma 100 sanyiidhaan uwwisuun akka danda’ames ibsameera.
Biirichatti Qindeessaan Inisheetiivii Qamadii Bonaa Obbo Xahaa Muummee Dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, qophiin lafa qonnaa qamadii bonaa bara 2016 eegalameera. Godinaalee garii keessatti qophiin lafaa xumuramee hojiin facaasuu eegalameera.
Akka ibsasaaniitti, qophii raawwii baranaa osoo hineegalin qabeenya bishaaniifi lafaa naannichaa keessatti waliigalaan argamu koreen hundeeffamee hojii adda baasuu bal’aan hojjetamaa tureera.
Erga qabeenyi bishaaniifi lafti jal’isiif oolu adda ba’ee booda tibba gannaatti hojii bishaan sassaabuu, daandiiwwan bishaan itti jal’ifaman qulqulleessu, suphiinsa ujummoo bishaanii, marii karooraafi sochii dhiyeessii bishaan jallisii godinaaleefi aanaalee maratti gaggeeffamuu ibsaniiru.
Hojii bara kanaa milkeessuuf dhiyeessii guddistuu callaa fi sanyii filatamaa ganna darbeerraa yuuniyeenotaafi dhaabbilee garaagaraa biratti hafee jiru adda baasuurratti hojii bal’aan hojjettamee jira jedhanii; dabalataanis sanyii filatamaan omishamee oyiruurra jiru hanga ga’utti kan hafe kuntaala kuma 157 adda baasuun dhiyaachaa jiraachuu himaniiru. Guddistuun callaa haaluma walfakkaatuun hangi jiru akka raabsamu taasifamaa jiras jedhan.
Haaluma kanaan godinaalee 16 keessatti qophii lafaa eegalameen hanga oduun kun qindaa’etti lafti heektaara kuma 310 ol ta’u qophaa’eera. Godinaalee gammoojjummaa qaban sagal keessatti lafa hektaara kuma 50 ol ta’urratti sanyiin faca’eera. Rakkoo hanqina roobaa jiru furuuf lafa midhaan irraa sassaabamee jiidha qabu qotuun sanyii qamadiin uwwisuuf hojiin fufiinsa qabu hojjetamaa jira,
Karooraa ol raawwachuu, qindoomina cimaa, kutannoo qonnaan bulaa, hojjettoota misoomaa, hooggansaafi sirna hordoffiifi to’annoon cimina bara 2015 ta’uu himanii; poteenshaala jallisii jiruun raawwiin godinaaleefi aanaalee walfakkaachuu dhabuu, ittifayyadama bishaanii, to’annoofi ittisa ilbiisotaarratti qaawwa jiru akka hanqinaatti kaasaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016
5 Comments to “ Oromiyaatti qophiin qamadii bonaa lafa hektaara miliyoona lamaa ol eegalame”
Comments are closed.