Keeniyaa, Ugaandaafi Taanzaaiyaan waancaa Afrikaa wajjummaan qopheessu

Keeniyaa, Ugaandaafi Taanzaaniyaan Waancaa Afrikaa ALA bara 2027 wajjummaan akka qopheessaniif Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaatiin filataman.

Murtichi biyyoonni sadan dorgommicha wajjummaadhaan akka keessummeessaniif bu’uuraalee misoomaafi hoteelota qophichaaf barbaachisan qabaachuunsaanii ilaalamee kan darbe ta’uu konfedereeshinichi beeksiseera.

Erga Itoophiyaan ALA bara 1976 waancicha qopheessitee as biyyoonni Afrikaa bahaafi jiddugaleessaa shaampiyoonaa ardittii qopheessuuf otoo carraa hinargatiin turanii reefu yeroo jalqabaatiif haala kanaan argachuunsaanii ibsameera.

Waancaan Afrikaa ,Afrikaa Bahaatti akka qophaa’uuf carraa kennuun qabeenya turizimii naannawichaafi dinagdee dadammaqsuuf kan gargaaru ta’uu Pirezidaantiin Ugaandaa, Yuweerii Museveeniin dubbataniiru.

 Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Keeniyaa, Ugaandaafi Taanzaaiyaan waancaa Afrikaa wajjummaan qopheessu”

  1. Pingback: ai ดูดวง
  2. Pingback: Dan Helmer

Comments are closed.