Finfinnee: Marata Finfinnee kan taate magaalaan Shaggar sochii hawwataa taasisaa turteetti ammas taasisaa jirti. Hulaa hundaanuu Shaggar dubbisuun Hora Finfinneetti shubbisuu. Shaggar akka warra cidhaa Waan guute, waan hir’ate, waan hawwatuufi waan fokkatu sirreessuuf ifaajaashee finiinsaa jirti.
Ayyaanota Moolidaa, Masqalaafi Irreechaa tokkummaafi jaalalaan akka kabajamaniif Shaggar qofaa osoo hintaane Finfinnee waliin bakkeewwan kabaja ayyaanota kanneenii qulqulleessuu, koreewwan garaagaraa qindeessuufi ofiisaanii miidhagsuu erga eegaltee bubbulteetti.
Qophiilee kanneen ilaalchisuun Hogganaan Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Shaggar Obbo Naasir Huseen Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka himanitti, hundeeffamni magaalaa Shaggar akkuma ayyaana Irreechaa calaqqee Oromoofi Oromummaa ta’uu bira tartee magaalaa tokkummaafi obbolummaan keessa jiraatamaa jirtuudha. Haaluma kanaan ayyaanonni Moolidaafi Masqalaa haala duudhaasaanii eegggataniin kabajamanii kan darban yoo ta’u, Irreechas haala tokkummaafi obbolummaa ibsuun kabajuuf qophiin duraa roga maraan taasifamaati kan jiru.
Ayyaana Irreechaa kabajuun keessummoota godinaalee garagaraa, biyya keessaafi alaa dhufan simachuuf Shaggar ollaashee Finfinnee waliin harka walqabattee hojjechaa jirti jedhanii; seensaafi baha magaalaa Shaggar hundatti waan qabduun keessummoota simachuuf dhiyeessiin nyaataafi bishaan dhugaatii ni taasifamas jedhaniiru. Kan nyaataafi bishaan dhugaatii taasisus kara deemaa osoo hin taane qaama beekamu akka ta’es dubbataniiru.
Keessattuu kabajni ayyaana Irreechaa maalummaa saba Oromoo beeksisuun ala nyaataafi uffannaa aadaa Oromoo biyya keessaafi biyya alaatti beeksisuu keessatti shoorrisaa olaanaadha.
Kabaja ayyaanichaatiif keessummootni keessaafi alaa dursanii dhufan kan boqotan hunda caalaa magaalaa Shaggar waan ta’eef akka carraa addaatti itti fayyadamuuf abbootii qabeenyaaf hubannoon kennameera.
Kabajni Irreecha Hora Finfinnees ta’e sana booda keessummoota Hora Harsadeef Bishooftuutti imalan nageenyasaanii karaa guutuu ta’een eeguuf Milishaa, Gaachana sirnaafi Foollee dabalatee qaamotni nageenyaa sadarkaan jiran qophii xumuruu eeranii; hirmaannaa hawaasa bal’aaf hojiin hubannoo uumuu hojjetamuu beeksisaniiru. Gama kanaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin qindoominaan kan hojjetamu akka ta’es yaadachiisaniiru.
Gama biroon garaagarummaa amantaafi Irreechaa jechuunis amantaan kan dhuunfaa, aadaan ibsituu eenyummaa ta’uusaarratti abbootii amantaa waliin marii bal’aan taasifame bu’a qabeessa ta’uu eeranii; gama biroon ammoo ayyaanonni aadaafi amantaa sadarkaa addunyaatti galmaa’an maqaa biyyaan waan galmaa’aniif Irreechis kanumaaf deema waan ta’eef duudhaa waloo ta’uun hubatamuu qaba jedhaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016
One Comment to “ Kabaja ayyaanotaatiif haala qophii Magaalaa Shaggar”
Comments are closed.