Irreechas akkuma Masqalaafi Mawulidaa

Ayyaanonni waggaa maranii dhufan miira ittiin yaadatamaniiifi kabajaman qabu. Waqtiilee itti kabajamanittis hawaasa keenyaaf hiikaafi ergaa dhaamuu qaban dabarsuun achii-dhuftee ganamaa lallaba buleeyyiitiin uammataaf galaa gumaachu.

Waqtiin Ayyaana Masqalaa Dachee rooba gannaan dhoqqoofte qoorsee, biiftuu hurriidhaan haguugamtes saaqee riqicha ta’ee Gannarraa Birraatti kan ceesisu ayyaana kabajamaadha. Ayyaanni Masqalaa ummata Oromoo biratti jaalalaafi tokkummaan kan kabajamu, kan arjoomuu malee waakkiin keessa hinjirre ayyaana quufaafi sugaati. Kanaaf Masqalli Mootii Ayyaanaa jedhamee ummata Oromoo biratti miira addaatiin kabajama.

Kabajamtoota ummata Oromoofi lammiileen Itoophiyaa hundi baga bacaqii Gannaa hoofkaltanii Booqaa Biirraa Ayyaana Masqalaa tibba horiifi namni, waatiifi daa’imni akkasumas kan fagoofi dhiyoo gammachuun guutamee, hawaasummaan haaromee waloomasaa ittileellisuufi gammachuusaa ittiin ibsatu nagaan geessan.

Ummata Oromoo biratti booqaan Birraa taatee waljijjiirraa yeroon dhufu qofa osoo hintaane, sochiin hawaasummaafi dinagdee sababa rooba cimaatiin gargar fagaatee ture deebi’ee jabaachuun dhala namaa imala haarawaaf qopheessa. Hawaasummaa ganni gargar fageesse deebi’ee haaroma, Qeerroofi Qarreenis Goobeefi Shinooyee taphachuun qe’ee tokkoo gara birootti imalanii misiraachoo simannaa Ayyaana Masqalaatti labsu.

Kana malees, Masqalli ayyaana tibba sanyiin Ganna facaafame asheetee ollaafi firri walitti dhufanii waliin sooratan, loon kaloorraa dheedanii wayita quufan kabajamu waan ta’eef simboo addaa kenna. Kanaaf Oromoon Masqalli quufa jedha.

Hordoftoota Amantii Kiristaanaa birattis Masqalli ayyaana yaadannoo fannoo Yesuus Kiristoos ta’ee kabajama. Hordoftoonni amantichaa jaalala dhugaa Waaqayyo dhala namaatiif qabu guyyaa itti dinqisiifataniifi galateeffataniidha. Yesuus Kiristoos jaalala dhala namaatiif jecha sababa dhiifamuu cubbuutiif tokkicha ilmasaa gara biyya lafaatti erguun wareeguusaa yaadachuun araaraafi dhiifama guyyaa itti lallabaniidha. Kanaafis, hordoftoota amantii Kiristaanaa biratti Ayyaanni Masqalaa guyyaa yaadannoofi mallattoo jaalalaa, araaraafi dhiifamaa ta’uutu barsiifama.

Ummata biyya keenyaa hunda biratti Masqalli akka mallattoo ce’umsaatti ilaalama. Sababnisaas Masqalli wayita Gannarraa gara Birraatti darbamu waan ta’eef rakkoofi gadadoorraa gara quufaatti waan ce’aniif, Oromoon kan darbeef Waaqa galateeffachuun kan dhufuuf immoo kadhachuun kabajata.

Kabajaafi ulfina Ayyaana Masqalaatiif qabus yeroo ibsu Galgalliifi Masqalli waakkii hinqabu jechuun duudhaa arjummaa sirna ummata Oromoo keessa jiruun maaddii waliin qooddachuufi ayyaanicha gamtaan waliin kabajata.

Kabajamtoota ummata Oromoo, saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa duudhaa waloomaa waggootaaf kuufanneen tokkummaa keenya jabeessinee humna nu diiguu barbaadu gamtaan dura dhaabannee bara 2015 keessa qormaataawwan hedduu turan carraatti jijjiirree milkoofneerra.

Ummanni keenya gamtaasaa cimsatee qormaatilee waan injifataman hinfakkaanne hunda injifatee, hanqina jiru sirreesseefi cimina qabnus itichuun hojiin hojjechaa dhufne humna guddaa imala keenya milkeessee badhaadhinaan nu ga’u ta’uu gocha qabatamaa keessatti agarreerra.

Keessumaa wayita hongeen cimee rakkoo hamaaf ummata keenya saaxile ummanni Kaabaa Kibbatti, Bahaa Lixatti harka arjummaasaa walii diriirsee Buusaa Gonofaan walhirphee qormaaticha karaa ajaa’ibaatiin akka damdamannu nu taasiseera. Kana malees, hongee jijjiirama qilleensaan dhufu hundeen qolachuu kan nu dandeessisan pirojektota Finnaa bajata xiqqaa qabnuufi humna waloo keenya fayyadamnee fala waaraa rakkoolee akkasii ittiin furrus nu gonfachiiseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa duudhaafi safuu Oromoo ulfoofi ulfinasaa ganamaatti deebisuun Oromiyaa ijaaree Itoophiyaas utubuuf imala waloomaa jabeessuu, misooma ittifufiinsa qabu mirkaneessuufi nagenya waaressuuf eegale daandii ummatichaa qajeelchee injifannoon ummatichaas akka ittifufu taasiseera.

Aadaafi duudhaan keenya akkasumas seenaan gootummaa keenyaa misoomaafi guddina dinagdeenis akka dabalamuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa harqoota hiyyummaa caccabsuun dinagdee damdaneessaa mirkaneessuuf bara 2016tti karoora xiiqii qopheessee hojiitti hiikuu eegaleera.

Karoorri xiiqii baranaa aadaa hojii keenya bu’uuraan jijjiiruun ariitiifi baay’inaan omishnee kalaqaan dabaaluun akka manii guddaatti kan qophaa’e karoora ummataati.

Kana malees humni waloo keenya tajaajila lammummaa, Buusaa Gonofaa, Gaachanni Sirnaafi Manni Murtii Aadaa karoora keenya cimsee riqicha amasiisaa boruu keenya ittiin ijaarru ta’ee kan nu gargaaru ta’uun xiyyeeffannoon kennameefiira.

Manii qabame milkeessuufis Oromoon walhubatee gurmaa’ee waliin dhaabbatee qormaata isa mudatu hunda waloon qolachuufi nageenyasaa tikfachaa injifannoosaas bulfachuun egereesaa bu’uura jabaarratti cimsee akka ijaarratu waamichan dhiyeessa.

Ummanni wayita ayyaana kana kabaju gootota ilmaan sabaafi sablammootaa kaayyoo finxaaleyyii dura dhaabachuun kabaajaafi ulfina naannoofi biyyaa tiksan yaadachuufi kabaja kennuu, maatiisaanii deeggaruun haalaan barbaachisaadha. Kan rakkate gargaaruu, kan dheebote dheebuu baasuufi kan daares uffisuun walbira dhaabachuu qabna.

Waqtichi waqtii manneen barnootaa saaqamaniifi barattoonnis barnootaatti deebi’an waan ta’eef tajaajila lammummaa keenya cimsinee misooma waloo keenya akka milkeessinu waamicha dhiyeessuun barbaada. Ayyaanichi kan gammachuu, jaalalaafi tokkummaan keenya daran cimee sabdaneessummaan itti dagaagee biyya cimtuu hundaaf mijattuu taate itti ijaarru nuuf haa ta’u jechaa, ayyaanichi kan nagaa, jaalalaafi milkaa’inaa, akka nuu ta’un hawwa jedha ergaan Pirezidaantiin BMNO Obbo Shamallis Abdiisaa ayyaana Masqalaa dheengadda kabajame ilaalchisuun dabarsan.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadis, “Akka Utubaa Damaraa gidduu keenya ta’uun hawaasa siyaasaafi dinagdee tokko taasisuun kan nu ijaaru sirna Federaalaati, Tokkummaa sabdaneessaati, Itoophiyummaa keenya. Itoophiyummaafi tokkummaa sabdaneessummaa ida’uun biyya jabduu, guddoofi cimtuu ijaaruu nidandeenya ” jechuun ibsan.

Egaa ayyaanni Irreechaa ummanni Oromoo sabootaafi sablammiilee biyyattii akkasumas turistoota alaa dhufan wajjin sirna ho’aadhaan Fulbaana 26fi 27 bara 2016 Finfinneefi Bishooftuutti kabajuuf qophiitti jira. Ayyaana Irreechaa asxaa tokkumma, wajjummaafi obbolummaa ta’e kana akkuma Mawuliidaafi Masqalaa miira tokkummaa, jaalalaafi wajjummaatiin haa kabajnuun dhaamsa keenya.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You

9 Comments to “ Irreechas akkuma Masqalaafi Mawulidaa”

  1. Pingback: go to this site
  2. Pingback: official website
  3. Pingback: look at here
  4. Pingback: adswar
  5. Pingback: massage in room
  6. Pingback: lift-2s

Comments are closed.