Hojii eegaluun tarbaayinoota shanan hidha Laga Abbayyaa dinagdee gaanfaa Afrikaaf murteessaadha

Finfinnee: Tarbaayinootni shanan hidhaa Laga Abbayyaa bara kana hojii eegalchiisuuf karoorfaman guddina dinagdee waloo gaanfa Afrikaa dhugoomsuuf murteessoo ta’uu hayyuun dinagdee Yunivarsitii Hawaasaa Pirofeesar Biraanuu Burjii ibsan.

Pirofeesar Biraanuun Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, tarbaayinooti hidha Abbayyaa shanan barana hojii eegalan guddina dinagdee Itoophiyaa dhugoomsuurra darbee guddina dinagdee waloo gaanfa Afrikaa dhugoomsuufuu shoora olaanaa qabu. Guddina dinagdee waliin hordofee bu’aan argamu nagaafi tasgabbii gaanfa Afrikaafis barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan biyyoota gammoojjii Shahaaraa gadii dhiyeessiin anniisaa elektirikii isaanii gadaanaa ta’an keessaa ishee tokko ta’uu eeranii; ta’us tarbaayinootni hidha Abbayyaa ijaaramaa jiruu gaafa hojii eegalu Itoophiyaa keessatti addaan cituu anniisaa hambisuun uwwisni anniisaa elektirikii biyyattii daran akka dabalu taasisa jedhaniiru.

Omisha anniisaa elektirikii biyya keessaarraa qoodamee biyyoota ollaatti erguun hanqina sharafa alaatiif furmaata akka ta’u himanii; sharafa alaa argamuun guddina dinagdee ni si’eessa jedhan. Galii argamuun meeshaalee ijaarsaa, geejjibaa, daawwaafi barnootaa, guddistuu callaa qonnaaf barbaachisan bituun omishaafi omishtummaa dabaluun guddina dinagdee akka dhugoomsu ibsaniiru.

Warshaaleenis dabareedhaan hojjechuun hafee osoo addaan hincitin hojii misoomaa akka finiinsan taasisuun carraa hojii dhabdummaa jiruuf fala ta’a jedhaniiru.

Biyyootni ollaa Itoophiyaa anniisaa elektirikii Itoophiyaarraa argataniin uwwisa anniisaa elektirikaasaanii akka dabalu taasisa. Hidhichi Itoophiyaafi biyyoota ollaa isheetti bu’aa dinagdee mirkaneessuurra darbee balaa lolaan dhaqqabu hir’isuun guddina dinagdee waliinii cimsuuf shoora olaanaa akka qabus dubbataniiru.

Biyyeen gaarreen Itoophiyaarraa lolaan dhiqamee gara biyyoota yaa’a gara gadii Sudaaniifi Gibxitti yaa’u qonna jallisii jirbii, shonkooraafi kuduraafi muduraa bitaafi mirga lagichaa jiru mancaasaa turuus yaadachiisaniiru.

Hidhi Aswaaniifi Seenaar timaan akka guutamu taasisuun anniisaa elektirikaa maddisiisuurratti dhiibbaa dhaqqabaa turuufi rakkoo kana maqsuuf baasii guddaa baasaa turuu eeranii; hidhichi ijaaramee gaafa tarbaayinootisaa guutummaatti hojii eegalan rakkooleen akkasii akka hafan himaniiru.

Hoggansa qabeenya bishaanii hidhichaarratti gaggeeffamuun baatiilee bishaan baay’atu akka hinmiidhamne, baatiilee bishaan yaratu bishaan ga’aa akka argatan taasisuun guddina dinagdee Itoophiyaafi biyyoota ollaa ni mirkaneessa jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Hojii eegaluun tarbaayinoota shanan hidha Laga Abbayyaa dinagdee gaanfaa Afrikaaf murteessaadha”

Comments are closed.