Ayyaanni Moolidaafi Masqalaa bifa duudhaasaa eeggateen kabajame

Finfinnee: Kabaji ayyaana Moolidaafi Masqalaa duudhaa jaalala, nagaafi araaraa qabatee kabajamuu abbootiin amantaa beeksisan. Ayyaanni Moolidaa waggaa kuma tokkoofi 498ffaafi ayyaanni Masqalaa Roobiifi Kamisa darbe sirna ho’aan kabajamaniiru.

Paatiraarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa karaa bakka bu’aasaanii Abuna Abrahaam ergaa baga geessanii dabarsaniin akka jedhanitti, ayyaanni Masqalaa ayyaana nagaa, jaalalliifi tokkummaan ittilallabamu ta’uu ibsaniiru. Duukabuutotni mana amantichaa waljaalachuun miira dhiifamaafi araaraan ayyaanicha kabajuu qabu jedhaniiru.

Pirezidaantii ittaanaan mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Abdulkariim Badraddiin kabaja ayyaana Moolidaa waggaa kuma tokkoofi 498ffaa ilaalchisuu hasawaa taasisaniin, lammiileen tokkummaafi nagaa biyyaaf hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Ergaasaanii keessattis nagaan yoo jiraate biyyi jiraatti jedhaniiru. Masjiida guddicha Anuwaar Finfinneetti ayyaanichi kabajameera.

Barreessaa olaanaan gumii abbootii amantaa Itoophiyaa liiqa tiguhaan luba Taagaayi Taaddalaa akka jedhanitti, Itoophiyaanotni duudhaa nama jaalachuufi kabajuu boonsaa ta’e qabu. Nabiyyuu Mahaammad duuka buutotasaanii gara Itoophiyaatti yeroo ergan duudhaa nama jaalachuufi kabajuu Itoophiyaanotaa waan beekaniif jedhaniiru. Kanaaf duudhaan nama jaalachuu cimee ittifufuu qaba jedhaniiru.

Ministirri ministeera aadaafi ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa ergaa isaanii keessatti ayyaanotni yeroo kabajaman jaalalli, nageenyiifi tokkummaan lallabamuu qabu jedhaniiru.

Gammachuu Kadirii/Taammiruu Raggaasaan

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Ayyaanni Moolidaafi Masqalaa bifa duudhaasaa eeggateen kabajame”

  1. Pingback: sagame

Comments are closed.