Torban Turizimii Oromiyaa taateewwan adda addaatiin dabaalamuun, haala ho’inaafi miidhagina addaa qabuun Fulbaana 13 hanga 15 bara 2016tti Finfinnee, Hoteela Iskaayilaayititti adeemsifameera.
Cufiinsa sagantichaarratti sirna filannaa Miis Turizimii Oromiyaa bara 2016 haala daran hawwisiisaafi miidhagina addaa qabuun adeemsifameera. Waltajjicharratti shamarran mimmiidhagoo Oromiyaa 15 dorgommiif dhiyaatan keessaa Maahidar Fiqaaduu tokkoffaa bahuun mo’atteetti. Isheenis haala ittaanuun waltajjicharratti of ibsite.
“Maqaan koo Maahidar Fiqaaduu jedhama. Kanin dhaladhe Godina Arsii, Magaalaa Boqojjiitti. Digrii jalqabaa Yunivarsitii Walqixxeerraa arkiteekchariidhaan argadheera. Yeroo ammaa ammoo Miis Turizim Oromiyaa bara 2023 dorgomuufin asitti argamee galatoomaa.
“Akkuma na argitan kana uffanni aadaa ittiin faayamee isin fuuldura dhaabadheen kan Godina Gujiiti. Godinni Gujii godinaalee Oromiyaa keessaa tokko yoo ta’u, Finfinneerraa kiiloo meetira 600 fagaatee argama. Addunyaa kanarratti rakkooleen furmaata dhaban hedduudha. Kun garuu ummata Gujii biratti hinhojjetu. Ummanni Gujii Sirna Gadaatiin bula. Sirna Gadaa keessatti ammoo rakkoon furmaata hinarganne tokkollee hinjiru.
“Godinni Gujii godina hawwata turizimii hedduu qabuudha. Qabeenya uumamaatiinis kan badhaadheedha. Lageen, fincaa’aafi albuudawwan adda addaas qaba. Ani waa’ee Gujii hammana isinitti himeeraa dhaqaa daaw’adhaa. Godinichi aannan, buna, dhadhaafi buna qalaadhaan simatee isin keessummeessa. Galatoomaa!” jette.
Dorgommii miidhaginaa Miis Tuurizimii Oromiyaa marsaa 3ffaa baranaarratti kanaan shamarran sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa ba’aniif badhaasni qarshii kuma 100 hanga kuma 200tti kennameera.
Miidhagduu Miis Tuurizimii Oromiyaa bara 2015 kan turte Shamarree Hawwii Maatiyoosis, gonfooshii dorgommii Miis Turizimii Oromiyaa bara 2016 kan injifatte Shamarree Maahidar Fiqaaduuf dabarsitee kenniteetti.
Gaazexaan Bariisaas kanuma ka’umsa godhachuun turtii gabaabaa Shamarree Maahidar Fiqaaduufi Haliimaa Abdulshakur (Miis Turizimii Oromiyaa jalqabaafi Ambaasaaddara Turizimii Afrikaa Bahaa) wajjin taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseera.
Miis Turizimii Oromiyaa, Maahidar Fiqaaduu
Bakka dhalootaafi haala barnootaa
Godina Arsii, Magaalaa Boqojjiittin dhaladhee guddadhe. Digrii koo Yunivarsitii Walqixxeerraan arkiteekchariidhaaniin argadhe. Yeroo ammaa ammoo dorgommii Miis Turizimii Oromiyaa mo’adhee Komishinii Turizimii Oromiyaatti ambaasaaddara ta’eera. Walumaagaalatti Maahidar kana fakkaatti.
Karoora
Komishiniin Turizimii Oromiyaa karoorawwan adda addaa qaba. Oromiyaa beeksisuuf haalota adda addaatiin hojjechaa jira. Anis komishinicha wajjin ta’uun karoora qabamerratti hirmaachuun milkaa’inasaatiif xiyyeeffannaadhaan hojjechuun barbaada. Kana malees hojiilee miis turizimoonni kanaan duraa lamaan jechuunis kan Haliimaa Abdulshakur fi Hawwii Maatewos jalqaban hedduun jiru.
Gama miidiyaa hawaasaatiin Oromiyaafi biyya beeksisuu, waltajjiilee guguddaarratti Oromiyaa beeksisuufi kan kana fakkaatanirratti cimee hojjechuun barbaada. Akkasumas ogummaa koo arkitekchariidhaan waan narraa eegamu gochaa gama turizimiitiin ykn iddoowwan hawwata turizimii qabnurratti sirriitti xiyyeeffadhee hojjechuun barbaada. Turistoonni addunyaa akka waan qabnu dhufanii daaw’atanin barbaada.
Boqojjii
Bakkin irraa dhufe, Boqojjiin burqaa atileetiksii ta’uun beekamti. Amma ammoo miis miidhagduu turizimii Oromiyaafi biyyaaf gumaachiteetti. Kunis taatee addaati jechuun ni danda’ama. Maqaan bakka ittidhaladhe, Boqojjiin atileetota wajjin ka’a.
Atileetonni achii burqan maqaa biyya keenya addunyaarratti waamsisaniiru, beeksisaniiru. Nutis kanatti sirriitti boonneerra. Anis tattaaffiisaanii kanarraa muuxannoo fudhadhee gama turizimiitiin biyya keenya beeksisuun barbaada. Dameen turizimii hanga tokko fuulduratti akka deemu gochuufi maqaa biyya koo waamsisuun fedha.
Waan ummatarraa eegamu
Karoorrin qabadhe kun akka naa milkaa’uuf ummata keenyarraa abdii guddaan qaba. Hojiin ykn turizimiin kun qaama tokko qofaan waan hojjetamu miti. Ummanni keenyas nu wajjin ta’ee hojjechuun waan qabnu kanaan fuulduratti akka fiignuuf nu wajjin dhaabachuu qaban jedha.
Ummanni keenya, nuti Oromoonuu qabeenya turizimii hammamii akka qabnu sirriitti hinhubanne. Kana hubachiisuurratti cichee hojjechuun barbaada. Hawwata turizimii hedduu Oromiyaan qabdu sirriitti beeksisuun waanin barbaaduuf kanarratti ummanni keenya nu duukaa hiriiruu qaban jedha. Qabeenya qabnu sirriitti ilaallee beekuu qabna. Daaw’achuus qabna. Akka namoonni biroollee dhufanii ilaalan gochuun nurraa eegama. Sababiinsaas, dursinee ofumarratti hojjechuu waan qabnuufi.
Ofirratti hojjechuu
Otoo ofirratti hinhojjetiin, ilaalcha turizimiidhaaf qabnu hinjijjjiiriin warra kaan waa’ee turizimii Oromiyarratti ilaalcha gaarii akka qabaatan gochuu hindandeenyu. Kanaaf duraan dursinee ofirratti hojjechuu qabna ejjennoo jedhuun qaba. Hunda dura waan qabnu ofumaa barree, kunuunsinee kottaa ilaalaa jechuutu nurra jiraata. Hawwata turizimii qabnu beekumsaan hogganuu qabna.
Yoo kana goonee turistoonni waantota miidhagoofi hawwatoo qabnu nuu jaalatanii dhufanii ilaaluu danda’u. Yoo turistoota addunyaa bal’inaan waamnee waan qabnu hindaaw’achiisne eessayyuu ga’uu hindandeenyu. Kanaaf duraan dursinee ofirratti hojjechuu qabna ejjennoo jedhun qaba.
Yeroon itti hinjifadhe kun…
Yeroo ittihinjifadhe kun yeroo Komishiniin Turizimii Oromiyaa sochii cimaa taasisaa jirutti waan ta’eef carraa guddaa naa kenna jedheen amana. Waanin Oromiyaa keessatti hojjechuu barbaadu akkan hojjedhee milkeeffadhuuf carraa guddaa naa baneera jedheen yaada. Anis carraa guddaa kanatti fayyadamee bakka yaadameen ga’uun barbaada.
Maatii
Abbaan koo Fiqaaduu Lammaa Gammachuu jedhama. Haati koo Askaalaa Alamuu jedhamti. Obbolaa dhiiraa laman qaba. Ani intala hangafa. Maatii koorraa kunuunsa addaa argadheera jechuu hindanda’u. Garuu akkan ofitti amanamummaa guddaa qabaadhu taasisanii na guddisan. Mul’atan qabu akkan milkeeffadhuuf na gorsaafi na jajjabeessaati kan na guddisan. Ani cimee hojjedhee sadarkaa jalqabaarran jira jedheen amana.
Ergaa
Ergaan dabarsuu barbaadu, shamarran, dubartoonni naannoo keenya keessa jirtan hundi dandeettiin keenya hammam akka ta’e eenyuyyuu ni beeka. Jijjiirama biyya tokkoo keessatti gumaacha olaanaa akka qabnu sirriitti hubachuu qabna. Mataa ol qabannee of qopheessinee tattaafachuu qabna. Of fooyyessaa xiyyeeffannoodhaan hojjechuus qabna.
Yoo kana goone Oromiyaafi biyya keenyaaf bu’aa guddaa buusuu dandeenya jedheen amana. Kana malees ummanni Oromoo hundi Komishinii Turizimii Oromiyaa wajjin haala addaatiin hojjechuu qaba. Yoo akkas ta’e gama turizimiitiin jijjiirama guddaa galmeessisuu dandeenya. Walumaa galatti hirmaannaa guddaa haa taasisnu jechuun barbaada.
Haliimaa Abdulshakur (Miis Turizimii Oromiyaa jalqabaafi Ambaasaaddara Turizimii Oromiyaa kan Afrikaa Bahaa si’anaa)
Maal maal raawwatteetta?
Yeroon Miis Turiziim Oromiyaa ta’ee filatametti Ambaasaaddara Biraandii Biiftuu Oromiyaan ta’een hojjetaa ture. Hojii ‘Viziit Oromiyaan’ hojjetaa jiru isaan bakka bu’ee gara miidiyaatti fiduun Ambaasaaddara ta’een tajaajilaa ture.
Akkasumas iddoowwan adda addaatti argamuun Oromiyaan gama aadaatiin maal akka qabdu beeksisaan ture. Ambaasaaddara biraandii ta’ee waggaa tokkoofin hojjedhe. Erga gonfoo Miis Turizimii Oromiyaa nama biraattu dabarsee booda Ambaasaadda Miis Turizimii Oromiyaa kan Afrikaa Bahaa ta’een hojjetaa jira.
Amma Komishinii Turizimii Oromiyaa wajjin Oromiyaa Afrikaa Bahaatti beeksisuurratti xiyyeeffadheen hojjechaa jira. Kana keessatti hojiin Miis Turizim Oromiyaan hojjettu waa’ee aadaa, iddoowwan hawwata turizimii beeksisuurrattin hojjechaa jira.
Miis Turizimiin Oromiyaa ammaa maal hojjechuu qabdi?
Oromiyaa beeksisuun waa’ee nama dhuunfaa ykn dhaabbata tokkoo qofa miti. Tokkoffaa Oromiyaa beeksisuuf filatamuun kabaja guddaadha. Saba guddaa duudhaaleefi lafa turizimiif ta’u bal’inaan qabu kana bakka bu’anii beeksisuun kabajaafi carraa guddaadha. Kanaaf Oromoon hundi ambaasaaddara turizimii Oromiyaa waan ta’eef waan danda’ameef hunda hojjechuu qaba.
Hawwii
Oromiyaan numa jidduutti hafe. Waa’eeshiifi maal akka qabdu numatu beeka. Waa’ee miidhagina teessumashifi lalisummaashii walumaan jedhaafii faarsaa baane. Addunyaan hinargine. Addunyaa mitii namoonni ollaa keenya jiran hinbeekan. Kanaaf waan Oromiyaan qabdu of bira dabarsinee addunyaaf ibsuu danda’uu qabna. Hundumtuu bakkuma jirutti ambaasaaddara biyya ofii ta’ee waa’ee biyyaafi naannoosaa himuufi beeksisuu qaba. Iddoowwan hawwata turizimii ibsuun qooda hojii mootummaa qofa akka hintaane hubatamuu qaba.
Sochii Komishinii Turizimii Oromiyaa
Komishiniin Turizimii Oromiyaa erga hundaa’ee reefu waggaa sadii ta’a. Garuu hojii waggoota 30 raawwate jechuun ni danda’ama. Qaamonni adda addaa qooda qoodasaanii gumaachanillee Komishiniin Turizimii Oromiyaa garuu namoota muraasaan waan guddaa hojjeteera.
Kun milkaa’ina guddaadha. Naannawa ittidhalannee ala Oromiyaan maal akka fakkaattu hinbeeknuuyyu. Komishinichi garuu akka Oromiyaa beeknu nu taasiseera. Hariiroon naannawaafi biyyoolessaa akka cimu taasiseera. Fakkeenyaaf agarsiisa torban turizimii Oromiyaarratti biyyoonni Keeniyaa, Ugaandaa, Ruwaandaa, Gamtaan Emereetota Arabaafi Chaayinaafaan hirmaachuun kanaaf fakkeenya gaariidha.
Biyyoonni kunniin kanaan dura Oromiyaan maal akka qabdu hinbeekan ture. Akkuma beekamu waa’een turizimii biyya kanaa kallattii murtaa’e tokkorratti kan fuulleffate ture. Har’a garuu waan gama kanaan jirus agarsiisu dandeenyeerra. Kanaaf ammoo hawaasni bal’aan Oromoo, mootummaafi Komishiniin Turizimii Oomiyaas galata qabu.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016
4 Comments to ““Anis akkuma atileetota Boqojjii damee turizimiitiin maqaa biyya koo waamsisuun barbaada” – Miis Turizimii Oromiyaa, Maahidar Fiqaaduu”
Comments are closed.