Wiirtuu Konveenshiniifi Egzibiishinii Idiladdunyaa Addis Afrikaa ijaaramaa jiru

Mataduree, “Finfinnee mil’annaa miidiyaatiin” jedhuun tibbana gaazexeessitoonniifi hoggansi miidiyaalee adda addaarraa bahan kanneen 115 ta’an hojiilee misoomaa namarratti xiyyeeffataniifi pirojektonni guguddoon Magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiran daaw’ataniiru.

Pirojektota daaw’annaan irratti adeemsifame keessaas Wiirtuu Konveenshiniifi Egzibiishinii Idiladdunyaa Addis Afrikaa, riqichoonni, wiirtuun to’annoo tiraafikii, daandiiwwan ijaarsiisaanii yeroo gabaabaa keessatti xumurame, wiirtuu misooma beeladaafi ga’ummaa, warshaalee biddeenaa, giddugaleessa omishaaleen ittikuufamaniif gurguramaniifi Godambaa Adwaati.

Pirojektota guguddoo hedduu Magaalaa Finfinneetti ijaaramaa jiran keessaa Wiirtuun Konveenshiniifi Egzibiishinii Idiladdunyaa Addis Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti ijaaramaa jiru isa tokko. Oggaa ijaarsi wiirtichaa xumuramee humnasaa guutuun tajaajila kennuu eegalutti biyya keenya, Itoophiyaan akkasumas Finfinneen egzibiishinootaafi baazaarota idiladdunyaa haala milkaa’ina qabuun keessummeessuu akka dandeessuuf kan gumaachu ta’a.

Maamiloota kumoota danuu taateewwan adda addaa addunyaa qopheessuuf Finfinnee qaxxaamuranii darban asumatti hambisuudhaan biyyi keenya sharafa alaa hanga barbaadamuun argachuu akka dandeessuuf humna addaa dabaluu akka danda’u abdatameera.

Ogaa ijaarsi wiirtichaa xumuramutti Itoophiyaan waggaatti egzibiishinoota addunyaa 60 haala milkaa’aadhaan keessummeessuu dandeessisa. Bu’uurri misoomaa sadarkaasaa eeggate kan diriirfamuuf yoo ta’u, gama hundaan Afrikaa bahaarraa wiirtuu dorgomaa ta’a.

Pirojekiin Wiirtuu Konveenshiniifi Egzibiishinii Idiladdunyaa Addis Afrikaa lafa kaaree meetira kuma 110 irratti boqonnaawwan sadiin ijaaramaa jiru kun dafee akka xumuramuuf tattaaffii cimaan taasifamaa jira. Ijaarsi pirojektichaa oggaa xumuramutti Finfinneef miidhagina addaa akkasumas haala Itoophiyaa fooyyessuuf humna ta’a jedhamee abdatameera.

Boqonnaa jalqabaatiin ijaarsi bakka agarsiisniifi baazaariin addaa iddiladdunyaa ittidhiyaatu lafa kaaree meetira kuma 12 olirratti adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, galmoonni hundagalaas ijaaramaa jiru. Oggaa boqonnaan jalqabaa ijaarsichaa xumuramutti galmi tiyaatira anfii daaw’attoota kuma tokkoo ol qabachuu danda’u lafa kaaree meetira kuma torbarratti kan ittifufu ta’a.

Wiirtichi galmawwan egzibiishinii, baazaariifi moolota gabaa akkasumas iddoo guddicha altokkotti keessummoota kuma 10 ol itti keessummeessu ni qabaata.

Haaluma walfakkaatuun oggaa ijaarsisaa boqonnaa lammaffaan dhiyeenyatti xumuramutti bifuma walfakkaatuun wiirtuu konfaransii sadarkaa idiladdunyaa eeggate ni qabaata. Wiirtuun Konveenshiniifi Egzibiishinii Idiladdunyaa Addis Afrikaa boqonnaa lammaffaan lafa kaaree meetira kuma 27 irratti ijaaramaa jira. Boqonnaan kunis galmoota guguddoo, kaafteeriyaawwan, iddoo tiyaatirriifi fiilmiin itti agarsiifaman danuu qabaata.

Konveenshiniifi Egzibiishiniin Idiladdunyaa Addis Afrikaa wiirtuu kaappitaala aksiiyooniirraa walittiqabamuun lafa hektaara 11 liiziidhaan mootummaarraa argamerratti misoomaa kan jiru ta’uudha raawwachiisaa hojii ittaanaan wiirtichaa Obbo Gaashaawu Abaataa garee gaazexeessitootaa tibbana bakka ijaarsichaatti argametti kan himan.

Ammaan tana abbootii aksiyoonaa kuma tokkoofi 52 qabna. Abbootiin aksiyoonaa guguddoon dhaabbilee misoomaa mootummaati. Kanneen keessaa Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, aksiyooniiwwan danuu bitee misoomicharratti hirmaachaa jira jedhan.

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa, Dhaabbanni Daldalaa Turistii Itoophiyaa, Bulchiinsi Wabii Hawaasummaa Hojjettoota Mootummaa, Baankonni Wagaagan, Dhaashin, Abisiiniyaa, Inshuraansii Awaash akkasumas namoonni dhuunfaan keessatti argamu. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaas yeroo dhiyoo as abbaa aksiyoonaa ta’eera jechuun ibsan.

Wiirtuun kun guddina, qulqullinaafi miidhaginasaatiin Afrikaa bahaatti tokkoffaadha. Wiirtichi gama carraa hojii bal’aa uumuufi mootummaaf galii maddisiisuutiin faayidaa olaanaa qaba. Turizimii biyyattii guddisuu keessattis gumaacha guddaa qaba. Ce’umsa teknolojii keessattis akkasuma. Itoophiyaan teessoo dippilomaatotaafi dhaabbilee addunyaa ta’uun sadarkaa sadaffaarra waan jirtuufis kanaan walqabatee wiirtuun kun faayidaa damdaneessa qaba.

Wiirtuun kun gaaffii bu’uura misoomaa teessoo addunyaa ta’uun Itoophiyaa wajjin walqabatee ka’aa tureef deebii kan kennuudha. Oggaa ijaaramee xumuramutti gama siyaasaatiinis ta’e dippilomaasiitiin gumaacha olaanaa qabaata. Ogguma ijaaramaa jiru kanallee namoota danuudhaaf carraa hojii bal’aa uumuudhaan tajaajilaa jira.

Ijaarsa wiirtuu kanaatiif muuxannoo kan fudhanne magaalota akka Honghikongi, Dubaayiifi Miilaan (Xaaliyaanii)fa’irraayyi. Biyyoota akka Afrikaa Kibbaa, Ruwaandaafi Keeniyaa fa’is waan dhaabbilee akkanaa qabaniif daran fayyadamaniiru.

Itoophiyaa biyyi guddoon ummata miliyoona 100 tokkoo ol qabdu, dameelee dinagdee walmakaa (qonna, industirii, maanufaakchariingii, daldala, tajaajila) qabdu taatee otoo jirtuu hanga ammaattuu dhaabbata akkanaa dhabuun irra hinturre.

Manni Marii Daldalaa Finfinneefi Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee kana hubachuuni ijaarsi wiirtuu kanaa akka eegalamu kan taasisan. Nutis keessatti hirmaannee asiin geenye. Ijaarsichis walakkeessa bara kanaatti ijaarsi boqonnaa jalqabaa guutummaatti xumuramee hojiitti akka galuuf xiyyeeffannaan hojjetaa jirra jedhan.

Wiirtichi ijaarsa boqonnaa sadaffaafi isa dhumaatiin hoteela abbaa urjii torbaa ni qabaata. Isaan kunniin hunda qabachuuni wiirtichi Wiirtuu Konveenshiniifi Egzibiishinii Idiladdunyaa Addis Afrikaa kan jedhameef. Gamoo daldalaa ijaarsisaa xumurameefi kutaalee afurtama qabu ammaan tana tajaajilawwan adda addaatiif kireessuu eegalleerra.

Ijaarsi waliigalaa wiirtichaa barana akka xumuramuuf karoorfamus hanqina sharafa alaa dabalatee sababoota adda addaaatiin harkifachuu akka danda’uudha kan eeran. Gama gatiitiin yoo ilaalle boqonnaan jalqabaa qofti duraan qarshii biliyoona 1.2n hojjechuuf yaadamee turus; qarshii biliyoona lama barbaachisa.

Garuu akkuma beekamu gatiin meeshaaleefi humnaa si’aayinaan dabalaa waan jiruuf ammayyuu qarshii biliyoona lama jenne malee hammam akka fudhatu tilmaamuun nama rakkisa. Akaakuuwwan egzibiishinii afurtu jiru. Isaanis kan idiladdunyaa, ardii, biyyaalessaafi magaalattiiti.

Egzibiishiniin ogummaa jechuunis kan abaaboo, shaqaxootaa, industirii, faarmaasiifi kkfn ni jiru. Fakkeenyaaf wiirtuun egzibiishinii Dubaay waggaatti hanga agarsiisa 70 keessummeessa. Aksiyoonichi bara 2005 hundaa’e. Ijaarsi bara 2010 jalqabame. Ijaarsasaatiif qarshii miliyoona 800 kan kenne bulchiinsa magaalichaati.

Bulchiinsichi ogummaawwan adda addaatiinis nu gargaaraa jira. Yoo xiqqaate kantiibaa Adaanachi torban lamatti al tokko dhufanii haala hojichi irra jiru ni daaw’atu. Waajjirri kantiibaafi Waajjirri Pirojektota Guguddoo Magaalaa Finfinnees deeggarsa walirraa hincinne taasisaa jiraachuus dubbataniiru.

Waajjira Pirojektota Magaalaa Finfinneetti daarektarri Bulchiinsa Kontiraataa Injiinar Daawwit Xibabuus xiyyeeffannnaa bulchiinsi magaalichaa ijaarsa wiirtichaatiif kenneen keessumaa waggoota lamaa as haala gaariidhaan deemaa jira jedhan.

Pirojektichi akkuma ardiittuu isa guddaadha. Barana eebbisiisuuf torban guutuu, sa’aatii 24:00 hojjetamaa jira. Bulchiinsi magaalichaa wiirtuu egzibiishinii biraas ijaarsisuuf yaadaa jira jechuun ibsan.

Walumaagalatti, daaw’annichaan hojiileen magaalattiifi biyya gitan guguddoon namarratti xiyyeeffatan hojjetamaa akka jiraniidha kan hubanne. Waantonni hojjetamaa jiran egereen magaalattiis ta’e biyyattii maal akka fakkaatan ifatti kan agarsiisaniidhas.

Keessumaa magaalaafi biyya ijaarsaaf dhagaaa bu’uuraa kaa’anii biraa galuu malee yeroo, qulqullinaafi maallaqa qabameen fixuun rakkoo ta’aa turetti waanti ammaan tana qabatamaan hojjetamaa jiru daran abdachiisaa waan ta’eef muuxannoofi fakkeenya waan jalqaban hordofanii xumuruufi xumursiisuu kana naannoleefi magaalonni kunniinis qooddatanii sirnaan ittifayyadamuu qabu.

 Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Wiirtuu Konveenshiniifi Egzibiishinii Idiladdunyaa Addis Afrikaa ijaaramaa jiru”

  1. Pingback: ruay

Comments are closed.