Waldorgommii Buunyaa Oromiyaa baranaatiin Arsiin Lixaa Shaampiyoona ta’e

Finfinnee: Akaakuwwan Ispoortii xiyyeeffannoo hinarganne keessaa Buunyaan isa tokko yoo ta’u, yeroorraa gara yerootti garuu jijjiiramoonni gara garaa galmaa’aa jiru.

Tibbanas Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommii Buunyaa biyya Senegaal Daakaaritti gaggeeffameen Buunyessaa Fiqramaariyaam Yaadasaa gitasaa waliin hanga marsaa 3ffaatti falmii taasisuun injifatamus qabxii gaarii galmeessisee maqaa biyyasaa waamsisuu danda’eera.

Jalqabbiin gama ispoortii Buunyaan jiru akaakuuwwan ispoortii birootiin walbira qabamee wayita ilaalamu ammallee kanirratti hojjetamuu maluudha.

Buunyaan akaakuu ispoortii xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uurraa kan ka’e akka Oromiyaatti irratti hojjetamaa dorgommiiwwan gara garaas gaggeeffamaa jiru.

Tibbanas dorgommii WTFO (World Tekuwaandoo Federeeshinii Oromiyaa) marsaa 4ffaa magaalaa Shaashamanneetti qophaa’ee ture.

Waldorgommii Buunyaa marsaa 4ffaa Oromiyaa Fulbaana 5-10tti giddugala magaalaa Shaashaamanneetti gaggeeffamaa ture kanaanis Godinni Arsii Lixaa shaampiyoonaa ta’uun dorgommicha olaantummaan xumureera.

Godinichi akaakuuwwan eventii kiiloo giraama /ulfaatina/ gara garaan dorgomuun waancaawwan lama dhuunfatee shaampiyoonaa ta’eera.

Magaalaan Shaashamannee immoo lammaffaa kan bahe yoo ta’u, dameen ispoortii Buunyaa kun fuuldurattis cimee godinaalee Oromiyaa hunda keessatti babal’achuu akka qabu ibsamuu odeeffannoon Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaarraa argame ni eera.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016

Recommended For You

5 Comments to “ Waldorgommii Buunyaa Oromiyaa baranaatiin Arsiin Lixaa Shaampiyoona ta’e”

  1. Pingback: SBOTOP
  2. Pingback: hostel bangkok
  3. Pingback: find out this here

Comments are closed.